Angawooti Raashiyaa badhaafamaan Nobeelii Nagaa 'badhaasicha akka hin fudhanne itti himanii turan'

Maxxanfame

Badhaasa Noobeelii nagaa bara kanaa kanneen mo'atan keessaa tokko, lammiin Raashiyaa qondaaloti biyyattii badhaasicha akka hin fudhanne itti himuu dubbatan.

Yaan Raachinskiin Raashiyaatti garee 'Memarial' jedhamu kan mirga siviiliif falmu kan bara darbe cufame akkasumas erga hundeeffamee waggoota baayyee lakkoofsise kan hogganan yoo tahu, badhaasicha akka hin fudhanne kan itti himame sababa namoota biroo lama badhaasicha isa waliin mo'ataniini.

Dhaabbanni mirga namoomaa Yukreeniifi falmataan mirga namoomaa lammii Beelaaruus amma mana hidhaa jiruuf badhaasichi kennamuun 'sirrii miti' jedhanii yaadu jedheera.

Mootummaan Raashiyaa dhimma kanarratti deebii akka kennuuf gaafatamee ture.

Raachinskiin af-gaaffii addaa sagantaa BBC HADRDtalk waliin taasisaniin, dhaabbatni keenya badhaasicha akka hin fudhanneef gorfameera garuu nuti sanaaf xiyyeeffannoo hin kenninuu jedhe.

Doorsisni nageenyaa jiraatus hojiin dhaabbata 'Memorial' murteessaa dha. ''Yeroo ammaa kanatti nageenyi nama kamiyyuu wabii hin qabu,'' jedhan.

''Namoonni baayyeen ajjeefamaniiru. Mootummaan akka feete ajjeesuufi dhiisuun itti fufuunsaa garamitti geessa...? Akka taheyyuu taanee boolla seenne keessaa bahuu qabna,'' jedhan.

Memorial cunqursaa seenaa Sooviyeet galmeessaati ture. Hogganaasaa jalqabaa Arseenii Roogiinskiin, seenaa farra kooministii qo'atte jedhamuun kaampiiwwan Sooviyeetitti hojii humnaa akka hojjetuuf ergamee ture jechuun dubbatan Yaan.

Koreen Noobeelii yeroo mo'attoota badhaasa kanaa beeksisu,''dhaabbanni Memorial yakka kanaan dura mormuu qofa osoo hin taane, haaraan akka hin dhalanneef yaada jedhurratti kan bu'uurefame dha,'' jedhe.

Yaan koreen Noobeelii Nagaa namoota biyya biraa sadii irraa badhaasuuf murteessuun,''waan dinqisifatamu dha,'' jedhan.

Dhaabbileen siviilii daangaadhaan akka hin qoodamne agarsiisa, kunis rakkoo akka walootti qabnu furuuf gargaara jechuun dubbatan.

Haa tahu malee, badhaafamaan Raashiyaa kuni falmii uumaniiru.

Dubartiin Wiirtuu Mirga Siviilii hooggantu nama Raashiyaa kana wajjin af-gaaffiif hin taa'uu jetteetti. Kanaaf BBC'n Oslootti lameen isaanii adda addatti dubbiseera.

Maaliif nama af-gaaffii kana qofaattii akka kennuu feete gaafa dubbattus, Oleeksaandraa Maatviichaak, deebii HADRtalk dhaaf kenniteen; ''yeroo ammaa kanatti waraana keessa jirra sagalee falmitoota mirga namoomaa Yukreen qabatamaan dhageessisuu barbaadna.

''Af-gaafficha yeroo garaagaraatti haa kenninuyyuu malee ergaan keenya Yaan waliin wal-fakkaataa akka tahe nan amana,'' jetteetti.

Nama badhaasa kana waliin mo'atte taa'ee af-gaaffii hin kennu jettus garuu Yaaniin garuu galateeffateetti.

Dhaabbanni Memorial ''Michuu'' keenya dha. Gareewwan mirga siviilii irratti hojjetan baayyee gargaareera. ''Waayiloota mirga namoomaa Raashiyaa kan haala rakkisaa keessatti hojjetan maraaf kabajan qaba,'' jetteetti.

Kana malees, Raashiyaan yakka raawwateef otoo gaafatama hin fudhatiin Baha Awurooppaaf nagaan hin dhufu jechuun qaamni haaraa idial-addunyaa, Pireezidant Puutiiniifi gochaa isaaniif akka itti gaaftaman gochuu qaba jechuun sirni amma jiru gahaa miti jette.

Namni sadaffaa badhaasa Nobeelii Nagaa kana argate falmataa mirga namoomaa Alees Baayiliyaatskii mana murtiittii otoo hin dhiyaatiin bara darbe baatii Adoolessarraa qabee mana hidhaa biyyasaa keessa jiru dha.

Dhaabbata Mirga Namoomaaf falmu Viyaasnaa jedhamu kan hundeesse, yeroo bara 1996'tti Belaaruusitti mootummaan abbaa irree biyyattii mormitoota daandiitti bahan irratti tarkaanfii fudhachuun booda ture.