Sochiin xixiqqaa dhibee shukkaaraa to'achuuf ni gargaara – Qorannoo

Maxxanfame

Sa’aatii walakkaa keessatti daqiiqaa sadii sadiin asiif achi adeemuun, hanga shukkaara dhiigaa foyyeessuu irratti ni gargaara, jechuun qorannoon marii tola ooltummaa dhibee shukkaaraa UK irratti dhiyaate eereera.

Qorannoon namoota dhibee shukkaaraa type 1 qaban 32 irratti gaggeeffame, sa’aatii torba keessatti irra daddeebiin yoo asiif achi adeeman hangi shukkaara dhiiga isaanii akka hir’isu arga.

Dhaabbanni Diabetes UK akka jedhutti, “sochiin xixiqqaa” kunneen jijjiirama mirkanaa'aa fi baasii hin qabne dhiyeessuu danda’u.

Dhibeen kun kan uumamu yeroo sirni ittisa dhibee qaamaa, seelota insuliinii oomishan kan rajiijii keessattii argaman loludha.

Kana jechuun rajiijiin insuliinii omishuu dhaaba jechuudha – kun ammoo hangi shukkaara dhiigaa akka dabalu taasisa.

Namootni qoricha insuliinii itti fufiinsaan fudhachuun irra jiraata.

‘Bilbila adeemaa haasa’uu’

Yeroo dheeraa booda hangi shukkaara dhigaa ol ka’uun dhibee kale, ijaa fi onnee fiduu danda’a.

Dhaabbata Diabetes UK’tti hooggantuun qorannoo Dr Elizabeet Robertisan, kan qorrannoo kan fandii goote akka jettutti, namoota shibee shukkaaraa taayip 1 qabaniif, hanga shukkaara dhigaa isaanii guyya guyyaan to’achuun “dadhabsiisaa’”ta’uu mala.

Dabaluunis: “ Qorannoon kun jijjirama xixxiqaa- kan akka yeroo bilbila fayyadaman asii fi achii adeemuu ykn yeroo dheeraaf akka gadi hin teenyeef of yaadachisanii boqonnaa fudhachuun – hanga shukkaara dhiigaa to’achuu irratti dhibbaa guddaa qabaachuu akka malu agarsiisuun isaa wanta hamiilee namaa kennudha,” jetti.

“Malli kun bu’aa itti fufiinsa qabu akkamii akka fidu malu hubachuuf qorannoo keenya itti fufuu barbaadna.”

Qorannoo kana kan dursaa ture Dr Maatiiw Kaampel, Yunivarsitii Sandarlaand irraa, sochiileen xixiqqaa kunneen bu’aa gurguddaa argamsiisuu isaaniin ajaa’ibsifachuu himeera.

Namoota dhibee shukkaaraa taayip 1qaban tokko tokkoof “sochii xixiqqaan” gara sochii qama itti fufaatti galuu dura akka tarkaanfii jalqabaa ta’uu danda’a, kaaniif ammo hanga shukkaara dhiigaa isaanii to’achuu gargaaruuf mala salphaa ta’uu danda’a jedha.

Dabaluunis: “Wanti ijoon, malli kun, akka sochii qaamaa ykn ispoortii biroo rakkoo hangi shukkaara dhiigaa garmalee hir’isuu danda’utti nama saaxiluu malanii ta’uu dhiisuu isaadha,” jedha.

Yaalii sadarkaa jalqabaa, kan hanga ammatti hin maxxanfamne irratti, ga’eessotni dhibee shukkaaraa type 1 qaban 32, marsaa lamaaf sa’aatii torba ta’anii dabarsani.

Marsaa tokko irratti utuu ol hin ka’in taa’anii turani. Marsaa isa biraa irratti ammoo daqiiqa soddoma soddomaan ol ka’anii daqiiqaa sadiif asiif achi adeemani.

Hangi shukkaara dhiigaa isaanii guyyaa lamaaf (sa’aatii 48) walitti fufiinsaan yeroo yaalii kana taasisaa turanitti ilaalamaa ture, sa’aatii torba kana keessattis hundi isaanii nyaata walfakkaataa fayyadamaa fi wal’aansa insuliinii isaanii hin geeddarre turani.

Yaalii kana irratti, yeroo jiddu jidduutti boqonnaa fudhachaa turan hangi shukkaara dhiiga isaanii hir’isee ture (6.9 mmol/L), yeroo utuu ol hin ka’in taa’anii turanitti ammoo hangi shukkaara dhiigaa isaanii 8.2 mmol/L ture.

Dr Kaampeel akka jedhutti, bu’aa mala kanaa caalaatti hubachuuf qorannoo bal’aa yeroo dheeraaf gaggeessuuf abdata.

Dabaluunis: “Kaayyoon isaa, guyya guyyaan namootni sochii xixiqqaa akka taasisan jajjabeessuun namoota hedduu gargaarudha,” Jedha.