Dubartii bakka kosii itti gatan iddoo bashannanaatti jijjiiruun 'raajii' hojjette

Madda suuraa, Senait Gashaw
Waanti dubartiin kun goote, dhuguma namni tokko qofaa isaa kana hojjachuu danda’aa nama jechisiisa.
Magaalaan isheen keessa jiraattu qilleensa hoo’adhaan waan beekamtuuf bakka akkanaa qilleensa itti fudhatan kanaan dura argitee hin beektu.
Bakka magaarisa kanatti namni qofaatti waan garaa isaa walitti haasa’a, cidhi itti gaggeeffama, qophiiwwan eebba fi kabaja ayyaana dhalootaa hanga sagantaawwan waraabbii muuziqaa garaa garaa itti gaggeeffamu.
Iddoon bashannanaa magariisni kun magaala industirii kan taate magaala Kombolchaa keessatti argamti.
Iddoon bashannanaa kun amma maamiltootaf banaa ta’ee jira.
Dubartiin iddoo dur kosiin itti gatamu gara iddoo baay’ee miidhagaa fi barbaadamaatti jijjiirte kun Sannaayit Gaashawu jedhamti. Gaa’ila horattee haadha ijoollee lamaati.
Jaalalli isheen biqilootaf qabdu ijoolluummaadhumaa kan wajjin guddateedha. Abjuun ishee biqiltuu dhaabdee lafti magariisa uffatee arguu ture.
“Garaa qofa miti, ijjis ni nyaata”
Sannaayit, “Garaa qofa miti ijjis in nyaata” jettee amanti. Kanaafidha fakkaata biqiltoota qe’ee ishee keessaa fuutee namoota naannotiifuu kan qooddu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Manni fi mooran ishee hundi biqiltootatan kan dabaaleedha.
Sannaayit ogummaa qonnaa hin baranne, waa’ee biqiltootas waan baratte hin qabdu. Ogummaa biqiltoota dhaabu fi kunuunsuu kan argatte muuxannoodhumaani.
“Amaloota biqilootaa baruudhaf nan dhama’a. Akkuma ogeessa fayyaa, rakkoo biqiltootaa beekuu nan danda’a. Kana baruu kanan danda’e, muuxannoo fi jaalalan biqilootaf qabu irraa ka’eeni.
Biqiltoonni akkuma ijoolleen maal barbaaddi? Maal jaalatti? Maaltu ta’aaf? Maaltu hin ta’uuf jedhanii gaatafaniiti,” jetti Sannaayit.
Waa’ee biqilootaa sirriitti akka bartu kan ishee gargaare ammoo abbaa ishee ogummaa konkolaachisummaan jiraataniidha.
Magaala Dasee jiraataa kan turan abbaan ishee Obbo Gaashawu, qe’ee isaanii biqiltuudhan bareechuun amala isaanii ture.
Yeroo bakka biroo deemanii dhufan, biqiltoota gosa garaa garaa fidanii dhaabu turan. Biqiloota kana erga dhaabanii booda bishaan obaasee kan kunuunsu Sannaayit ture.
Sannaayit akka jettutti, gosti biqiltuu qe’ee isaanii hin jirre hin jiru.
Biqiltoonni kun bareedinaaf qofa osoo hin taane, nyaata fi qorichummaaf kan oolan hedduudha.

Madda suuraa, Sannaayot Gaashawu
Sannaayit barattuu kutaa 12 taatee osoo jirtuu maatiin ishee irraa du’an. Obboloota ishee lama guddisuun itti gaafatamummaan kan ishee ta’e. Sababa kanaaf baruumsa addaan kuttee gaa’ila dhaabbachuuf dirqamte. Obbolaa ishees akkasiin guddiste.
Baruumsa ishee addaan kuttee heerumtus garuu akkuma barataa kitaaba dubbisuu isheenis qe’ee ishee keessa biqiltoota dhaabdee kunuunsuu hojii manaa ishee godhatte.
Boodarra biqiltoota kana irraa firoota fi namoota biroof kennuudhan barsiifte.
Sana booda gosa biqiltootaa biiroo, qe’ee fi bakka hojii fa’aa dhaabuun danda’amu omishtee gurguruu eegalte.
Kana gochuun ishee gurgureen bu’aa ittiin argadhaaf osoo hin taane, naannoon ishee magariisa akka ta’uufi.
Boodarra bakka xiqqoo qabdutti biqiltoota horsiisun namootatti agarsiisuu eegalte. Namoonni bituuf gaafa dhufan gosa biqiltoota fi akkaataa itti dhaaban itti agarsiifti.
Gabaan ishee hoo’aa deeme, namoonnis biqiltuu dhaabuu wajjin wal baraa deeman. Naannoo sana bakki itti biqiltuu horsiisan waan hin turreef, namoonni bakkuma xiqqoo isheen misoomsite kana arganii ajaa’ibsiifachuu eegalan, suuras biratti ka’uu jalqaban.
Bakka kosii itti gatan...
Jaalala namoonni magariisaf qaban erga barteen booda ammoo lafa xiqqoo qabdu irratti iddoo magariisa bashannanaaf ta’u hojjachuu akka qabdu murteessite. Akkuma jettes hojjattee agarsiifte.
“Bakki bashannanaa xiqqoon ani hojjadhe maamilli waan itti baay’ateef humnaa ol nutti ta’e. Namoonni cidha godhachuuf fa’aa heddumminaan barbaadaa turan, jechuun bal’isuuf hojjachuu akka jalqabde dubbatti Sannaayit.
Kanaaf ammoo bulchiinsa magaalicha irra deddeebin gaafannaan bakka kosii itti gatan filatanii naannoo Laga Borkannaa cinaa akka kennaniif himti.
Bakkichi bakka kosii itti gatanii fi bu’uura misoomaa homaa hin qabne ta’us, kutannoo qabdu irraa kan ka’e bakkicha misoomsuuf murteessite.
Laga Borkannaa irraa bishaan fudhattee ofuma isheetii dizaayinii qopheessun biqiltoota waggoota 20 oliif mana ishee keessatti kunuunsaa turte fuutee achitti dhaabuu eegalte.
Dadhabbiin isaa salphaa akka hin turre dubbatti Sannaayit.
Firoonni ishee naannoo sana jiran hojii isheetti gammadanis, humnaa ol isa isheen dadhabdu gaafa ilaalan itti gaddu turan.
Namoota naannoo ishee keessaa akka isheen hin dhamaane fi iddoon isheen misoomsitu bu’aa akka hin qabnes kan itti himan salphaa hin turre.
Isheen garuu murannoo ishee irraa kan duubatti deebisu hin turre. Haa ta’u garuu, bakkichi magaala keessaa bahee waan argamuuf namni ni dhufa kan jedhu shakkaa turte.
Iddoon badhannanaa Sannaayit misoomsite kun kaaree meetira kuma 20 irratti kan hojjatame yoo ta’u lafa lolaan nyaatamee fi namni kosii itti gatu ture.
Akka Sannaayit jettutti, iddoon bashannanaa kun amma si’a tokkotti sagantaa cidhaa 15 keessummeessuu danda’a.
Iddoon bashannanaa dubartii jabduu tokkoon eegale amma namoota 50 dhaabbataan qacaree hojjachiisa. Namoota biroo yeroo gabaabaf hojjatan hedduufis carraa hojii uumee jira.
“Namoota ogummaa qaban heddu itti horanneera. Ilaalcha namaas jijjiiruu dandeenyera. Kosiin akka qulqullaa’u fi hoteelonni iddoo magaarisa qabaachuu akka qaban fakkeenya taanee jirra,” jetti Sannaayit.
Hojii gaarii hojjatteen kabajaa fi beekamtii namoota biraa argatte cinaatti Magalaan Kombolchaa irraa waraqaa ragaa fi waancaa badhaafamuu dandeessee jirti.












