Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hamilee loltootaa kakaasuuf Raashiyaan weellistoota adda waraanatti erguuf
Raashiyaan hamilee loltootaa cimsuuf jecha weellistoota gara dirree waraanaa Yukireenitti akka ergitu himte.
Ministeerri Ittisaa torban kana “Birigeedii artii adda waraanaa” uumuu isaa beeksisuun, kun agarsiistoota sarkasii ni dabalataa jedheera.
Ministeeerri Ittisaa UK gabaasa basaasaa Dilbata baaseen uumamu Birigeedii kanaa himeera.
Ministirri Ittisaa Raashiyaa Sargee Shooguu looltoota adda waraanaa Yukireenirra jiran daawwachuu isaa Moskoon ibseera.
Ministirri ittisaa biyyatti ibsa Telegiraamii irratti baaseen, Obbo Shooguun “naannoo loltoonni bobbaafaman irra balali’uun bakka sochiin waraanaa Raashiyaa adda qabatee jiru daawwateera,” jedha.
Dabaluunis miniseetirichi Obbo Shooguun “ loltoota adda waraanaa fi Kommaand Postiirra” jiran waliin dubbachuu isaa ibseera.
BBC’n daawwannaan kun yoom akka taaiamee ykn Obbo Shooguun Yukireen daawwachuu isaaniyyu mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Dhimma daawwannaa Obbo Shooguu irratti dubbi himaan waraana Yukireen
Serhii Cherevat, gara dirree waraanatti imaluuf “ onnee qaba jedhee hin amanuu” jechuun TV Yukireenitti himaniiru.
Kun kan dhufe qondaaltonni ittisaa US hamileen gadi aanaa “ human Raashiyaa hundaaf dadhabbii kan ta’e fakkaata,” erga jedhanii boodadha,”
Birigeediin artii kun – kan duula dhiyeenya uummanni meeshaa muuziqaa loltootaaf gummachaa jedhu hordofee dhufe – hamilee kakaasuuf aadaa seenaa keessatti “muuziqaa waraanaa fi qophii bashananaa” beekamudha jetti UK’n.
Ta’us garuu Birigeediin haaraa kun loltoota xiyyeefannoon isaanii ijoo “lakkoofsa loltoota du’anii dabale, hoggansa dadhabaa, rakkoo kaffaltii, hanqina meeshaa waranaa fi galmi waraanicha maali kan jedhu hubachuu dhabaniif” hamilee kennuurra yaada isaanii hatuu danda’a shakkii jedhu qabu.
Akka miidiyaan Raashiyaa RBC jedhutti, Birigeediin kun loltoota Pirezdaant Vilaadmiir Puutin jalatti galmaa’an, akkasumas “weellistoota feedhii isaaniin tajaajila waraanaa seenan” of keessatti qabata.
Gareen kun hojiin isaa “ hamilee loltoota ol kaasuu, akkasumas ilaalcha siyaasaafi xiinsammuu isaanii eeguu ta’a,” jechuun RBC ministera ittisaa eeruun gabaaseera.
Lolli cimaan magaalaa Yukireeniin to’atamte Bakhamuut keessatti Sanbata gaggeefamaa akka ture waraanni Yukireen ibseera.
Nannoo kanatti ji’ootaaf loltoonni Yukireen fi Raashiyaa lola cimaa gaggeessaniiru.
Jimaata irratti Raashiyaan misaa’ela 76 dhukaasuun wirtuulee annisaa sagal rukkuttee Yukireen dukkanatti galchiteetti. Yukireen misaa’elota 60 ofiirraa ittisuu ishee himteetti.
Oduu biraan, Pirezdaant Puutin wiixata Belarus ni daawwata jedhamee eegama.
Erga waraanni kun eegalee, loltoonni Raashiyaa daangaa Beelarus bakka akka bakka itti haleellaa irraa gaggeessanitti fayyadamaa turaniiru.
Pirezdaantiin Yukireen Volodmiir Zelenskii ammoo qondaaltoota olaanoo waraanaa fi nageenyaa waliin wal ga’ii ta’uun, akkamiin yaaddoo gama Belaarusiin (biyya Kaaba Yuukireenitti argamtu ) dhufu danda’a isa jedhu mari’ataniiru.
“Maloota ittisaa ta’uu malan hundaaf qophaa’aa jirra,” jechuun Pirezdaant Zelenskii Dilbata ibsa kennaniin eeraniiru.