Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhukkuboota beeyilada miidhan hangam beekna, eeggannoo akkamiitu ta’uu qaba?
Aab Abbaaguddoo Jaatanii Godina Booranaatti horsiisee bulaa Magaalaa Olaanaa Moyyaaleeti.
Isaan umuriisaanii jiraatan horsiisa beelladaa waliin waan dabarsaniif bu’aa bahii beeyilada horsiisuun qabu akka gaariitti beeku.
Lafa gammoojjiittii beeyilada yoo horsiisan balaa hamtuun lubbuu beelladaa fixxu yoo roobni badee hongeen buute ta’ulleen, dhukkuboota beellada dhibbaan ajjeesanis qabatamaan akka arganii beekan BBC’tti himan.
“Wanni guddoo hamtuu beellada fixxu bona. Akka bara darbee kana. Garuu lafa horsiisa beelladaa kana dhukkuba beellada fixxutu jira. Dhukkubi sombeessa jedhan kan loonii fi re’ee baayyee ijjeesudha. Dhukkubbi Butii jedhanis ni jira. Lameen tun loon heddu fixxe,” jedhu Aab Abbaaguddoon.
Ammaan dura marroo adda addaatti dhukkuba Sombeessa jedhan kanaan loon isaanii baayyeen akka jalaa dhumanilleen yaadatu.
“Ani loon hedduun qaba. Dhukkubi sombeessa jedhan tuni yeroo hedduu loon kiyya fixe. Si’a tokko haga loon 30 marroo dhibii ammoo akka loon 20 na jalaa ijjeese. Butiinis loon najalaa ajjeesee beeka," jedhan.
Horsiisee Bulaan Godina Booranaa biraa Aab Goollicha Areeroos yeroo bonni hammaatee fi yeroo roobas dhukkuba gosa adda addaatu beellada nujalaa miidha jedhan.
“Irra caalaa kan beellada nu jalaa ajjeesu Sombeessa. Yeroo roobni akka ammaa kana roobu ammoo sillisaa fi Butii nu jalaa ajjeesa. Dhukkubni kun loon keenya qabnaan oggasuma sochii dhoowwee laaffisee ijjeesa,” jedhan.
Isaanis marroo tokkoon dhukkubni akkanaa loon isaanii seenee jennaan loon 20 caalan yeroo tokkoon akka jalaa dhuman yaadatu.
Mallattoolee fi ittisa dhukkuboota Beelladaa
Dr Firaa’ol Waaqoo ittigaafatamaa waajjira Qonnaa Magaalaa Olaanaa Moyyaalee yoo tahan, ogummaa yaala beelladaatiin naannoo horsiisee bultootni jiranitti muuxannoo hojii qabu.
Akka isaan jedhanitti, naannoo horsisee bultootaatti dhukkuboonni beeyiladoota baayinaan ajjeesan waqtii itti dhufan waliin gosa adda addaatu jira.
“Naannoo Horsiisee Bultootaa kanatti dhukkubi ijoon beellada ajjeesu Sombeessa. Dhukkuboonni re’ee fi hoolaa irratti mul’atan akka maariyyee faa’is nimul’atu. Dhukkuboonni kuni yeroo beelladi bonaan dadhabu baayinaan kan beellada ajjeesan.”
“Dhukkuboonni kuni duras beellada kana keessa jiraachuu malu. Garuu humni dhukkuba ofirraa ittisuu beelladaa cimaa yoo taa’e hin miidha. Kanaaf yeroo bonni dhufee loon miidhamu yookan roobaan booda kan itti hammaatee ajjeesu,” jedhan.
Dhukkuboonni yeroo bona dheeraan booda roobni erga roobee beellada ajjeesan kuni dhukkuba haaraa yookaas dhukkuba duruma beellaadicha keessa jiru ta’ee, dadhabuu beelladichaatin kan itti ka’u ta’uu akka malanis himu.
Naannoo horsiisee bultootaatti dhukkubootni beelladaa mul’atan kunneen kan beellada hedduu ajjeesan ta’ulleen beelladoota talaalchisuudhaan miidhaa isaa ittisuun nidandahamas jedhu.
“Dhukkuboota kana hedduu isaanii talaalliidhaan ittisuun ni dandahama. Kanaaf wanni horsiisee bulaaan gochuu qabu horii cufa waggaa waggaan talaalchisuudha. Horiin talaallii dursee fudhate dhukkuba Kanaan hin qabamu,” jedhan.
Beelladi tokko yoo mallattoon dhukkubaa irratti mul’ate beellada kaan irraa adda baasuun murteessaa ta’uus himu.
“Horii dhukkubni qabe loon kaan waliin bobbaasuun, bishaan obaasuun dhukkuba kana babal’isuudha. Kanaaf dafanii loon kaanirraa foo’uu murteessaadha,” jedhu.
Horsiisee bultootni mala aadaatiin beellada dhukkubsate ‘Ofiin Hakiimuu’ yookan mala aadaatiin yaaluunis dhukkuboota kana babal’isuurratti gumaacha waan qabuuf ofiin hakiimuurra gara mana yaala beelladootaa geessuu qabu jedhan.
Ofeeggannoo beellada dhukkubaan du’e irratti godhamuu qabu
Naannoo horsiisee bultootaas ta’e iddoo kaanitti beellada dhukkubaan du’e soorachuudhaan yeroo namni miidhamu darbee darbee ni dhagahama.
Akka Dr. Firaa’ol jedhanitti, dhukkubni beelladaa harka 60 ta’u beelladarraa namatti kan darbuu danda’u waan ta’eef beellada dhukkubaan du’e tasuma soorataaf oolchuun hin barbaachisu jedhu.
“Dhukkuba beelladaa kanarratti hubannoo dogogoraatu jira. akka waan dhukkubni beelladaa nama hin qabneetti yaadama. Kun ammoo dogogoraa. Dhukkubni beelladaa harki 60 ta’u foon isaanii nyaachuun yookan gorora isaaniin namatti darbuu dandaha” jedhan.
Biyya keenyatti bakka hundatti baratamuu baatulleen akka seeraatti beelladi nyaataaf oolfamu kamuu qorannoon fayyummaa isaa erga mirkanaa’ee booda qeeraatti qalamuun nyaataaf ooluu akka qabus himu.
Beellada dhukkubaan du’es akkaataa dhukkubichi beellada biraatti hin daddarbinee fi faalama naannoo hin geessisneen dhabamsiisuun akka barbaachisus akeeku ogeessi kun.
“Akkaataa gosa dhukkuba beelladichaatiin akkaataan dhabamsiisa isaas garaagara ta’uu dandaha. Malli inni tokko beellada du’e sana lafa namni hin jirre geessanii abiddaan gubuudha. Inni biraa pilaastikaan maranii awwaaluudha,” jedhan.