Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Yukireen pireezidant Putiin irratti yaalii ajjeechaa raawwatte' - Raashiyaa
Raashiyaan dirooniwwan Yukireen lama Kibxata galgala teessoo mootummaa (Kiremlin) haleeluun pireezidant Putiin irratti yaalii ajjeechaa raawwate ittiin jette dhabamsiisuu beeksifte.
Haleellaa dironiiwwan Yukireen lama magaala guddoo Raashiyaa Mooskoo keessatti raawwatan kana mootummaan Raashiyaa, pireezidant Vilaadmiir Puutiin ajjeesuuf yaalii godhameedha ittiin jedheera.
Teessoo mootummaa biyyattii Kireemliin irratti haleellan xiyyeefate yeroo diroonota lamaaniin raawwatu pireezidant Putiin masaraa san keessa hin turre jedhameera.
Ejensiiwwan Oduu Raashiyaa, gamoo teessoo mootummaarras ta'e wantoota achi keessa jiran irra miidhaan qaqqabe hin jiru jedhaniiru.
Viidiyoon maalummaan isaa hin mirkanofne ammoo gidduugala magaalaa Mooskoo keessaa aarri yoo ol bahu agarsiisu miidiyaal hawaasaa biyyattiirratti qoodameera.
Kireemliin ''gochaa shororkeessummaa itti qophaa'ame'' jechuufi bakkaa fi haala isa madaala jetteen haaloo bahuuf mirga qabaachuu ibsuu Ejensiin oduu biyyattii RIA jedhamu gabaaseera.
''Kireemliin gochaa kana gocha shororkeessummaa itti qophaa'ame jechuun hubata, yaalii ajjeechaa pireezidanti irratti jala bultii guyyaa yaadannoo injifannoo(Victory Day, the May 9 Parade) irratti raawwate'' jedha RIA.
Pireezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskii himmannaa Raashiyaan irratti dhiyeessite kana busheessaniiru.
''Nuti Putiin ykn Moskoo hin haleellu. Daangaa keenya keessatti waraanaa jirra. Magaalotaafi gandoota keenya tikfachaa jirra.''
Pireezidantichi kana yeroo jedhan gorsaan isaanii ammoo yaada BBC'f kennaniin Raashiyaan maqaa kanaan dubbii barbaacha shororkeessumma guddaa banuuf of qopheessaa jirtii jedhaniiru.