Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yukireen misaayela Raashiyaan itti ergite 'dhooftee lafa buuste'
Qondaalonni Yukireen misaayeloonni 15 Raashiyaan gara magaalaa guddittii Kiyivitti ergaman, ittisa qilleensaa biyyattiin rukutamanii kufuu dubbatan.
Haleellaa kanaan miidhaan gahe hinjiru jedhan qondaalli waraanaa biyyattii Serhiy Popko.
Akka qondaala kanaatti misaayeloonni kunniin xiyyaarota waraanaa naannawa galaana Kaaspiyaan irraa balali'aa turaniin dhukaafame.
Akka Yukireen jettutti, Raashiyaan waraana kana keessa haleellaa diroonii isa guddicha jedhamu Dilbata galgala gaggeessite.
Haleellaa diroonii fi misaayelaa walitti fufuun raawwateen, yoo xiqqaate namni tokko yoo du'u, shan ammoo miidhamaniiru.
Haleellaan misaayelaa kun kan raawwate Raashiyaan Guyyaa Injifannoo (Victory Day) kabajuuf wayita qophaa'aa turtetti.
Guyyaan kun kan kabajamu injifatamuu Naazii Jarmanii 1945tti tahe yaadachuufi.
Kabaja ayyaana kanaa magaalaa Moskootti gaggeeffamaa jirurratti kan dubbatan Vilaadmir Putiin, loltoota biyyattii "oppireeshinii waraanaa addaa" Yukireenitti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jiranitti boonuu isaanii himan.
Dhoohinsa walitti fufaa, haleellaa diroonii fi taateewwan kaanis torban dabre keessa kan mudate Raashiyaan, xiyyaarri nam-maleessi Kireemlin haleeluus himatte.
Moskoow haleellaa kanaaf diroonota Yukireen gaafatama kan gootu ennaa tahu, mootummaan Kyiv garuu himannaa kana haaleera.