Amorim Man Untd waliin mo’achuutti gammade, Saanchoon Chelsiif murteessaa ta’aa dhufe

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Leenjisaa haaraa Maanchester Yunaayitid dhiyeenya kana Ispoorting irraa fidate Ruuben Amorim garee kana waliin mo’icha jalqabaasaa dhamdhamateera.

Tapha Yurooppaa Waancaa Oold Tiraaforditti kilaba Bodoo/Giliimt jedhamu simatee kan keessummeesse Maan Yunaayitid, 3 fi 2 mo’ateera.

Leenjisaan haaraa kun mo’atus garuutaphattoonni waan inni isaanirraa barbaadu hubatanii hojiirra oolchuuf yeroo yaalaa tranitti sodaatee akka ture garuu hin haallee.

Goolii Gaarnaachoon daqiiqaa jalqabaarrati lakkoofsiseen hanga daqiiqaa 19ffaatti dursaa turan warri Maanchester Yunaayitid. Garaagarummaa daqiiqaa afurii gidduutti daqiiqaa 23ffaa irratti kan itti gale Maanchester Yunaayitid, dirree isaa bakka namoonni kuma 72 ol seenanii daawwachaa jiraniti leenjisaa haaraa qabatee bakka seenu walaallee ture.

Haata’u malee, Raasmas Hojluund goolii lama daqiiqaa 45ffaa fi 50ffaa irrati lakkoofsiseen isaan fure.

Raasmas Hoyluund gatii itti bahe deebisuutti deebiyaa waan jiru fakkaata.

Leenjisaan umuriin isaa wagga 39 ta‘e Amirom goolii taphataan kun galcheen dhiphina jalqaba bara hojii isaa keessaa ittiin bahe.

Leenjisaan lammii Poorchugaal amma itti gaafatamummaa Maanchester Yunaayitid fudhate kun yeroo darbe tapha Piriimer Liigii torban 12ffaa irratti Ipsiwiich waliin walqixa bahe.

Ruben Amirom kilaba Poorchugaal Ispoorting leenjisaa osoo jiruu ture Maanchester Yunaayitid Eriik Teen Haag ari'ee kan isa fudhate.

Teen Haag ari'amee hanga Amirom dhufutti Maacnhesteriin hogganaa kan tureefi taphoota lamarrattiyyu kan milkaa'ee Ruud Vaan Istiroy ammoo Leester Siitii =f leenjisaa haaraa ta'eera.

Ruuben Amorim tapha jalqabaa kana dura si’a lama qofa ture leenjii guutuu garee kana waliin kan taasise.

Tapha Yurooppaa Liigiitiin Chelsiinis milkaa’eera. Chelsiin kilaba Jarmanii Heyideenhem jedhamu waliin taphatee 2 fi 0n mo’atee gale.

Golii lamaan Chelsiin ittiin mo’ate kana Maayikiloo Muudirik fi Kirisoofe Nukuunkuu turan kan lakkoofsisan.

Jaadon Saanchoo ammoo ga’umsa ajaa’ibaa agarsiisuun Chelsiif oolmaa guddaa ooleera.

Goolii lamaan Chelsiin lakkoofsise isatu tottolchee kenne.

Laanjisaan Chelsii Enzoo Maareskaa Jaadon Saanchoo “taphataa murteessaaha” jechuun jajateera.

Akkuma leenjisaan kun jedhe Saanchoon kilabichaaf murteessaa ta’uu agarsiisaa jira.

Kilabni Landan biraan Tootenhaam ammoo Roomaa simatee keessummeessee 2 fi 2walqixaan xumure.

Goolii Tootenhaam lamaan daqiiqaa 5ffaa irratti Saan, 33ffaa irratti ammoo Joonsan turan kan lakkoofsisan.

Tootenhaam Shaampiyoonaa Piriimer Liigii bara darbee Maanchester Siitii Iitihaad irratti 4 fi 0 mo’achuun isa ani yaadatama.

Tootenhaam tapharratti ol aantummaa fudhatee ture, garuu qabxii gatii ba’eera.