Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Du'aan kan boqotan abbaan mul'ata 'Yekefita Zemen Le Ethiopia' Luba Ballinaa Saarkaa eenyu?
Luba Bal'inaa Saarkaa waggoota 60 oliif Wangeela barsiisuun beekamanii fi maqaa guddaa qaban du'aan adunyaa kanarraa boqatan.
Waggooya dheeraaf waliin wangeela barsiisaa turuu kan himan Qindeessaan Sinodosoota Betel Luba Tafarii Barkeessaa, Luba Bal'inaa Saarkaa kaleessa galagala boqatan jedhan.
Luba Bal'inaa Sarkaa durumayyuu darbee darbee dhukkuba dugdaan rakkataa akka turan kan himan Luba Tafariin dhiyeenya kanas tajaajila dhaabuun yaaliirra turan jedhan.
''Luba Bal'inaan namni hojiitti akka jabaatu, moofaa uffatee akka hin deemne, hiyyummaan kennaa waaqaa akka hin taane namoota gorsuun beekamu,'' jedhan.
Luba Bal'inaa Saarkaa kutaalee Itoophiyaa hedduu fi biyyoota adunyaa hedduurra deemuun wangeela barsiisuun beekamu.
Hunda caalaa ammoo mul'ata waa'ee guddina Itoophiyaa himuu fi kitaaba ''Bara Olkaafamuu Itoophiyaa'' jedhu barreessuun beekamu.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee Luba Ballinaan jaarraa walakkaa oliif Itoophiyaaf guddina hawwuun jaalalaan uummata tajaajilaniiru jedhan.
''Luba Ballinaan kitaaba raajii isaanii mata duree "Itoophiyaaf Bara Olka'insaa" jedhuun araaraa fi jaalala guddisuun; yeroo fi beekumsa isaanii ijaaarsa dhalootaa irratti dabarsuun fi jalaala biyyaa fi naamusa ol kaasuun abbaa gumaacha olaanaa bahataniidha,'' jedhan.
Luba Bal'inaa Saarkaa eenyu?
Luba Bal’inaa saarkaa Godina Wallagga Lixaa aanaa Boojjii Dirmajjiitti dhalatanii guddatan.
Luba Bal’inaa Saarkaa waggoota 60 oliif wangeela tajaajilaa kan turan yoo tahu, hojii barsiisummaa isaanii dhiisanii gara wangeela barsiisuutti kan galan bara 1962 akka tahe yeroo adda addaa himaniiru.
Luba Bal’inaa Saarkaa mul’ata waa’ee guddinaa fi bu’a bahii Itoophiyaa keessa darbitu waaqayyo irraa dhagahaa akka turan himuunkitaaba tokkos barreessaniiru.
Bara bulchiinsa Dargii keessa yeroo 14 sababa wangeela barsiisaniif hidhamanii ture.
Murteen du’aa itti murtaa’uun ilkaan isaaniillee sababa reebichaan dhabanii akka ture gaaffiif deebii miidiyaalee adda addaa waliin godhan irratti himanii ture.
Sirna awwaalcha isaanii Waldaan warra Wangeelaa Makaane Iyyesus Itoophiyaa bifa tajaajila isaanii madaaluun akak qopheesiyu himte.
Yekefita Zemen Le Ethiopia-Luba Bal'inaa Saarkaa
Luba Bal’inaa Saarkaa ‘’Yekefita Zemen Le Ethiopia (Bara ol ka'uu Itoophiyaa)’’ mul’ata jedhu kitaabaan barreessaniiru.
Kunis guddina dinagdee Itoophiyaa irratti kan xiyyeeffatu yoo tahu isaan keessaa daandii gurguddaan Finfinneetii hanga Afrikaa Kibbaa fi Kaameeruunitti akka bahu dubbatanii ture.
Daandiin Finfinneetii bahee Keeniyaatti qaxxamuruun hanga Lamuutti deemu ijaaramaa jira. Pirojektiin LAPSET kun hanga Afrikaa Kibbaatti kan diriiru yoo tahu, dubbii kana waggoota dheeraa dura Waaqayyo irraa dhagahe jedhanii barreessanii ture.
Dabalataan Luba Bal’inaa Saarkaa waa’ee humna ibsaa Itoophiyaa akkas jedhanii barreessanii ture.
Humni ibsaa biyya keenyaa qilleensa irraa, ifa aduu irraa fi bishaan irraa madda. Kun ammoo gara biyyoota ollaa akka Sudaan, Eertiraa, Somaaliyaa fi Keeniyaatti ergama.Kana irraa Itoohiyaan galii guddaa argatti,’’ jedhanii ture.
Itoophiyaan amma humna ibsaa Keeniyaatti gurgurachuuf waliigaltee mallatteesiteetti.
Kana irraas waggaatti doolaara miliyoona 100 ol argatti.
Osoo bilbilli harkaa kun hin dhufiin dura bilbilli shiboo hin qabne nama hunda harka gala.
Qonnaan bulaanillee qabateema lafa qonna isaa deema jedhan.
Daandiin baaburaa Sudaan irraa, Keeniyaa, Somaaliyaarraa, Jibuutii fi Eertiraa irraa gara biyya keenyaatti gala jedhan.
Baaburri kun ammoo meeshaalee hedduu biyya keenya keessaa gara alaatti fe’u, biyya alaa irraas galchu jedhan.
Itoophiyaa keessa haroowwan bishaanii hedduun jiru. Luba Bal’inaan naannoo kuufama bishaaniitti hoteelonni gurguddoo hedduun ijaaramu jedhan.
Keesummoonni hedduun gara kana dhufanii akka bashannan dubbatan.
Albuudotni akka warqee naannoo Tigiraay keessa, Wallagga keessa sibiilotni, Meetiin, nikeelii, aluminiyeemii, warqee fi dhagaan cilee hedduun akka argamus dubatan.
Boba’aan ammoo Baaroo Akooboo, Sulula Qinxaamaa, fi Affaar keessatti akka argamu dubbataniiru.
Waggaa kudhan waggaa rakkinaa, ciniinsuu fi ce’umsaati jedhan. Barri kun bara jibbaa, jeequmsaa fi du’aati jedhan.
Kan lammaffaa ammoo bara Rakkinni waggaa 100 kan itti hiikamudha jedhan. Bara kana keessa namni yerootti dammaquun hojiitti fiigudha jedhan.
Waggaa kudhan isa sadaffaatti ammoo rakkinni waggaa 500 kan itti nurraa ka’udha jedhan.
Rakkinni waggaa 500 yoo hiikamu guddinni Itoophiyaa bakka guddaa gahee Jaappan har’aan wal qixxaattitti jedhee kaartaa Jaappaan natti agarsiise Waaqayyo jedhan.
Luba Bal'inaa Saarkaa mul'atni argan kun kan saba hundaa fi amantaa hunda keessa jiranii akka tahe himan.