Daa'imni ji'a afurii bubbeen fudhatame lubbuun oole

Daa'ima ji'a afurii bubbeerraa oole

Madda suuraa, CAITLYN MOORE/GOFUNDME

Maxxanfame

Ameerikaa, bulchiinsa Teenesii keessatti daa'imni umuriin isaa ji'a afur ta'e bubbee hamaatiin fudhatamee ture lubbuun ooluusaa maatiin himan.

"Gaarummaa Uumaatiin kan oole," jedhan.

Bubbeen hamaa kun mana jireenyaa isaanii socho'aa [mobile] ta'e fuudhee akka deemeefi manicha keessa ammoo daa'imni isaanii akka ture dubbatan maatiin kun.

Daa'imni isaanii ammoo mukarratti lubbuun akka argame ibsan.

Daa'imni isaanii umuriin waggaa tokkoo biraas miidhaan xiqqaan qofti irra gahee akka lubbuun oole dabaluun ibsaniiru.

Haati daa'imman kanaa umuriin ishee waggaa 22 taate Siidinii Moor akka jettetti, bubbeen kun baaxii mana isaaniillee irraa diigeera.

"Osoo daa'imni kiyya, Loord, [daa'ima isa ji'a afurii] manicha keessa jiruu ture kan bubbeen kun manicha qilleensarra balaliise," jette.

Abbaan mucaa Loordiin qabee hambisuu yaalullee bubbee sanaraa qabee hambisuu hin dandeenye ture.

"Yeroo bubbeen sun raasetti qabee hambisuuf yaadus hin taane ture," jechuun ibsiti haati ijoollee kun.

Suura daa'imaa bubbeen fudhatameefi obboleesssa isaa waggaa tokkoo waliin

Madda suuraa, CAITLYN MOORE/GOFUNDME

Yeroo kun hunduu ta'u haati daa'imashee waggaa tokkoo, Piriinistan, hammattee ture.

"Fiigeen mucaakoo hammadhe. Afuura baafachuu dadhabeen ture," jetti.

Bubbeen sun yeroo darbetti daa'ima isa ji'a afurii barbaaduu jalqaban.

Bokkaa roobe keessa daa'ima barbaadaa osoo jiranii muka gubbaatti argamuu isaa dubbatti.

“Akka du'ettin yaada ture. Garuu ooleera. Garummaa Waqqayyoon ooleera," jette.

Manni isaaniis, konkolaataan isaaniis bubbee kanaan waan manca'eef karaa 'Gofund me' maallaqa walitti qabachaa jiru.

Fuula marsariitii ittiin maallaqa walitti qabachaa jiranirra daa'imni isaanii bubbee irraa oole "mukarra sirriitti taa'ee arganne. Ergamootatu isa eege, gara sanas isa geesse," jechuun barreessaniiru maatiin kun.

"Ani ijoollee kiyyaaf nan du'a. Abbaan isaaniis akkuma kana," jechuun haati ijoollee kanaa dabaltee ibsiteetti.