Akkoo fi abbiiyyuu kunuunsitan manaa qabduu? Amaloota saddeet namoonni umuriin jaaran hundi qaban kunooti

Ayyoo Gujii

Madda suuraa, VO

Maxxanfame

Maanguddoon Margarita Flores nama ganna 107'ti. Guyyuu ganama bariin hirriibarraa kaati. Ciree erga nyaattee miilaan imaluu fi kitaaba dubbisuun hojii idileesheeti.

Maanguddoon umriin jaaran kuni silaa mana Jiimii deemanii ispoortii hojjechuu nifedhu. Garuu umuriishii 107 kanatti lukti ishee akka barbaaddetti hin ajajamuufi.

Gaazexeessituun BBC Fernande Paul mana jireenyaa maanguddoo kanaa Chiilee, magaalaa Saanti’aagootti argamu deemuun yeroo haasofsiisteetti jaartiin ganna 107 tuni “Luktikoo kuni akka kana caalaa deemuu danda’u ittuman deemaan jira” jechuun qoosani itti dubbatan.

Margaritan yaada ogeessonni namootni umriin isaanii ganna 100 caale amala walfakkaatu qabu jedhan kana akkaan kan agarsiisani.

Dameen baay'ina uummataa dhaabbata biyyoota gamtoomanii akka jedhutti, lakkoofsi namoota umriidhaan ganna 100 caalanii keekii guyyaa dhalootaasaanii muran dabalaa jira.

Bara 1990 namoota 92,000 qofatu carraa akkanaa kana argate. Bara 2021 lakkoofsi kuni dachaa hedduun dabaluudhaan gara 621,000 gahe.

Qacceen sanyii dhalootaa fi haalli jireenyaa sababoota murteessoo umrii dheerachuu ta’anilleen, ogeessonni garuu qabiyyeen xiinsammuus qooda laayyooo hin taane akka qabu akeeku.

Yunvarsiitii Maadriditti qorattuu xiinsammuu kan taate Maria Dolores, naamoota waggootaaf waa’ee namoota umriidhaan 100 caalan (Centeranians) qoratan keessaayi.

Qorannooshee dhiheenyaatiinis naamootni umriidhaan ganna 100 darban amaloota xiinsammuu walfakkaatoo tahan 19 qooddatu. Amaloota kanas garee saddeetitti qooduudhaan ibsite.

Maanguuddooo

Madda suuraa, Getty Images

Jiraachuu barbaaduu

Maanguuddoo Maargaareet

Madda suuraa, Flores family

Amaloota namootni umriidhaan ganna 100 darban waliin qooddatan keessaa ijoon fedhii jiraachuu fi qalbii fi jabina akka hin dhabnetti yaadudha.

“Waan baayyee nama raaju, namootni ganna 100 darban kanneen afgaaffii goonef fedhii lubbuun turuu akka qaban ifatti himu,” jetti Mariyaan.

“Namoota kanatti yeroo haasoftu waan nama ganna 100 caaletti haasoftu sitti hin fakkaatu. Waliigala akka nama umrii dargaggummaa jiruuti” jechuun dabalti.

Namoota qorannoo kana keessatti ogeettii kanatti dubbatan keessaa kanneen umriin isaanii ganna 98 ta’ee garuu hojii hin dhaabne keessatti argamu.

Isaanis hojiilee qaamaa fi qalbii isaanii jabeessu akka gulantaa ba’uu fi bu’uu, taphoota adda addaa taphachuu filatu jetti.

Fedhii namootaan walitti dhufuu

Akka qorannoon Maria akeekutti namootni umriidhaan ganna 100 darban hedduu namootan walitti dhufu, waliigalus.

“Maatii fi hiriyoota isaanii waliin hariiroo hoo’aa ta’e qabu. waan danda’aniin nama gargaaruu fi akka jaalatamanitti yaadamuu barbaadu. Kuni waan murteessaadha” jetti Marian.

Ta’ulleen sababa umriidhaan jaaraniif jecha waan hiriyummaa yoo ka’u wanti isaan miidhu jira.

“Akka carraa namootni umriidhaan ganna 100 caalan hiriyoota fi maatii isaanii baayyee dhabaniiru. Kanaaf jecha namoota haaraan walbaruu fi hariiroo hawaasummaa uumuun baayyee murteessadha” jetti.

Ta’ulleen Namoota ganna 100 caalan kanaaf hiriyaa qabaachuun baayyee murteessaadha. Sababni isaas qofummaan akka itti hin dhagahamneefi.

Kutannoo

Akka qorannoon kuni ibsutti amaloota namootni umriidhaan ganna 100 caalan qooddatan biraan kutannoo qabaachuudha.

“waliigalaatti isaan naamoota itti gaafatamummaa fudhatan, dorgomaa fi hojiirratti cimoo tahanidha. Kaayyoo isaanii galmaan gahuuf ofduuba hin jedhan” jetti Marian.

Dhaabbanni UK haaraan kan dhimma namoota umriin ganna 100 caalanii qoratu Stacy Andersen, ammoo waggootaaf waa’ee ijoollee namoota umriin ganna 100 caalan kanaa qorachaa ture.

Qorannoon kunis ijoolleen jaarrolee kanaas kutannoo isaanirraa waan dhaalaniif namoota kaayyoo fi akeeka qaban akka ta’an adda baase.

Maanguuddoo daakaa

Madda suuraa, Getty Images

Cichoomina

Cichoominnis amaloota namootni umriidhaan ganna 100 caalan waliin qooddatan keessaa isa ijoodha.

Cichoominni haala rakkisaa keessa kutannoon keessa darbuu akka jechuuti. Namootni kunneen inumaa rakkina keessatti cimina baratanii darbu. kunimmoo bu’aa umrii dheerachuuti.

“Kuni qabeenya guddaadha. Sababnisaas rakkinni xiinsammuu osoo nama hin miidhin fuulleedhaan itti deemuu fi keessa darbuu jechuudha” jetti Marian.

Umrii dheeraa jiraachuun waggoota kana keessatti qormaatawwan jireenyaa ulfaatoo keessa darbuu ofkeessaa qaba. Namoota kiyya jedhan dhabuu dabalatee.

“waan jireenya isaanii keessatti isaan mudatetti aaraniiru , gaddaniiru. Garuu wantoota kana bira darbanii jireenya itti fufu” jetti.

To’annoo

Akka qorannoon akeekutti namootni umriidhaan ganna 100 darban amala murtee mataa ofii murteeffachuu fi jireenya isaanii ofumaan too’achuu qabu.

“Namootni kunneen ofdanda’oodha. Jireenya isaanii hadiida ofii barbaadanirra oofuu barbaadu. Haalota keessattis filannoo mataa isaanii murteeffatanii keessa darbuu barbaadu” jetti.

Kaka’umsa waa beekuu

Qorannoon Maria Dolores akka ibsutti, namootni umriidhaan ganna 100 darban amala walfakkaataa sammuu si’aa’aa qabaachu, dammaqoo ta’uu fi barachuu fi ofbarsiisuu qabu.

Namootni qorannoo kana irratti gaaffiif deebii taasisanis fedhii waan addunyaarratti ta’aa jiru beekuu fi haalota tattaaffii mataa isaanitiin barachuu qabu.

“Yeroo hedduu namootni kunneen dubbistoota. Kitaabota hedduu mana isaaniitii qabaatu”

Margaritan isaan keessaa tokko. Isheen seenaa Pop Firaaansis dubbisaa turte.

“si’aa’inakoo eeguuf jecha wantoota baayyeen dubbisa. Kitaabota waa’ee faashiniitii hanga seenaawwan jaalalaatti” jechuun dubbatti.

Maanguddoota walitti qabamanii xaphatan

Madda suuraa, Getty Images

Qajeelummaa

“Namootni umriidhaan ganna 100 darban baayyee qajeeloodha. Baayyee darbee darbeeti namootni ganna 100 darban ‘maal osoon jiraachuu baadhee’ yeroo jedhan kan dhagahamu.

Garuu namoota umriin isaanii 40 osoo hanga waggaa 100 jiraachuu barbaaddaa jettee gaafatte deebiin isaanii shakkii malee ‘Lakkii’ kan jedhudha” Jetti Stacy Anderson.

Akka qorannoon kuni akeekutti namootni ganna 100 darban qajeeloo kan ta’an waan gammachuu qabaniif osoo hin taane waanuma xiqqaadhaan akkamitti gammaduu akka danda’an waan itti beekaniifi.

Margaritanis yeroo hedduu haala gammachuu qabu keessa akka dabarsitu himti “Namootni hunduu akka gaarii jirta naan jedhu. Kanaaf eeyyee ani yeroo hundumaa akka gaariin jira” jetti Margaritan.

Abshaalummaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka Morino jettutti, namootni umriidhaan ganna 100 caalan amala walfakkaataa abshaalummaa fi cimina qabu.

Dandeettii yaaduu, sababaawoo ta’uu fi rakkoo milkaa’inaan furuu, dafanii barachuurratti dandeettii qabu.

Amalootni namoota ganna 100 caalanii hedduun isaanii ciminatti kan geessanidha. Fakkeenyaaf hedduun isaanii barnootaa fi dirree hojiitti milkaa’aniiru. Kana malees dandeettii waa yaadachuu gaarii qabu.

Qorattuun kuni bilbilaan margaritaaf gaaffii ‘sababni ganna 107 akka jiraattu sigodhe maalijettee yaadda?’ jechuun gaafatteef akkas jechuun deebiste.

“Ani hin beeku. Ani yeroo hundumaa akka gaarin jira. yeroo hunda waa hojjechuuttin qabama. Yeroo kana sammuun kiyyas hojiidhaan qabama. Akkan yaadutti kuni nagargaarera. “ jette.

Isheen kutaa biyya keessa jiraattu La Reina keessatti nama umriin guddooti. Ofiisheetii dadhabaan jira jettee yaaddulleen angaa’onnii fi hawaasni naannooshii yeroo ganna 110 guuttu sagantaa guddaa qopheessanii kabajuufif akka jiran itti himan.

“Sagantaa kabajaa qabaachuuf deemna. Kanaaf yeroon boqonnaa hin jiru” jechuun miira gammachuutiin dubbati.