Ilaalcha fooyya’aa qabu kan jedhaman Masuud Pezeshkiyaan pirezidaantii Iraan ta’uun filaman

Masuud Pezeshkiyaan

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Kaadhimamtoota pirezidaantummaa Iraaniif dhiyaatan keessaa ilaalcha fooyy’aa qabu kan jedhaman Masuud Pezeshkiyaan pirezidaantii haaraa Iraan ta’uun filaman.

Masuud morkataasaanii cimaafi ilaalcha harbeessuu qabaachuun beekamu sa’iid Jaliil mo’achuuni kan pirezidaantii ta’an.

Masuud sagalee dhibbeentaa 53.3 yoo argatan morkataansanii Sa’iid Jaliil itaanun harka 44.3 argataniiru.

Filannoo pirezidaantummaa Iraanitti gaggeeffame kanaan lammiilen biyyattii miliyeena 30 ta’an sagalee kan kennan yoo ta’u, seenaa biyyattii keessatti isa gadi aanadhas jedhame.

Filannoon kun akka gaggeeffamuuf sababa kan ta’e, pirezidaantiin biyyattii Ibraahim Ra’iisiibalaa helikoptaraan ji’a Caamsaa keessa du’uusaanii hordofeeti.

Ibraahim Ra’isii du’anii ji’a tokko booda filannoo gaggeeffameen Masuud Pezeshkiyaan pirezidaantii haaraa ta’uun filamaniiru.

Ministiirri Dhimma Keessoo Iraan bu’aa filannoo osoo hin beeksisin durayyuu deeggartoonni Masuud magaala Tehraanifi magaalota kaanitti karaatti bahanii gammachuusaanii ibsataa turan.

Pirezidaantin Iraan haaraa filame Masuud nama ganna 71 yoo ta’an ispeeshaalistii onneeti. Miseensa paarlaamaa Iraan yoo ta’an, Iraan keessatti hojii poolisii namuusaa akkasumas Iraan addunyaarraa qoollifatamuushee qeequn beekamu.

Akkasumas dhimma Waliigaltee Nikulara bara 2015 Iraan biyyoota lixaa wajjin walii galtee deebi’ee kufee sana irra deebin kaasun biyyoota lixaa wajjin hariiroo Iraan qabdu fooyyeessuu nama fedhaniidha.

Morkataasanii kan ture Sa’iid Jaliilii garuu ijjannoo leellistummaa nama qabuufi hariiroo biyyoota lixaarratti ijjannoo hin jijjiiramne nama qabuudha jedhama.

Faallaa biyyoota lixaa dhaabbachuun alatti waliigalteen nikularaa Iraan dhimma keessa deebi’amuu hin qabneedha jechuunis nama amanuudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lammiilen Iraan miliyeena heddu filannoo kanarratti osoo hin hirmaatin hafaniiru.

Kaadhimamtoonni yaada addaa uummataaf dhiyeessan dhabamuu, hundisaanii harbeessitoota ta’uufi dureen amantii Ayatolaa Khameenin waan hundarratti murteessaa ta’uunsaanii lammiilen biyyattii heddu nuffanii sagalee kennuurraa of-qusataniiru.

Kanneen marsaa jalqabaan sagaleesaanii hin lanne, marsaa lammataa irratti sagaleesaanii Dr. Masuudif kennaniiru. Sababni ammoo Sa’iid Jaliilii ilaalcha amantii harbeessuu cimaa waan qabaniif akka hin mo’anneefi.

Sa’iid Jaliilii yoo mo’ate, Iraan kana caalaa biyyoota biroo wajjin wal-dhabdee keessa seenun qoqqobbii dabalataaf saaxilamti kan jedhan danuudha.

Kaadhimamaa pirezidaantii Iraan ta’uudhaaf Koree Eegumsaa (Guardian Council) namoota 12 qabuun ilaalamanii darbuun dirqama. Jalqabarratti dubartoota dabalatee kaadhimatoonni heddu dorgomuuf iyyannoo galfatanii kaadhimamtoonni 74 kufan.

Koreen Eegumsaa kaadhimamtoota mootummaaf amanamoo hin taane beekaa keessaa hambisa jedhamuun gareewwan mirga namaaf falmaniin qeeqamaa ture.