Arsenaal waancaa afur injifachuufii? Salphinaa fi kufaatii Liiverpuul ariifate irratti maaltu jedhame?

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal baratti seenaa isaa haaressu fakkaata. Piriimer Liigiidhaan sadarkaa tokkoffaa irra kan jiru Arsenaal, Shaampiyoonsi Liigii irrattis kilebni hin mo'amnee fi sadarkaa tokkoffaan dursaa jirus isuma.
Baayern Muunik kileba biraa akka Awurooppaatti hin mo'amne ture. Hanga Emireetis irratti Arsenaal waliin dorgomanitti jechuudha.
Galchii Tiimber, Maduweekee fi Maartineliin 3-1'n Baayern Muunikiin mo'atan.
Muunik taphaan caalmaa fudhatus Arsenaal boqonnaa booda tasgabbii gaariin taphachuun carraa argatan gara galchiitti jijjiiraniiru.
Dogogorri gurguddaa karra eegaa Baayern Muunik Maanu'eel Nuwer akkuma jirutti tahee Arsenaal kileboota Awurooppaa gurguddoof ergaa kan dabarse fakkaata.
Bara darbe yeroo akkasii Liiverpuul Piriimer Liigii fi Shaampiyoonsi Liigii dursaa ture.
Piriimer Liigii mo'achuun Shaampiyoonsi Liigii irratti haala gaariin osoo eegamuu PSG'dhaan mo'amuun keessaa bahe.
Haalli akkasii yoo hin mudanne Arsenaal barana waancaa afur carraa mo'achuu qaba.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Karabayoo Kaappii gara nuusa xumuraatti darbeera. Piriimer Liigii, Shaampiyoonsi Liigii fi FA Kaappii dabaluun carraa mo'achuu qabu. Garuu salphaa hin tahu.
Arsenaal waancaa Shaampiyoonsi Liigii takkaayyuu mo'atee hin beeku. Arteettaan kana milkeessinaan leenjisaa yeroo hundumaa seenaa kilebichaa keessatti yaadatamu taha.
Mikeel Arteettaan kilebni guddaan amma Awurooppaa keessa jiru Baayern Muunik jedhee ture.
Amansiisee erga mo'atee garuu Arsenaal Shaampiyoonsi Liigii %100 mo'achuun kileba cimaa Awurooppaa keessaa barana waancicha mo'achuu danda'u tahuu agarsiise.
Dorgommii hunda irratti taphoota 16 mo'achuun lama qixa bahanii tokko qofa mo'aman.
Kan biraa ammoo erga bara 2005-06 as yeroo jalqabaaf taphoota Shaampiyoonsi Liigii shan walitti aansuun mo'atan.
Taphataan duraanii Arsenaal Maat Upsan, ''Amma Arsenaal irratti ofitti amanamummaa guddaa argita. Taphoota tokko tokko irratti bakka haala gaariin hin taphanne qabu. Garuu bu'uurri isaa hojjetameera. Akkasis tahee gadi bu'aniiru yeroo jedhamu qabxii 7/10 gadi kan tahu miti'' jedhe.
"Garaagarummaa jiru baay'ee xiqqaa akak tahe ni beekama. Torban darbe kana Tootenhaamiin haala gaariin mo'anne. Ammas injifannoo gaarii arganneerra. Amma waan goonu mana gallee irbaata keenya nyaachuun boru ganama ammoo tapha Cheelsiif qophaa'uudha'' jedhe Arteettaan.
Boqonnaa booda taphataa tokko tokkoo Baayern irratti xiyyeeffanne. Kanaanis milkoofneerra. Arsenaal baranaa isa bara darbee irraa addadha. Leenjisaan keenyas hojii keenyatti gammadeera'' jedhe Deklaan Raayis.
Liiverpuul erga Aanfiildi irratti Nootingihaam Foorestiin 3-0 mo'amee amams salphina biraatu isa mudate.
Kilebni biyya Arnee Isloot kan duraan yeroo inni Feeynord leenjisaa ture morkataa isaa tahe PSV'n 4-1 mo'achuun dirree isaanii irratti isaan qaanessan.
Deeggartoonni yeroo taphni osoo hin dhumiin dirree gadhiisanii bahan deeggartoonni PSV ammoo nagaan galaa [Chaw] jechaa turan.
"Liiverpuul waggoota 71 keessatti kufaatii isa mudatee hin beekne keessa galeera.
Taphoota 12 keessaa taphoota sagal irratti mo'ame. Sadii qofa mo'ate.
Bara 1953-54 as yeroo jalqabaaf kufaatii akkasi galmeesse. Koortis Joonsi, ''miira koo ibsuu hin danda'u. Waan natti dhagahamaa jiru waan aarii irra darbedha.
Leenjisaan kilebichaa bara darbe waancaa Piriimer Liigii injifachiise barana dhiibbaa guddaa keessa jira.
Gareen taphattoota gatii qaqqaalii irraa hojjetame kun rakkoo isaa furuu hin dandeenye.
Istiifen Jeeraard dabalatee taphattoonni duraanii Liiverpuul gahumsi taphattoonni kilebichaa amma agrasiisaa jiran fudhatama hin qabu jedhan.
Isloot hojiikoo dhaba jedhee hin yaadda'u jedhe. garuu rakkoo keessa galle keessaa bahuuf jabeessinee hojjenna jedhe.
Amma anaafis taphattootaafis haala hamaa keessa jirra. Haala ulfaataa keessa galleerra. Mo'amuu keenya qofa osoo hin taane Liiverpuul akaks taha jedhee namni eege hin jiru jedhe.
Mohaammad Saalaa takkaa akkas tahee hin beeku. Aleeksaander Isaak Liiverpuul waan irraa barbaadu kennuu hin dandeenye.
Ittisni Liiverpuul rakkoo hamaa qaba. Ibiraahim Koonaatee kontiraanni isaa xumuramaa jira.
Qalbiin isaa Riyaal maadirid erga galee taphataan kun balleessaa hin eegamne hedduu hojjechuun gatii isaan baasisaa jira. Ammoo bakka isaa irra filannoo biraa hin qaban.
Maanchister Siitiin dirree isaa irratti Baayern Liiverkuseniin mo'ame. Cheelsii fi Arsenaal garuu morkattoota jajjaboo irratti olaantummaa argatan.












