Raashiyaan magaalota Yuukireen irratti haleellaa misaa'elaa cimaa gaggeesite

Maxxanfame

Humni waraanaa Raashiyaa Jimaata har’aa Yuukireen irratti haleellaa misaa’elaa 76 fi haleellaa diroonii gaggeessuu qondaalonni Yuukireen himan.

Raashiyaan magaalaa guddittii dabalatee magaalota Kaabaa, Kibbaa, Lixaa fi Gidduugaleessa biyyattii haleelte.

 Haleellaa mana jireenyaa magaalaa Kirivii Rii irratti gaggeeffameen namootni lama du’aniiru. Dabalataan namootni sadii ammo magaalaa Kehersan keessatti lubbuu dhabaniiru.

Torban kana keessa raashiyaan bu’uuraalee misoomaa Yuukireen irratti haleellaa gaggeessitu dabalteetti.

Magaalaa Karkiiv dabalatee magaalota biyyattii hedduu keessaa ibsaan bade dukkana keessa jiru.

Ministeerri Aannisaa biyyattii buufataaleen madda aannisaa sagal tahan miidhamaniiru.

Dhaabbanni buufata aannisaa biyyattii to’atu Ukrenegro haleellaa JImaataan booda hammi aannisaa namootni argatan dachaan gadi bu’uu ibse.

 Yuukireen Raashiyaan ‘’waktii gannaa akka meeshaa waraanaatti fayyadamti’’ jechuun himatti.

Biyyattii keessatti yeroo kana haalli qilleensaa ni cabbaa’a. Aannisaa haleeluun Raashiyaa ammo rakkinicha ittuu hammeesuu ibsiti Yuukireen.

 Gorsaan Ministeera Ittisaa Yuukireen Yuurii Saak BBCtti akka himanitti gareen tajaajila hatattamaa dhiyeessii aannisaa kana deebisuuf hojjechaa jiru.

Garuu haalichi ‘’ammayyuu ulfaataadha’’ jedhan.

 Yuukireen guutuu irraa sagaleen dammaqsituun haleellaa misaa’elaa eeru jira.

Ajajaan Waraanaa biyyattii Vaaleerii Zaaluzhinii humni ittisa qilleensarraa biyya isaanii haleellaa misaa’elaa 76 keessaa 60 fashaleessuu himan.

 Qondaalonni magaalaa Kiyeev misaa’elootni 40 tahan magaalittii iratti qofa xiyyeeffachuun dhukaafamaniiru.

Kun erga weerarri Raashiyaa jalqabee magaalittiif haleellaa isa guddaadha.

Raashiyaan bara faranjootaa haaraa kanatti waraana lafoo guddaa qindeessuun weerara haaraa gaggeessuf qophaa'aa akka jirtu Yukireen himatte.

Pirezidantiin Yukireen Volodmir Zeleniskii fi aangawoonni olaanoon biyyattii qophiin Raashiyaan gootu akka salphaatti ilaalamuu hin qabu jedhan.

Haleellaan Raashiyaan itti qophaa'aa jirtu kun kallattii naannoo Doonbaas, karaa Bahaatin ta'uu akka danda'uu fi hanga magaala guddoo biyyatti Kiiv to'achuutti kan kaayyefate ta'uu jeneraalonni waraanaa Yukireen akeekan.

Xinxaltonni biyyoota Lixaa garuu Raashiyaan humna lafootiin Yukireen to'achuuf dandeettiin isheen qabdu saffisaan dadhabaa akka dhufe himu.

Qondaala waraanaa olaanaa Biriteen kan ta'an Admiiral Sar Toonii Radaakin, Raashiyaan keessumaa hanqina rokkeettii waan qabduuf bifa haaraan Yukireen irratti weerara yoo bante ofuma ishee akka miidhamtu dubbatan.

Ministeerri Ittisaa Yukireen Oleeksii Reznikoov irra deddeebiin miidiyaatti akka himanitti Raashiyaan bifa haaraan Yukireen weeraruuf ragaaleen quubsaan jiraachuu himan.

Kuni ammoo bara haaraa 2023 ji'a Guraandhalaa keessa ta'uu akka malu himan.

Yeroo kanatti Raashiyaan loltoota haaraa 600,000 Yukireen akka lolaniif waamte keessaa 300,000 kan ta'an leenjii isaanii ni xumuru jedhame.