Gatiin maallaqa Chaayinaa doolaaratti yoo sharafamu akkaan gadi bu'e

Maallaqi Chaayinaa doolaaratti yoo sharafamu akkaan gadi bu'e

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Wayita gatiin doolaaraa akkaan olka'aa jiru kanatti maallaqi Chaayinaa Yuwaan doolaara Ameerikaa waliin walbira qabamee wayita ilaalamu akkaan gadi bu'ee argame.

Erga bara 2011 daldala sadarkaa idil-addunyaa keessatti gatiin yuwaan qabu ibsamee as haala gadi aanaa ta'een gatiin yuwaan hir'ate.

Maallaqi Chaayinaa kun erga goolama diinagdee addunyaa bara 2008 as seenaa keessatti haala ta'ee hin beekneen gadi bu'eera.

Yeroo ammaa kana gatiin doolaaraa maallaqa gurguddoo biyyoota addunyaan yoo walbira qabamu akkaan dabaleera, kun gatii yuwaanis ni ilaallata.

Gatiin doolaaraa kan dabale erga baankiin giddu-galeessaa US jalqaba ji'a kanaarraa eegalee dhala maallaqaa dabaleeti.

Baankiin giddugaleessaa Chaayinaa gatiin yuwaan akkaan hir'ataa jiru to'achuuf tarkaanfii fudhachuu eegaleera jedha.

Baankii uummata Chaayinaa jedhamuun kan beekamu Baankiin Biyyaalessaa Chaayinaa hamma maallaqaa biyyoota alaa baankiiwwan biyyattii keessa jiran hir'isuu eegaleera.

Yeroo haala kanaan goolamni diinagdee mudatu maallaqasaanii doolaaratti jijjiiranii kaa'uu akka furmaataatti ilaalu.

Kun ammoo gatiin doolaaraa akka dabaluu fi paawondii Biriteen dabalatee maallaqi gabaa addunyaa keessatti bebbeekaman gatiinsaanii akka hir'atu taasiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo ammaa gatiin doolaaraa maallaqoota gurgudoo gabaa addunyaa keessatti qooda olaanaa qaban hedduu waliin walbira qabamee wayita ilaalamu haala waggoota 20 darban keessatti ta'ee hin beekneen dabaleera.

Sababa kanaan gatiin yuwaan gadi bu'uun maallaqi addunyaa kaan doolaaraa gadi saffisaan bu'aa jiraachuu agarsiisa.

Kun kan agarsiisu Ameerikaa fi Chaayinaan rakkoo raafama diinagdee biyyasaanii keessatti mudatuuf malaa fi tooftaalee garaagaraa gargaaramuu isaaniiti.

Baankiin Gidugaleessaa Chaayinaa diinagdee biyyattii sababa koronaavaayirasiin miidhame dandamachiisuuf hamma dhala maallaqaa wayita hir'isu, Waajjirri Maallaqaa Fedraalaa Ameerikaa ammoo qaala'iinsa jireenyaa to'achuuf jecha tarkaanfii faallaa Chaayinaati kan fudhate.

Biyyoonni lameen tooftaa fi tarsimoo garaagaraa fayyadamuunsaanii guutummaatti badaa miti jedhu ogeessi Baankii Awustiraaliyaa-Commonwealth Jooseef Kaapursoo.

Gatiin maallaqa Chaayinaa gadi bu'uun daldaltoonni biyya keessaa meeshaalee oomishan gatii gadi aanaan biyyoota alaatti gurguruun fedhiin akka dabalu taasisa jedha ogeessi kun.

Gama kaaniin gatiin maallaqaa gadi bu'uun abbootiin qabeenyaa maallaqasaanii maallaqa biyyoota alaatti jijjiiruun akka olkaawwatanii fi kunis bittaa fi gurgurtaa irratti amanamummaan akka hin jiraanne kan godhu ta'uus eera.

Gatiin yuwaan gadi bu'uun walqabatee gatiin maallaqa biyyoota naannawa kana jiranii fi kan biyyoota akka Awustiraaliyaa, Kooriyaa Kibbaa, Singaappoor fi kaanii hir'ateera.