Sababoota shan dinagdee Chaayinaa rakkoo keessa galchan

Magaalaa Chaayinaa

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Chaayinaa haaluma tarsimoo Zero- Covid jedhamu hordofuu wayita eegaltee fi fedhiin addunyaa dadhabaa wayita jiru kanatti diinagdeen ishee gadi bu'aa jiraachu ragaaleen ni mul'isu.

Gabaasi diinagdee Adoolessaa hanga Fulbaanaa torban dhufu keessa ibsama jedhamee eegama.

Yoo dinagdeen addunyaa irratti isa guddaa lammaaffaa ta’e miidhameera ta’e, carraa rakkoo diinagdee addunyaa guutuutti uumamu malu ni dabala.

Galmi guddina diinagdee Chaayinaa – waggaa %5.5 akka ta’u kan eegamu amma waan dhugoomu hin fakkaatu, ta’us angaa’onni fedhii galma kana milkeessuu qaban akka waan salphaatti kaasanis jiru.  

Kufatii diinagdee gabaasa Ebla fi Waxabajjii gidduu Chaayinaan xiqqoomaan irraa oolte.

Waggaa kana, oggeessoti diinagdee guddinni ni jiraata jedhanii hin eegani.

Biyyattiin akka US fi UK kufaatii diinagdee guddaa keessaa hin jirtu ta’us garuu rakkoo biroo qabdi.

Warshaa meeshaalee addunyaa kan taate biyyattiin meeshaalee isheef biyya keessaa fi alattis lakkoofsi maamiltoota ishee hir’isaa jira.

Rakkoon daldalaa Chaayinaa fi biyyoota dinagdeen badhaadhan akka US gidduu jirus, guddina ishee irratti rakkoo uumaa jira.

Dabalataanis gatiin sharafaa maallaqa biyyattii yuwaan waggootii dheeraa keessatti haala hamaarra jira. Rakkoowwan kunneeniif sababa kan ta’an maali?

1. Tarsiimoo 'Zero Covid' rakkoo uumaa jira

Weerarri Covid maagalota warshaa akka Shenzen fi Tiyaajin  dabalatee magaloota hedduu keessatti argamuun isaa, sochii diinagdee industiroota hedduu miidheera.

Dabalataanis namoota wantoota akkaa nyaataa fi dhugaatii, bitaa miyaa ykn turizimii irratti maallaqa baasaa waan hin jirreef tajaajiloota gurduddoo irratti miidhaa uumeera.

Gara omishaan, sochiin warshaalee Fulbaanaa keessaa deebi’ee kan ol ka’e fakkaata, akka Waajjirii Istaatistikii Biyyaalessa jedhutti.

Ogeessonni mootummaan dinaagdee guddisuuf caalatti hojjechuu qaba jedhanii ammani, ta’us gatuu hanga zero Covid xumuramutti sababni kana itti godhan xiqqaadha.

“Yoo daldallii hin babal’atu ta’e ykn uummatni maallaqa hin baasan ta’e, diinagdee keenyaa irratti maallaqa baasuun bu’aa hin qabu,” jedha dhabbata S&P Global Ratings irraa oggessii dinaagdee olaanaa Eeshiyaa, Luwiis Kuujis. 

Pirezdaant Zhi

Madda suuraa, Getty Images

2. Mootummaan hojii ga'aa hojjechaa hin jiru

Mootummaan jidduu seenuun Hagayya keessa daldaloota xixiqqoo, guddinaa fi ijaarsa manneenii guddisuuf akka doolara biiliyoona 203 baasuu beeksisee ture. 

Ta’us garuu angaa’otni galma guddinaa ga’uu fi hojii uumuuf maallaqi dabalataa akka ramadamuu gochuu qabu.

“Dadhabbii diinagdee kanaaf deebiin mootummaa ga’aa miti kan yeroo biraa dadhabbii diinagdee ol kaasuuf waan godhaniin yeroo madaalamu,” jedha Obbo Kuujis.

3. Gabaan qabeenyaa Chaayinaa rakkoo keessa jira

Chaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan jidduu seenuun Hagayya keessa daldaloota xixiqqoo, guddinaa fi ijaarsa manneenii guddisuuf akka doolara biiliyoona 203 baasuu beeksisee ture. 

Ta’us garuu angaa’otni galma guddinaa ga’uu fi hojii uumuuf maallaqi dabalataa akka ramadamuu gochuu qabu.

“Dadhabbii diinagdee kanaaf deebiin mootummaa ga’aa miti kan yeroo biraa dadhabbii diinagdee ol kaasuuf waan godhaniin yeroo madaalamu,” jedha Obbo Kuujis.

Kun ammo dinagdee guddaa miidheera sababni isaas ijaarsa manneenii fi industirooti biroo isatti gumachaan Galii waliigalaa waggaa (GDP) Chayinaatti harka sadii gumaachu.

“Yeroo gabaa manneenii irratti amantaan jiru hir’isu, namootni haala diinagdee walii galaa irratti shakkii akka qabaatan taasisa,” jedha Obbo Kuujis.

Fedhiin manneen haaraa bitachuu irra jiru waan hir’iseef, kun gabaa mi’a ijaarsaa biyya alaatii galchuu irratti miidhaa uumeera.

4. Jijjiiramni qilleensaa haala jiru hammeesse

Haalli qilleensaa hamaa industirii Chaayinaa irratti dhiibbaa yeroo dheeraaf turu uumeera.

Ho’iinsi hamaa, gogiinsaan hordofamee dhufe bulchiinsa Sichuwaan fi Chongqiing keessa Hagayya miidhaa uumeera.

Akka fedhiin maashinii ho’iinsa to’atuuf dabaletti, fayyadamni elektirikii naannichaa humnaan ol dabaleera.

Warshaaleen gurguddoo, kan akka warshaa iPhone omishuu Foxconn fi Teslaa, sa’atii fayyadamama elektirikaa isaanii akka hir’isan ykn guutummaatti cufaniif gaafatamaniiru. 

Waajjirri Istaatistikii Chaayinaa, Hagayya keessa bu’aan industirii ayiranii fi sibilaa qofti, ji’oota torban bara 2022 keessatti kan bara duraan yoo madaalamu %80 oliin hir’iseera.

Boodarra mootumman dhabbilee annisaa fi qonnaan bultoota gargaaruuf doolara biiliyoona hedduu baaseera.

5. Dhaabbileen teeknoolojii Chaayinaa investaroota dhabaa jiru

Chaaayinaa

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhiibbaa mootummaan dhabbilee teeknooljii gurguddoo irratti waggoota lamaan darbaniif uumaa jiru, haala kan hin fooyyeessine.

Jalqaba wagga kanaatti dhibbileen akka Tencent bu’aan isaa %50’n yoo kufu, galiin Alibaba ammo walakkaan hir’iseera.

Hojjettoonni dargaggoo kuma kudhaniin lakkaa’aaman hojii isaanii kan dhaban yoo ta’u kun ammo rakkoo hanqina hojii jiru kan dargaggoota umurii ganna 16 hanga 24 jiran shan keessa tokko hojii hin qabneetti dabaleera.

Kun ammoo oomishaa fi guddina Chaayinaa yeroo dheeraaf miidhuu danda’a.

Dabalataanis invastaroonni jijjirama Chaayinaa keessa jiru hubataniiru.

Dhabbileen mootummaa akka milkaa’aa deemanitti, invastaroonni biyya alaa maallaqa isaanii baasuu dhiisaa jiru.

“Murteewwaan investimanii tokko tokko achi siqsamaniiru, dhabbileen biyya alaa kaan ammo oomisha isaani biyyoota biraatti geessuuf barbaada jiru jedha,” gabaasi S&P Global Ratings dhiyeenya ba’e.

Addunyaan Chaayinaan akka durii daldalaaf banaa ta’uu dhisuu ishee baraa jiru  ta’us garuu Pirezdaant Zhiin waggootiin dheeraaf milkaa’ina diinagdee Chaayinaa guddisee ture balaarra kan kaa’ee jira.