Mandara namni hundi dhibee waa dagachuu qaban- Landis

Garaagarummaa qabaatus jiraattonni mandara Kibba- Dhiha Faransaayi Landayis jedhamu keessa jiraatan hundi dhibee waa dagachuu qabu.
Suuqiin addabaabahii mandarichaa waantota bu’uuraa akka daabboo dhiyeessu, garuu maallaqa namarraa hin fudhatu, bilisaan dhiyeessa.
Jiraattonni maallaqa boorsaa keessaa qaban hin yaadatan waan ta'eef.
Duraan qonnaan bulaa kan ture Firaansis, mandara namoonni waa irraanfatan keessa jiraata. Firaansis bakka kanatti gaazexaa walitti qaba.
Gabaastuun BBC Soofii Hachinsan restoraantii dhiyeenyatti argamutti Firaansis buna akka wajjin dhugu affeerte.
Sana booda dhibee waa nama dagachiisu(Alzheimer) qabaachuu gaafa hakiimni Firaansis itti hime haala yeroo sana tureen gaafatte.

'Imala jiruu itti fufuu'
Firaansis abbaan isaa dhibee waa dagachuu qaba, garuu Firaansis hin sodaanne.
‘’Du’a hin sodaadhu, duuti waan guyyaa tokko hin hafne’’ jedhe Firaansis.
‘’Dhibichaan qabamus, jiruu dhuunfaakoon jiraadha. Jiraachuufan as dhufe, yoo jireenyi garaa garummaa qabaates inuman jiraadha’’ jedhe.
‘’ Yoo harka itti laatte ni kufta, dandeettii qabduun jiruu ittifufudha’’ jedhe Firaansis.
Jiraattoonni suuqii, mana nyaataa fi tiyaatiraa akka dhaqanii daawwatan mandara kanatti ni jajjabeeffamu.
Jiraattoota mandara kanaa kan ta'an Filippi fi Viviyaan dhibee waa dagachuutiin gosa tokkoo ol ykn double dementia qabataanis, jireenya idileesaanii jiraachu ittifufaniiru.
Gammachuu qabaachuusaanii gaafatamanii ‘’eyyee dhugumatti gammachuu qabna’’ jedhe Filip mataa raasee.
Abbaa warraa fi haatii warraa kun lamaan bunasaani xuruurfatanii, uffata qorraa akkuma uffatanitti gara paarkiitti qajeelan.
Mandara kanatti waa bituu fi qulqullina eeguuf sa’aatiin beellama hin daangeffamu.
Jiraatoonni mandara kanaa garuu itti dhiyeenyaa hordofamu.

Pirofeesar Helen Amiyaa akka jedhatti, hordoffiin mandara kanatti taasifamu dhibichi akka namoota kanatti hin hammaanne dhiibba uumuu himan.
‘’Namoonni dhaabbata kana keessa yeroo seenan saffisni dammaqinsa sammuusaanii ni hir’ata ture, amma dhaabbaticha keessatti kun mul’ataa hin jiru’’ jedhan Pirofesar Helen.
Pirofeesar Helen akka jedhanitti, maatiin namoota mandaricha keessa jiraatanii firrisaanii dhaabbaticha keessa jiraachutti hin gaabban jedhu.
‘’Waanta sudadaan wayyaa’u wayii argaa jirra,’’ jedhan.
Dhaabbileen akka keenya kanaa bu’aa gama wal’aansa kilinikaarratti dhiibbaa gaarii uumu jennee amanna’’ jedhan.
Dubartiin Doominik jedhamtu haadha ishee maanguddoo ganna 89 Muurisit quba ishee akeekaa akkas jette;’’isheen akka tasgabbii qabdufi nagaa taate waantan beekuuf, anis tasgabbiin qaba’’ jette.

Yeroo baayyee dhibeen waa nama dagachiisu kun hawaasa keessaa moggaatti nama baasa.
Bakka kanatti garuu miira hawaasummaa guddatu jira fakkaata. Namoonni walitti dhufanii waa hojjachuuf fedha qabu.
Qorattoonni akka jedhanitti, namoonni dhibee waa nama irraanfachisu qaban gammachuu fi fayya buleeyyii ta'anii jiraachuuf hawaasummaan dhimma murteessaa ta'u mala jedhan.
Jiraattonni mandaricha lakkoofsaan 120 yoo ta'an, ogeeyyiin fayyaa fi tola- ooltoonni waliigalatti 120 ta'u.
Tarii carraan dhukkubichaan dararamu jira, sababni isaa dhibeen waa dagachuu kun qoricha fayyisu hinqabu.
Jiraattoonni mandara dhukkubbiin adaduma itti hammaatu, deeggarsi isaan barbaachisu kennamaaf.












