Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Niwukasil irra abaarsi ture kan jedhu an hin fudhu' - Edii Haaw
Niwukasil waggoota 56 darbaniif waancaa kana adamsaa ture, garuu hin milkoofne. Falmiin kaleessa Wembilee irratti ture cimaadha.
Tapha xumuraa dorgommii waancaa Karabaawoo irratti Liivarpuul goolii 2 fi 0 dhaan durfamuurraa gara 2 fi 1tti wayita ce'an miirri jiru xiqqoo jijjiiramee ture.
Garuu osoo 2 fi 1n jiranii wayita murteessaan fiingee afuufu warri Magpaayes (Niwukaasil) miira walmakaan istaadiyeemii guddicha addunyaa ho'isan.
Dirree sana keessaa kolfaa fi gammachuu akkasumas miira gammachuu boo'ichaan ibsamutu warra qomee adii fi gurraacha uffatanirraa mul'atan.
Barana waancaa sadi kan abdataa turanii fi torbee darbe kan abdatan keessaa tokko- dorgommii Chaamiyoonsi Liigii, keessaa kan baafaman warri Liivarpuul, Karabaawoottis kalee nagaa dhaamanii waancaa Piriimer Liigii adamsuutti deebi'aniiru.
Maqaa masoo Maagpaayes (Magpies) jedhamuun kan beekamu Niwukasil Wembilee irratti bara dorgommii sagal walitti aansee erga milkii dhabee booda kaleessa boojuudhaan galeera.
Niwukasil erga bara 1969 waancaa Inter-Cities Fairs Cup jedhamu injfatee waggaa 56 booda yeroo jalqabaaf waancaa kan mo'ate.
Kilabicha keessatti jijjiirama guddaa uumuun kan jajamu leenjisaa Edii Haaw, hawwii kilabichaa yeroo dheeraa ta'e kana galmaan ga'uun seenaa hojjeteera.
Wembileen istaadiyeemii guddaadha. Miira hunda, ilillee fi weedduu hunda keessummeessa.
Warri Magpaayes miira kana hunda keessa ta'anii daqiiqaa 100 dabarsan, dhumarratti abaarsi Niwukasil irraa darbatame, isaanis afuura baafatan.
Dan Barn fi Aleksaandar Isaak goolii isaan Niwukasiliif gumaachaniin kilabichi waan barootaaf eegaa tureefi akkaataa tapha kaleessaan waan isaaf malu argate.
Niwukasil goolii taphattoota gameeyyii isaa kanaan osoo dursaa jiruu taphi dhumee daqiiqaan saddeet dabalame.
Daqiiqaa dabalataa afraffaarratti taateen miira garee Tyneside gadi buuse mudate. Jijjiiramee kan gale taphataan Liivarpuul Federikoo Chiyeezaa goolii falmisiisaa boodarra VAR dhaan mirkanaa'e lakkoofsise.
Goolii tokkittiin tokko abdii sobaa Liivarpuulitti deebiste. Injifannoo isaaniif hin malle hawwuutti isaan deebiste.
Warra Niwukaasiliin ammoo seenaa gaddisiisaa waggoota 56 yaadachiifte.
Battalli sun garee Edii Haaw baayyee qore, baayyee dhiphise. Garuu leenjisaan lammii Ingilaand kun mala maltee isa dhumaa fayyadama.
Liivarpuul teeknika inni dhumarratti fayyadame dura dhaabbachuu dadhabe, dhumarratti harka kennuuf dirqame.
Haala kanaan Edii Haaw fi taphattoonni isaa seenaa kilabichaa jijjiiranii ba'an.
Kilabicha injifannoo kanaan kan ga'e Edii Haaw, injifannoon kun kilabicha qofaaf osoo hin taane magaalichaafillee hiika guddaa qaba jedhe.
''Guyyaa guutuu miiraan guutameen oole, an duraan akkas hin turre. Yaaddoo fi fedhii deeggartoota keenyaa beekna. Waancaa injifannee isaan boonsuu barbaanna turre,'' jedhe.
''Ga'umsa keenyaa fi bu'aa arganneen baayyee gammadeera. Injifannoon nuuf mala, ammoo Liivarpuul waliin taphachuun salphaa hin turre.
''Yeroo dabalataa eegaan ture. 2 fi 0 dhaan gonkumaa akka hin dhumne beekan ture,'' jechuun miira keessa ture ibse.
''Abaarsi ture kan jedhu an hin fudhu''
Deeggartoonni Niwukasil erga bara 1969 waancaa kana arganii hin beekan, waggaa hanga kana waancaa malee turuun abaarsa jedhanii yaaduu eegalan.
Ergasii kilaboonni Ingilaand 30 ta'an waancaa kana injifataniiru.
Niwukasil bara 1998 fi 1999 xumura ga'ee waancaa FA dhabe. Bara 2023 tapha xumuraa Maachistar Yunaayitidiin mo'amee waancaa Karabaawoo dhabe.
Amma kunoo injifannootti deebi'eera.
''Abaarsa waan jedhamu hin turre, akka kootti,'' jedhe Edii Haaw.
''Waggaa hanga kana eeguun waancaa injifanne, yoomuu hin dagannu. Waancaa kallattii garaagaraan mo'atu. Har'a karaa filatamaa itti waancaa mo'atan agarsiifne.''
''Piriimer Liigii keessatti kilaba cimaa ta'e waliin taphannee kilaba filatamaa taanee argamne,'' jedhan.
Waancaan Karabaawoo hagas mara guddaa ta'ee osoo hin taane, haala amma keessa jiraniin injifannoon kun kilabichaafis ta'e deeggartootaaf waan guddaadha.
Taateen kun leenjisaan kilabichaa seena qabeessa ta'uun siidaan isaa cinaa siidaa Jeemsi Paark, Sir Boobii Roobsan fi Alaan Shiirar akka dhaabbatu taasisa.
Edii Haaw erga Haarii Reednaap bara 2008 Poortmaz waliin waancaa FA injifatee leenjisaa jalqabaa Ingilaand waancaa FA ykn karabaawoo injifatedha.
Erga bara 2004 Istiiv Maak Kilaaren Middilsibooroo waliin waancaa Karabaawoo injifatee as leenjisaan jalqabaa Ingilaand waancaa kana injifate Edii Haaw.
Niwukasil waggaa lamaan kana bakkuma kanatti Maanchistar Yunaayitidiin mo'amee waancaa dhabee gale. Barana garuu muuxannoosaaniirraa barnoota argataniin of gabbisanii, akkaan qophaa'anii dhihaatan.
Deeggartoonnillee akkuma kana qophii olaanaadhaan dhihaatan. Hamilee fi jajjabinni Wembilee ture kan warra Toon Army (Niwukasil) tu caalee mul'ate.
''Waancaa addunyaa fakkaata''
Erga abbaan qabeenyummaa kilabichaa Sa'uudii jala galee akkasumas leenjisummaa Edii Haaw jalatti taphata jalqaba mallatteesse kan ta'e Buruunoo Gimareezh, deeggartootaa fi jaallattoota kilabichaang guddoo farafame.
Deeggartoonni taphichi jalqabamee hanga xumuramutti maqaa utubaa kanaa lafa hin keenye.
''Hunduu sababa degegartoota kunneenii ta'e,'' jedhe taphataan kun.
''Waan hunduu isaaniif mala. Jalqaba wayitan dhufe kilaba kana keessatti seenaa akka hojjedhu dubbadheen ture.. Amma Chaampiyoonaa taaneerra.''
''Jechan ittiin ibsu hin qabu. Jireenya koo keessatti guyyaa addaati. Degegartootaaf akka waancaa addunyaa ture. Namoonni wayita nuti waancaa injifannu nu arganii hin beekan. kanaaf miirri adda ture,'' jedhe Buruunoon.
Tapha xumuraa kanarratti ga'umsi ijoollee Biraaziil ajaayibsiisaa ture. Ga'umsi Joyilintan adda ture.
Akkuma ga'eesaa kilabicha utubee dhaabe. Dursaan taphattootaa Buruunoo Gimareezh kilabicha toora qabsiisuuf guddoo falmate.
Ittisi Niwukasil taphataa istaadiyeemii keessatti nama sodaachisu Mohaammad Saalaa moggaatti baase.
Saalaan akkas ta'ee hin beeku. Goolii galchuu fi kubbaa gooliif ta'u mijeessee kennuun hojiisaa guyyuu ture.
Kaleessa garuu utuu ga'ee kana hin ba'atin dirree keessaa ba'e.
Inumaa osoo xiqqoo turanii warri Niwukasil waan dabalan fakkaatu. Ga'umsi Liivarpuul, keessattuu kan dhumaa, baayyee saaxilamaa ture.
Torbee darbes PSGn rukuttaa adabbiin dorgommii Chaampiyoonsi Liigii keessaa isa baase, ammas Niwukasil dabalee adabe.
Waancaa sadi abdataa kan ture Liivarpuul amma waancaa Piriimer Liigii qofa adamsuutti deebi'eera.