Abbaan 'haatisaanii duutee jirti' jechuun daa’imman lakkuun kadhachaa ture adabame

Madda suuraa, WKMG
Maqaan nama kanaa Obbo Malkaamuu Guuttataa jedhama. Kan jiraatan Lixa Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gimbii keessa.
Namni kuni daa'imman lakkuu ofii haatii isaanii irraa duutee jirti jechuun deeggarsa ittiin kadhachuudhaan gocha goyyamsuutiin himatamanii itti murtaa'e.
Himatamaan Obbo Malkaamuu Guuttataan daa’imman lamaan qabatee waajjiraalee mootummaarra deemunis irra deddeebiin deeggarsa gaafachaa tureera.
Haata'u malee himatamaan kunis ALI bara 2012 keessa ture haadha warraasaa, haadha ijoollee kanneenii taatee waliin erga waldhabanii booda daa’imman lakkuu fudhatee kan manaa baha.
“Yeroo daa’imman kana fudhatee bahu haadha warraa wajjin walitti bu’iinsi waan jiruuf inni ijoollee qabatee mana keessaa bahe” jedhu Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Gimbii Taarraqany Fufaa.
Sana boodas himatamaan kun aanaalee Godina Wallagga Lixaa garagaraa keessa deemuun “harmeen daa’imman kanaa hospitaala keessatti yaalii baqaqsanii yaaluu taasifameefii duute” jechuun ittiin kadhachaa akka ture galmeen himataasaa ni hima.
“Haati ijoollee lamaan kanaa hospitaala keessatti waan duuteef, ijoollee kana waan ittiin guddisu waanin dhabeef’ jechuun ijoollee kana qabatee kadhachaa ture” jedhan Pirezidaantiichi.
Haata'u malee haati daa’imman lamaan kanneenii ijoolleeshee barbaadaa kan turte yemmuu ta’u, boodarras dhimma ijoolleeshee lamaanii gara miidiyaa hawaasaatti fidde.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Yemmuu miidiyaa hawaasaarratti gadhiistu Waajjirri Hawwaasummaa Magaalaa Gimbii yeroo himatamaan kun ijoolleee kana qabatee deemu waan arganiif Waajjira Poolisiif eeruu kennan,” jechuun attamiin dhimmichi gara seeraatti akka dhufe ibsu.
Sana boodas himatamaan kun to’annoo jala oolee qorannoon irratti taasifamaa erga turee booda ALI Bitootessa 5 bara 2016 Mana Murtii Aanaa Gimbiitti himanni irratti baname.
“Seera yakkaa bara 1996 bahe Keewwata 701/1fi 2 jalatti namni kun gochaa goyyomsuu namarratti raawwachuun, akka haati duutetti ibsee ijoollee kanaan waan kadhachaa jiruuf himannaan irratti dhiyaate” jedhan Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Gimbii Taarraqany Fufaa.
Itti dabaluunis, haati daa’immanii ‘duuterti” jedhamtes dhaddacharratti argamuun jecha ragaa kennuushee himan.
Himatamaa Malkaamuu Guuttataas himata irratti dhiyaate akka ofirraa ittisuuf ajajni kennamullee ofirraa ittisuu waan hin dandeenyeef manni murtichaa murtee balleessummaa irratti murteesse.
Haaluma kanaanis, manni Murtichaas dhaddacha ALI Ebla 1, 2016 ooleen himatamaa Malkaamuu Guuttataa irratti hidhaa cimaa waggaa tokkofii ji’a jaha akkasumas adabbii birrii 1,000 irratti murteessee jira.
'Adabbiin ni xiqqaata'
Dhimmi himatamaa kanaa miidiyaalee hawaasaarratti erga qoodamee booda yaadawwan ‘adabbiin irratti murtaa'e ni xiqqaata’ jedhan qoodamaa jiru.
Dhimma kana kan gaafanne Pirezidaantiin Mana Murtii Aanaa Gimbii Taarraqany Fufaa, Abbootiin Seeraa himata Abbaan Alangaa dhiyeesse bu’uura godhachuun murtee kan kennan ta’uu himu.
“Nuti ‘yakki kun salphaadha yookiin ulfaataadha’ kan jennu himata ykn Keewwata Abbaan Alangaa dhiyeesse irratti hundaa’un.
''Keewwanni Abbaan Alangaa himannaa kana ittiin dhiyeessee ammoo ‘namni balleessaa goyyomsuu raawwatee ragaadhaan kan irratti qulqullaa’e yoo ta’e fi gochicha raawwachuunsaa yoo mirkanaa’e hidhaa salphaa yookiin hidhaa cimaa adabsiisa’ jedha. ‘Yoo dubbichi ulfaataa ta’e hidhaa cimaa adabsiisa’ jedha” jechuun himan.
Kunis Abbootii Seeraaf filannoo kan laatu ta’uu himuun, filannoon kun balleessaa himatamaan sun kana dura raawwate irratti hundaa’uun kan fudhatamu akka ta’es eeran.
Dabalataan Keewwatichi namni gochaa goyyomsuu keewwaticha jalatti eerame raawwate hidhaa salphaa fi adabbii maallaqaa yookiin immoo hidhaa cimaa waggaa shan hin caallee fi adabbii maallaqaa akka adabamu kan eeru ta’uu himaniiru.
Haaluma kanaanis Abbootiin Seeraa Mana Murtichaa hidhaa salphaa kan jedhu filachuun murtee adabbii akka kennan pirezidaantichi himaniiru.












