Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp Afrikaa Kibbaarra qoqqobbii kaa'e
Pirezidaantin US Doonald Tiraamp deeggarsi maallaqaa Afrikaa Kibbaaf kennamaa ture akka adda citu ajaja pirezidaantummaa mallatteesse.
Afrikaan Kibbaa warra adii achi jiraatan irraa lafa fudhachuuf seera loogii qabu baaste jechuun deeggarsa maallaqaa akka irraa kutu dhaadatee ture.
Sababni dabalataa Tiraamp deeggarsa irraa kute, Israa'el Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii (genocide) gaggeessite jechuun Afrikaan Kibbaa Mana Murtii Haqa Idiladdunyaa (ICJ)tti himachuusheeti.
Michuu Tiraamp fi dureessa addunyaa kan ta'e Elon Maask hiddi dhalootasaa Afrikaa Kibbaa ta'us, Tiraamp deeggaruun Afrikaan Kibbaa 'sanyii bu'uura godhachuun lafa irraa fudhataa jirti' jechuun X gubbaatti bulchiinsa Siiril Raamaafoosaa qeeqe.
Waajjirri Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosan Elon Maaskitti bilbiluun Tiraamp akka irraa tasgabbeessufi seera biyyattii waa'ee lafaa ilaalchistee baaste sirnaan akka hubachiisu gaafachuu torbanuma kana ibsee ture.
Pirezidaant Siiril Ramaafoosaa garuu, seerri biyyattiin baaste uummanni bifa haqa qabeessa ta'een lafatti akka fayyadamu kan godhuudha jechuun Tiraamp seericha akka hin taanetti hubachuu himanii ture.
Seerri Afrikaan Kibbaa baaste, lafa seeran ala warra adii harka jiru beenyaa malee akki itti irraa fudhatamu akka jiru ni hima.
Afrikaan Kibbaa gita bittaa sirna Appartaayidii jalaa erga baatee booda, abbummaan lafaa gaaffii cimaa hanga ammaa deebii hin argatin jiruufi falmisiisaa ta'ee hafeedha.
Abbummaa lafaafi daba bara sirna gita bittaa warra gurraacha irratti taasifame ilaalchisee rifoormin akka gaggeeffamu irra deddeebin waamichi mootummaaf taasifama.
Afrikaan Kibbaa seerri isheen baastefi qoqqobbii Tiraampif ishee saaxile lafa warra adii harka jiru beenyaa malee akka fudhatamu yoo ta'u, kunis lafti sun yoo hin misoomin tureefi uummatarraan balaa gaha jedhamee yaadameedha.
Kana bu'uura godhachuun Tiraamp Afrikaan Kibbaa 'garee tokkorratti xiyyeeffachuun' lafa beenyaa malee irraa fuudhun mirgasaanii sarbite jechuun qoqqobbii deeggarsa irraa dhaabuu irra kaa'e.
Akkaataa ajaja Tiraamp Afrikaa Kibbaa irratti dabarse kanaan, Ameerikaan deeggarsa maallaqaa Afrikaa Kibbaaf gochaa turte ni dhaabdi.
Waayit Haawus akka jedhetti qote bultoota Afrikaa Kubbaa [warra adii] akka buqattotatti qubsiisuf karoora akka baasu beeksise.
Ajaji Tiraamp mallatteesse kun dabalataan himannaa Afrikaan Kibbaa Israa'el Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii raawwatte jechuun Mana Murtii Haqaa Idiladdunyaatti dhiyeessite kan of keessatti qabatuudha.
"Dabalataanis, Afrikaan Kibbaa Yunaayitid Isteetisifi michootashee kan akka Israa'el irratti ijjannoo sirrii hin taane qabdi, Hamaas osoo hin taane, Israa'el yakka duguuggaa sanyiin ICJtti himatte," jechuun Afrikaan Kibbaa Iraan waliinis hidhata waraanaafi daldalaa cimsachuushee qeeqa ajaji kun.
Dilbata darbe Tiraamp fuula miidiyaa hawaasaa kan ofiisaa 'Truth' jedhamurratti akkana jechuun barreesse: "Hanga qorannoon dhimma kanaa xumuramutti deeggarsa mallaqaa Afrikaa Kibbaaf gara fuulduraatti godhamu hunda irraan kuta!"
Boodarra ammoo turtii gaazexeessitoota waliin taasiseen, gaggeessitoonni Afrikaa Kibbaa "waan fokkisaafi gadhee ta'e hojjataa jiru" jedhechuun dhimmicharratti qorannoon gaggeeffamaa akka jiru ibse.
Wiixata darbe ammoo dhimma Tiraamp kana akka qabbaneessuf, Pirezidaant Siiril Raamaafoosan dhalataa Afrikaa Kibbaa kan ta'e Elon Maaskitti bilbilanii ture.
Garuu tattaaffin isaan Tiraamp dhaabsisuuf godhan hin milkoofne. Tiraam deeggarsi maallaqaa Afrikaa Kibbaaf godhamu akka adda citu aangoo pirezidaantummaasaa fayyadamuun ajaja mallatteessee jira.