Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maqaleetti waggaa tokko booda tajaajilli ibsaa eegale
Magaalan Maqalee waggaa tokko booda tajaajila ibsaa argattee jirti.
Jiraattonni magaala Maqalee BBCtti Kibxata irraa eegalee magaalattiitti tajaajilli ibsaa deebi'eera.
Waraana waggaa lamaaf nannoo Tigraayitti gaggeeffame hordofee naannichatti tajaajilli bilbilaa, intarneeti, ibsaa fi tajaajilliwwan biroo addaan citee ture.
Haata'u garuu mootummaan federaala fi humnoonni Tigraay waliigaltee waraana dhaabuu erga waliif mallatteessanii booda naannichatti tajaajilawwan bu'uuraa deebisuuf hojiilen garaa garaa hojjatamaa jiraachuu ibsamaa ture.
Qaamoleen lamaan waggoota lamaan darbaniif waraana dhiiga namoota hedduu dhangalaase fi qabeenya heddu mancaase erga gaggeessanii booda karaa nagaan waraana dhaabuf walii galanii, humnoonni Tigraay hidhannoo akka hiikkatuuf walii galameera.
Kanarraa ka'uun mootummaan federaalaa bu'uuraalee misoomaa fi deeggarsi namoomaa akka dhiyaatuf itti gaafatamummaa fudhateera.
Tajaajila elektirikiin alatti Itiyoo Telekom magaala Shiree fi naannoo isheetti yaalii tajaajila bilbilaa deebisaa jira. “Guyyaa kaleessatii kaasee magaalicha keessa bakka hundumaa ibsaan eegaleera," jechuun jiraatan magaalichaa BBCtti dubbatan.
Torbee tokko dura Shiree Indasillaasee fi naannoo isheetti tajaajila ibsaa deebisuuf hojjataa akka jiru Itiyoo Telekoom BBCf ibsee ture. Sararri humna ibsa Maqalee kan wiirtuu giddu galeessaa wajjin wal-qunnamuu isaa Humni Ibsaa Itophiyaa kaleessa ibsee ture.
Dabalataanis hjjattoonni humna ibsaa wantoota suphaa humna ibsaatif barbaachisan qabachuun yeroo dhiyootti gara Tigraay imaluun hojiii suphaa xumuruun tajaajilli ibsaa yeroo gabaabatti guutummaa Tigraayitti akka deebi'u Humni Ibsaa Itoophiyaa beeksisee ture.