Arsenaalii fi Riyaal Maadirid tapha Shaampiyoonsi Liigii har'aaf akkamiin qophaa'an?

Arsenaal Shaampiyoonsi Liigii Atileetikoo Bilbaa'oo waliin taphata.

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Taphni marsaa jalqabaa Shaampiyoonsi Liigii bara 2025-26 har'a eegala. Arsenaal gara Ispeenitti imaluun Atileetiikoo Bilbaayoo waliin morkata.

Gareen Mikeel Arteettaa bara kana cimina ajaa'ibaa agarsiisaa jiruu fi waancaa injifachuu danda'a jedhamee tilmaama argataa jiru tapha jalqabaa isaa injifannoon jalqaba jedhamee eegamaa jira.

Garuu miidhama taphattootaan ala miti. Bukaayoo Saakaa, Been Waayit, Kaayi Haavertii fi Maartin odeegard taphattoota murteessoo Arsenaaliif hin taphannedha.

Haa tahu malee, Arsenaal garee bal'aa fi jabaa waan qabuuf qaawwaa hin qabu.

Sarara gidduu irraa Etaan Naawanerii fi Ebereche Eezzee taphachuu danda'u.

Mikel Merinoo fi Deklaan Raayis, Maartin Zuubimandii waliin sarara gidduu kan dursan taha. Sarara duraa irra Maduwekee ,Viiktar Giyokeres, Maartenelii, Tiroosaad dabalatee Arteettaan filannoo hedduu qaba.

Bara darbe Shaampiyonsi Liigii bifa haaraan jalqabe keessatti gahumsa gaarii kan galmeesse Arsenaal bara kana garuu gama hundaan morkataa tahuu danda'a jedhamee eegama.

Riyaal Maadirid leenjisaa isaa haaraa Zhaabii Aloonsoo waliin Shaampiyoonsi Liigiitti deebi'eera.

Taphataa duraanii kilebichaa Ziinadin Ziidaaniin yeroo leenji'aa ture Shaampiyoonsi Liigii kan mo'ate Maadirid injifannoo waancichaa 15ffaa ammoo Kaarloo Anchelootii waliin galmeesse.

Zhaabiin erga Riyaal Maadirid leenjisuu eegalee haga ammaa hin mo'amne.

Juud Beeliingihaam, Kaamaviingaa fa'aa miidhama irraa deebi'uun shaakala hojjechaa jiru.

Kileba Faransaay Maarsee waliin tapha qabaniif Aloonsoon garee isaa keessatti Beelingihaamiin dabaleera.

Beelingihaam miidhama gateettii isaa irra mudateen tajaajila baqaqsanii yaaluu taasifachuun bayyanachaa ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Liverpuul boru Atileetiikoo Maadirid waliin morkata. Liiverpuul Barnilee waliin tapha gaggeesse daqiiqaa dhumaatti rukuttaa peenaaliitii argateen injifate.

Injifannoo amansiisaa hin turre.

Mohaammad Saalaa, Huugoo Ekitikee fi Aleeksaander Isaak akkasumas Filooriyaan Wiirzi fa'aa qabatee haala gaariin kan of ijaare Liiverpuul tapha jalqabaa kana injifannoon jalqaba jedhamee eegama.

Atileetiikoo Maadirid bara kana Laaliigaa keessatti jalqabbii gaarii hin agarsiifne.

Liiverpuul taphattoota jajjaboo garee isaatti makus ammayyuu haga eegame sochii olaanaa tahe agarsiisaa hin jiru. Garuu taphoota hundaa mo'ateera.

Tapha kana garuu Aanfiildi irratti waan taphatuuf garee Deegoo Simoonee qormaata tahuu mala. Juuliyaan Alvaarez miidhama isa mudateef tapha Liiverpuul waliin qaban irratti hin hirmaatu.

Cheelsiin Baayern Muunik wlaiin bor morkata. Viinsent Kompaanii jalatti shaampiyoonaa Bundisliigaa kan tahe Baayern Munik garee Eenzoo Maareshkaa waliin morkata.

Cheelsiin taphataa isaa sarara duraa Nikoolas Jaaksan Baayern Munikiif ergisa kenneera. Jaayoo Peedrootu sarara duraa isaa dursa. Deelaap erga miidhamee Giitensii fi Alehaandiroo Gaanaachoos warra sarara duraa irratti bara kana eegamanidha.

Tootenhaam bara dorgommii darbe akka malee gadi bu'ee xumure. Anji Poostikoguluu jalatti Maanchister Yuunaayitidiin mo'achuun waancaa Awurooppaa Liigii mo'atee carraa Shaampiyoonsi Liigii argate.

Tootenhaam tapha jalqabaa Shaampiyoonsi Liigii leenjisaa isaa haaraa Toomaas Firaanki jalatti tapha jalqabaa taasisa.

Tootenhaam Vilaariyaal waliin morkata.