Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iskootilaand qorannoo dhibee sukkaaraa haaraa kennuun biyya jalqabaa taate
Qorannoon kuni kennamuu yeroo jalqabu namoonni dhukkuba sukkaaraa ‘Type 1’ jedhamu qaban insuliinii fudhachuurraa bilisa tahuu jechuu dha.
Iskootilaand qorannoo dhiigaa ‘C-peptidse’ jedhamu kana fayyadamuun biyya addunyaa jalqabaas taateetti.
Qorannoon kuni qaamni namaa insuliinii hangam oomishaa akka jiru agarsiisa.
Yaaliin samuudaa Tajaajila Biyyaalessaa Fayyaa naannoo Lothiyaanitti taasifame, namoonni waggootaaf insuliinii fudhachaa bahan akka dhaaban ykn hir’isan taasisa. Qorannoon kuni Sadaasa, 1 irraa qabee kennamuu eegala.
Qorannichi adeemsa dhukkuba sukkaaraa ‘Type 1’ jedhamu sirriitti adda baasuun ni foyyessa. Namni tokko gosa dhukkuba sukkaaraa ‘Type 1 ykn Type 2’ qabaachuu isaanii adda baasa. ‘Qorannoo jireenya keenya jijjiirudhas,’’ jedhameera.
Qorannnoo dhiigaa C-peptide beekuu dhaan hakiimonni namni dhukkuba sukkaaraa qabu qaama keessatti isuliinii hangam akka oomishaa jiru baruu danda’u.
C-peptide hanga murtaa’een qaama keessa yoo jiraate namni suni dhibee sukkaaraa ‘Type 1’ jedhamu cirumaa akka hin qabne agarsiisa.
Argannoon kuni qorannoo waggaa lamaa gorsaa dhukkuba sukkaaraa Piroofeesar Maark Istaarchan, hogganamuun ifa tahe.
Pirofeesarichi akka jedhanitti, ‘’C-peptide hakiimotni dhukkuba sukkaaraa qorannoo wal’aansaa sirriii tahe akka kennaniifi sababa dhukkubichaa akka baran godha, kunimmoo dhukkubsattoonni wal’aansa isa sirrii akka argatan taasisa.’’
‘’C-peptide kun yeroo hunda insuliinii fudhachuurraa isaan hambisuu danda’a. Kunimmoo waan jireenya jijjiiru dha,’’ jedhan.
Iskootilaand keessa namoonni 315,000 tahan dhukkuba sukkaaraa kan qaban yoo tahu. Qorannoon kuni namoota isa ‘Type 1’ jedhamuun waggoota sadan darbaniif qabamuun isaanii mirkanaa’eef kennama.
Ministarri Fayyaa Hawaasaa Maree Todd dhukkuba sukkaaraa ittisuun waan mootummaan Iskootiish dursa kenneef keessaati, namni dhukkubichaa waliin jiraatu hundi yaala fayyaa gahaa akka argatu barbaada jedhan.
‘’Dhukkubni sukkaaraa ‘Type 1’ rakkoo fayyaa addunyaa gurguddoo jedhaman keessaati.
‘’Iskootilaand qorannoo dhiigaa kana kennuun biyya jalqabaa tahuusheetiin nan boona. Namoota dhukkubichaan rakkataniifis waan gaarii dha,’’ jedhan.