'Miira walmakaa': Filisxeemonni waliigalteerra ga'amuutti gammadaa jiru garuu gadda mudatus sodaachaa jiru

Filisxeemota gammachuu ibsachaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3
Ibsa waa'ee viidiyoo, Filisxeemot waliigalteen mallattaa'uu hordofee gmmachuu ibsatan

Filisxeemonni Gaazaa keessa jiran waliigaltee dhukaasa dhaabuu mallattaa'eefi namoonni butaman gadhiifamuun gammachuu ibsachaa jiru. Haata'u malee, sababa waraana waggaa lama tureen gadda uuumame isaan mudachuu malu sodaachaas jiru.

"Ganama kana yeroo oduu dhukaasa dhaabuuf waligalamuu dhageenye, gammacuufi miirga dhukkubbii nutti fide," jechuun BBCtti hime ga'eessa waggaa 38 kan sababa waraana kanaan ilma isaa waggaa 16 dhabe Uum Hasan.

"Gammachuurraa kan ka'e, dargaggoonnis ta'e ga'eessonni sagalee ol fuudhanii iyyuu jalqaban," jedha.

"Warri nama jaallannu dhabne garuu isaan yaadachuu jalqabnee, isaan malee akkamitti manatti deebina jechuun yaadda'uurra jiraa."

Mr Hasan itti dabaluun: "Namni fira/maatiisaa dhabe kamiyyu gaddi gadi fagooti itti dhaga'amaa kan jiru yoo ta'u, akkamitti akka manatti deebiyan yaadda'aa jiru."

Oduun waliigalteerra gahamuu kun pirezidantii USDoonaald Tiraampiin kan ibsame yoo ta'u, kaabinee waraanaa Israa'eliinis fudhatama argachuu qaba jedhameera.

Itti aansuun ammoo Israa'eloonni butaman 20 lubbuun jiraniifi reeffi namoota 28 kan gadhiifaman yoo ta'u, Filisxeemonni 250 ammoo hidhaa umurii guutuu mana-hidhaa Israa'el namoota Gaazaarraa ta'an 1,700 keessatti hidhamanii jiran bakka isaa kan gadhiifaman ta'u.

Kun karoora nagaa qabxii 20 qabuu fi waraana kana xumuruu danda'u marsaa jalqabaati. Marsaa itti aanu ammallee mari'achuun kan barbaachisu ta'us.

''Nuti, namoonni nagaa, warra rakkannedha. Dhuguma rakkanne,'' jechuun Daani'eel Abu Tabeek, kaampii baqattoota Jabaliyaarraa BBC'tti himeera.

"Qaamoleen [wal lolan] dhukkubbiin keenya itti hin dhaga'amu. Hoggantoonni biyya alaa bakka mijataa taa'an sun gidiraa as Gaazaatti obsaa jirruuf miira hin qaban."

"Mana hin qabu" jedhe. "Waggaa tokkoo fi walakkaaf daandiirra jiraadheera."

Israa'el haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 raawwateef deebii kennuudhaan Gaazaatti waraana kana kan jalqabde yoo ta'u, namoonni gara 1,200 ta'an, irra caalaan isaanii lammiilee Israa'el nagaa ta'an, ajjeefamanii, 251 ammoo butamanii ture.

Haleellaa Israa'el haaloo bahuuf gaggeessiteen lammiilee Filisxeem kuma 67 ol kan ajjeefaman yoo ta'u, irra caalaan isaanii lammiilee nagaa ta'uu ministeerri fayyaa naannoo sanaa kan Hamaasiinhogganam ibseera. Lakkoofsikun UN fi qaamolee idil-addunyaa biroo biratti akka amanamaa ta'etti ilaalama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Manneen jireenyaa Gaazaa %90 ol miidhamuu ykn barbadaa'uu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii ibseera.

"Waaqayyo obsa nuuf knneera," jetti Uom Naader Kaalub kaaba Gaazaarraa, kan ilmaan ishee dabalatee firoota torba sbaba waraanaa kanaa kan dhabde.

"Yoo Waaqayyoo jedhe, [warri jaarsummaa taa'an] nu gargaaraan, hundi keenya gara mana keenyatti akka deebinu, akkasumas namoonni isaan jalaa butaman nagaan akka deebi'an ni hayyama," jette. "Nuti waraana hin barbaannu."

Doktarri Dyir al-Balaah giddugala Gaazaa Istriip keessa hpjjetu Muusaan akka jedhetti: "Waggaa lamaan waraanaa kana keessatti waan baay'ee dhabneerra. Gaazaa diigamtee jirti. Yeroon rakkisaan ammallee nu eegaa jira, garuu wanti barbaachisaan nagaa ta'uuf abdii qabna."

Dhuma torbee darbee oduun waliigaltee dhukaasa dhaabuu danda'u yeroo babal'ate, itti gaafatamaan ergama Filisxeem UK Husam Zomlot BBC'tti akka himetti: "Waggoota lamaan darban keessa wanti hamaan, namoota jaallattu, fira kee, hiriyyoota kee, ollaa kee dhabdee, gaddullee hin dandeenye waan ta'eeef akka namaatti dhaabattee yaaduufillee rakkisaadha."

"Sababni isaas xiyyeeffannaan kee inni guddaan waan ta'aa jiru dhaabuuf yaaluun waan ta'eef."

Itti dabaluudhaanis: "Yeroo ummanni keenyaa fi maatiin keenya ajjeefamaa turanitti miirrii ture: kana akkamitti dhaabdu? Akkamitti nama si jalaa du'e awwaalta, nama si jalaa madaa'e akkamiin kunuunsitu?"

"Ammaan booda wanti jiru [wal makaadha] miirrii inni guddaan gadda, boo'icha, fi sababa maatiifi firoota dhabamaniif] caba guddaadhaa. Sababni isaas wanti nuti dhabne guddaadha."