Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sinoodosiin Qulqulluu Itoophiyaa muudama phaphaasotaa Tigraayitti taasifama jedhame akka dhaabsisuuf mootummaa gaafate
Sinoodosiin Qulqulluu Ortodoksi Tewaahidoo Itoophiyaa filannoo phaphaasotaa abootiin Tigraay ni gaggeessina jedhan seera waldaa Kiristaanaa kan hin eegne waan ta'eef mootummaan akka dhaabsisuuf gaafate.
Sinoodosiin Qulqulluu waldaa Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaa kana kan jedhe walga'ii atattamaa guyyaa lamaaf A L I Adoolessa 05 fi 06 bara 2015tti gaggeesse hordofee ibsa baaseenidha.
Sababa waraana waggaa lamaaf gaggeeffameen abbootiin Tigraay Waldaan Kiristaanattii waraanicha balaaleffachuun deeggarsa barbaachisu hordoftoota amantichaaf hin tasifne jechuun Sinoodosii Qulqulluurraa adda bahuun addatti mana-lubummaa hundeessuu isaanii beeksisanii turan.
Waraanni erga dhaabbateen booda Bataskaanni Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa mufii dhalate hiikuudhaaf waamicha nagaa irra deddeebiin taasisaa turuu Sinoodosiin Qulqulluu kun ibsa baaseen eereera. Haata'u malee, abbootiifi hayyoonni amantichaa naannicha keessa jiran "ukaa nagaafi marii fayyadamuu dhiisanii caaseffama jiru cabsaniiru," jedheera.
Kana gochuun Mana-Lubummaa Manbara-Salamaa Waliigalaa Tigraay hundeessineerra jechuun "ibsa sirrii hin taane kennuura darbanii muudama phaphaasotaa" kennuudhaaf qophaa'uun isaanii fudhatama hin qabu jechuun mootummaan Federaalaafi bulchiinsi yeroo ce'umsaa Tigraay gocha kana akka dhaabsisaniif gaafateera.
Abbootiin Bataskaana Ortodoksii Tigraay Dilbata dhufu A L I Adoolessa 09, 2015 phaphaasota kudhan muuduudhaaf akka karoorfatan A L I Adoolessa 05, bara 2015 ifa godhanii ture.
Kana hordofuun Sinoodosiin Ququlluu walga'ii gaggeesseen murteen abbootii Tigraay kun "seera bataskaanaan kan hin eegneefi Qannoonaa Bataskaanaan yeroo ilaalamus sirrii kan hin taane, giddu-galeessummaa bataskaanaa kan diigu, tokkummaa bataskaanaas kan miidhudha," jechuun mormeera.
Itti dabaluunis, muudamni phaphaasotaa kun, "uummata waraana tureen miidhame, qabeenyiifi meeshaan jalaa manca'eefi waldaaleen amantaa jalaa miidhame kan hin fayyadneefi sirrii hin taane waan ta'eef akka dhaabbatuuf Sinoodosiin Qulqulluu murteesseera," jedheera.
Sinoodosiin Qulqulluu Ortodoski Tewaahidoo Itoophiyaa komii abbootii Tigraay irraa irratti dhiyaataa ture fudhatee yeroo waraanni tureefi erga waraanichi dhaabbatee booda kan irraa eegamu gochuu dhabuu isaatiin uummaticha dhiifama kan gaafate torban darbe ture.
Dabalataanis jalqaba torban kanaatti abbootii naannicha keessa jiran waliin wal arguuf, akkasumas uummatacha anaannichaaf deeggarsa taasisuuf jilli Paatiriyaarkii Bataskaanattiitiin durfamu gara Maqaleetti imalus abbootii bataskaanaa naannichaa waliin osoo wal hin argiin deebiyaniiru.
Jilli Abune Maatiyaasiin durfame kun biyya lallabaa Maqaleetti Dabre-salaamitti Kateederaala Mikaa’el Qulqulluutti kan argame ta’usbataskaanichi cufamuun Sinoodosii QUlqulluu baayyee kan gaddisiise ta’uu isaa ibsa kennameen eerameera.
Waraanni walii waliinii waggoota lamaaf gaggeeffame miidhaa namoomaafi qabeenyaa guddaa erga qaqqabsiiseen booda mootummaa Federaalaafi TPLF gidduutti waliigalteerra kan ghame A L I Onkoloolessa 23, 2015 waliigaltee nagaa Afrikaa Kibbaatti mallatteeffameen ture.
Sinoodosiin Qulqulluu mootummana Federaalaafi bulchiinsi yeroo nannoon Tigraay rakkoo jiru mariin kan furan ta’uu yaadachuun, “haadha nagaa kan taate Bataskaanattiin hanga ammaallee nagaa barbaaduushee kan addaan hin kutne ta’us, milkaa’uu dhabuun isaa kan nama gaddisiisu waan ta’eef carraaqqiin nagaa fiduuf taasifamu furmaata waaraa hanga argamutti kan addaan hin cinne ta’uu isaa” ibsa kanaan eerameera.
Itti-dabaluun MM Abiy Ahimad fi pireziandtiin yeroo ce’umsaa naannoo Tigraay Obbo Getaachoo Raddaa, akkasumas aanga’oonni mootummaa Federaalaafi naannichaa “filannoo phaphaasotaa akka dhaabsisaniif”, rakkoowwan jiran ammoo mariin akka furataniif akka isa gargaaraniif Sinoodosiin Qulqulluu waamicha dhiyeesseera.