Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojjataan balaa ibiddaa hojiif ergame miseensoota maatiisaa 10 ibiddaan du’anii arge
US’tti hojjataan balaa ibiddaa bakka balaan qaqabeetti hojiif ergame tokko miseensi maatiisaa 10 balaa ibidduma inni itti ergame sanaan lubbuu dhabanii arge.
Namoota balaa ibiddaa sanaan Ameerikaa bulchiinsa Peensyilvaaniyaatti lubbuun isaan darbe keessaa sadii daa’imman, torba ammoo gaheessoota jedhameera.
Polisiin bulchiinsichaa maqaa namoota jahaa balaa sanaan du’anii kan mirkaneesse yoo ta’u, daa’imman wagga shanii, jahaa fi torbaa ammallee adda hin baafne jedheera. Maddi balaa ibiddichaa maal akka ta’e adda baasuuf qorannoon gaggeeffamaa jira.
Hojjataan balaa ibiddaa Kubaaniyaa Balaa Tasaa Ibiddaa Nescopeck, Haaroold Baakar, ejjansii APtti akka himaniitti kanneen balaa ibidda kanaatiin du’anis ilmaafi inalasaa, abbaa haadha waarraasaa, obbooleessaa fi obbooleettii haadha warraasaa, ijoollee ijoolleesaanii sadiifi kan firaa lamadha.
Akka hojjataan balaa ibiddaa kun jedhaniitti daa’imtii dhiiraa lamaafi mucayyoo dubaraa du’anis kan yeroo boqonnaatti isaan gaafachu garas dhaqan malee isaan waliin mana keessa jiraachaa kan turan miti.
Poolisiin bulchiinsichaas namoota balaa kanaan lubbunsaanii darbe Daalee Baakar kan wagga 19, Istaar Baakar kan wagga 22, Daavid Daawubart Sr kan wagga 79, Shaanan Daawubart wagga 42, Laawuraa Daawubart wagga 47 fi Maari’aan Silluusaa kan wagga 54 jedheera.
Haaroold Baakar ilmisaanii Daaleen akum isaanii tajaajila ibiddaa keessa akka hojjataa ture dubbatan.
Poolisiin akka jedheetti, reeffi namoota kanneenis deeggarsa saroota leenjii’anitiin gamoo diigame jalaa baafame. Namoonni sadii kan biroo garuu balaa kana jalaa lubbuun bahuu akka danda’an poolisiin gabaaseera.
Balaan ibiddaa kunis hawaasa baadiyyaa Nescopeck kan Filaadalfiyaa irraa kaaba-lixaatti fageenya km150 irratti argamutti akka sa’aatii biyyaatti gara 02:30 (06:30 GMT) irratti ka’e.
‘‘Hojjattoonni balaa ibiddaas mana keessa cabsanii seenuuf yaalii cimaa taasisan illeen, arraba ibiiddaa cimaafi gubaadhaaf milkaa’uu hin dandeenye,’’ jedhan poolisiin bulchiinsa Peensiylvaaniyaa Let. Deerik Felsmaan.
Namni maatiisaa balaa ibidda kanaatiin dhabe Aab Baarak gaazexaa Sitizinis Vooyis jedhamuutti akka himetti, ‘‘Akkuma daandii Deeweeyirraa asi qaxxaamuruu eegalluun battalumatti daandiirraa gadi ilaaluun manni gubataa jiru kan eenyuu akka ta’e bare,’’ jedhan.
‘‘Daa’imman achi turaniifi ijoollee koo lamaan eessumaafi adaadaa isaanii daawwachuuf achi dhaqan.
"Kaan ammoo abbaa manichaa turan. Kaan ammoo fira gaafachuufi yeroo dabarsuuf achi turan.‘‘
Bulchaan bulchiinsa Peensiylvaaniyaa Toom Woolf fuula Tiwitara isaaniirratti akka bareessaniitti, taatee kanaan onneen koo cabeera jedhan. Fannoon Diimaan Ameerikaa CNNtti akka himaniitti, kanneen balaa kanaan buqqa’aniif deeggarsa taasisaa jiraachuu himan.