Manni murtii Elon Maask odeeffannoo maallaqaa US argachuu dhorke

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Abbaan seeraa Mana Murtii Federaalaa Ameerikaa, waajjirri Ilon Maask odeeffannoo lammiilee Ameerikaa miiliyoonaan lakkaa'amanii kan waajjira maallaqaa biyyattii keessa jiru sakatta'uurraa dhorkan.

Waajjirri Pirezidanti Doonaald Tiraamp michuusaa Ilon Maaskiif hundeesse Department Of Government Efficiency (DOGE) Ameerikaa keessatti falmii cimaa kaasaa jira.

Abbaan seeraa Pool Ingilmeeyar Sambata kaleessaa murtee dabarsan keessatti Ilon Maask fi miseensonni gareesaa odeeffannoo hanga yoonaatti walitti qabatan akka haqan ajajaniiru.

Waajjiraalee mootummaa keessatti jijjiirama bu'uuraa fiduuf hundeeffamuunsaa kan himamu waajjirri Ilon Maask, odeeffannoo waajjira maallaqaa argachuu fi sakatta'uu hordofeeti abbootiin alangaa bulchiinsota 19 kan himatan.

Himati dhihaate akka jedhutti waajjirri DOGE jedhamu waajjira mootummaa seera qabeessa waan hin taaneef seera federaalaa kan sarbuudha.

Ilon Maask murtee abbaa seeraa booda yaada gabaabaa Facebook isaa irratti barreesseera.

''Baayyee nama ajaayiba,'' jedhe.

''Maallaqi maalitti akka ba'e osoo hin beekin akkam goonee gibirri akka hin qisaasamne gochuu fi yakka waliin dhahuu dhaabuu dandeenya?'' jechuun barreesse Maask.

Pirezidant Tiraamp, Ministeera maallaqaa fi Ministira Maallaqaa Iskoot Besent irratti himata kan dhiheessan abbootii alangaa bulchiinsota dimkiraatotaati.

Abbaan seeraa murtee isaaniirratti wayita ibsa kennan ''odeeffannoon icciitii hedduun balaarra bu'uu danda'u'' jedhan.

Murteen abbaa seeraa kun hojjettoota mana hojii sanaan ala namni biraan alaa dhufee odeeffannoo hojjettoota ministeerichaa, muudamtoota siyaasaa fi hojjettoota kaanii argachuu hin danda'u jedha.

Abbaan seeraa kun dabalataan namoonni hanga ammaatti odeeffannoo argatan koppii harkasaanii jiru hatattamaan akka balleessan ajajaniiru.

Namoota himata dhiheessan keessaa tokko kan ta'an abbaan alangaa New York Leetikaa Jeemsi, bulchiinsi Doonaald Tiraamp waajjirri Ilon Maask DOGE jedhamu odeeffannoo dhuunfaa namootaa akka argatu ''eeyyama hin malle'' kenneera jedhan.

''Torbee darbe odeeffannoon dhuunfaa namoota kumaatamaan lakkaa'amanii dabarfamee Ilon Maask fi waajjirasaa DOGE jedhamuuf kennamuun baayyee na ajaayibeera,'' jedhan abbaan alangaa kun.

Biiliyeenarri addunyaa Ilon Maask pirezidant Doonaald Tiraamp yeroo lammataaf akka filatamu gochuuf baayyee ifaajeera.

Waajjirri DOGE jedhamu, kan Tiraamp Ilon Maaskiif uume, jaarmiyaan gargaarsaa mootummaa Ameerikaa kan ta'e USAID deeggarsa kennu akka hir'isu yookiin akka dhaabu tarkaanfii fudhateera.

Jaarmiyaan gargaarsaa Ameerikaa kun Itoophiyaa dabalatee biyyoota addunyaa garaagaraaf doolaara biiliyoonaan lakkaa'amu kennaa ture.