Mana kitaabaa Dambi Doolloo 'bakka horsiisa lukkuufi booyyee ta'e'

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Obbo Moosisaa Likkaasaa maanguddoo Magaala Dambi Doolloo jiraatan yoo ta’an, yeroo dheeraaf hojjetaa mana kitaabaa ummataa Dambi Doolloo ta’uun tajaajilaa turanii amma sooramarra jiru.

Akka isaan jedhanitti magaalaa Dambi Doollootti manni dubbisa kitaabaa ummataa seenaa dheeraa kan qabudha.

“Bara 1997 manni kitaabaa ummataa inni ammayyaa kuni osoo hin ijaaramin dura naannoo buufata konkolaataatti mana dubbisa kitaabaa xiqqoo tokkotu ture” jechuun yaadatu.

Ergasii Bara 1997 manni dubbisa kitaabaa ummataa kaka’umsa nama dhuunfaa tokkootiin akka ijaaraamu ta’ee isaanis achitti qacaramanii hojjechaa turan.

''Naannoo Istaadiyoomii maagaaala Dambi Doolloo kanatti nama maqaansaanii Taammiruu Nagarii jedhamutu lammiilee biyya alaa tumsa gaafatanii manni kitaabaa ammayyaa kuni akka ijaaramu godhani” jedhu.

Manni Kitaabaa kuni ammayyaa’aa fi sadarkaasaa kan eeggate akka ture kan kaasan maanguddooni kuni, mana kitaabaatiin alattis galma walgahii ammayyaa kan qabu akka ture himu.

“Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Qeellem, kan Oliiqaaa Dingilii fi manneen barnootaa dhuunfaa akkasumas jiraattota hedduutu nubiratti dhufee dubbisaa ture” jedhu.

Mana kitaabaa kanaaf kitaabotni barbaachisanis tola ooltummaan biyya alaarraa kanneen galan akka ta’es himu.

“Kitaabota barnootaa waajjira barnootaa irraa arganne. Kitaabota hedduu barmeela saddeetiin biyya keessa galchanii mana kitaabaa kanaaf tola ooltummaan kan kennan Nama Dr. Maammoo Dibaabaa jedhamani” jedhu.

Manichi Kitaabota bakka biraatti hin argamnee fi barbaachisoo ta’an hedduun kan guute ture waan ta’eefis guyyaatti hanga nama 600 kan ta’u mana kitaabaa kana seenee fayyadamaa turuus yaadaatu.

Dargaggoon jiraataa Magaalattii ta’ee fi amma yunvarsiitii akka baratu himu tokkos Yaada BBC’f kenneen, manni kitaabaa ummataa kuni bakka yeroo boqonnaatti beekumsa irraa argachaa turredha jedha.

“Ijoollummaa kiyyaa kaasee mana kitaabaa kana fayyadamaan ture. Amma yunvarsiitiin baradha. Kitaabota mana barumsaa keessaa hin arganne achii arganna ture” jedha.

'Cufamee bakka horsiisa lukkuu fi booyyee ta'e…'

Manni kitaabaa ummataa tokkichi magaalaa Dambidoollootti argamu kuni amma erga cufamee waggootni lakkaa’amaniiru.

“Sababuma Rakkoo nageenyaa naannoo keenya tureen walqabateeti kan cufamee ture. Ergasii waggoota darban qaamolee nageenya mootummaatu achi keessa buufatee ture.

''Yeroo sanatti mancaatiin kitaaboleerra gahaa ture” jedha dargaggeessi maqaansaa akka hin ibsamne gaafate kun.

Haalli nageenya magaalattii erga fooyya’ee manni kitaabichaa bakkaa duriitti deebi’a jennee osoo abdannuu amma lafa horsiisa lukkuu fi booyyee ta’eeras jedha.

“Amma booyyee fi lukkuutu achi keessatti horsiifamaa jira. Kuni baayyee nama gaddisiisa. Manuma kitaabaa kana maddiitti oolmaa dargaggootu ture innis tajaajiluma walfakkaataaf oolee jira” jedha.

Waggootaaf mana kitaabaa kanatti hojjechaa kan turan Obbo Moosisaanis manni kitaabaa kuni cufamuun hedduu akka isaan gaddisiisee fi amma mooraa mana kitaabichaa seenuun dhorkaa waan ta’eef qabatamaan waan jiru seenee hubadhee hin qabu jedhan.

Jiraattonni lamaanuu garuu manni kitaabaa kuni haaromee tajaajila dur kennaa ture bakka dubbisa kitaabaatti akka deebi’uuf cimsanii gaafatu.

Kantiibaan Magaalaa Dambi Doolloo Obbo Girmaa Daangalaa, manni kitaabaa kuni sababa rakkoo nageenyaa naannicha tureen tajaajila dhaabee turuun dhugaadha jedhu.

“Magaalaa Dambi Doolloo rakkoo nageenyaatu ture. Saamichaa fi hanna garagaraatu hattuu fi kashalabbee maqaa abbaa torbeetin socho’aa ture. Sanarraa kan ka’e yaaddoo waan godhanneef kitaabota kana achii baasne” jedhu.

Kitaabota mana dubbisa kitaabaa kana keessa turanirraa mancaatiin gahe hin jiru kan jedhan angaa’aan kuni, kitaabonni kunneen mana qopheessaa magaalichaatti olkaa’amanii akka jiranis dubbatan.

Manni dubbisa kitaabaa ummataa kuni bakka horsiisa booyyee fi lukkuu ta’eera kan jedhames, horsiisni kuni manicha keessa osoo hin taane mooraa mana kitaabichaa keessatti akka ta’e himu.

“Lafa bal’aatu mooraa mana kitaabichaa keessa jira. Ijaarsa lukkuutif sheedii maddiisaatti ijaarre malee mana kitaabatin wal hin qabatu. Kunimmoo dargaggootumaaf carraa hojii uumuf yaadameeti” jedhan.

Haalli nageenya magaalaa Dambi Doolloo fooyya’iinsa kan qabu akka ta’e kan himan kantiibaan kuni, haalota sirreessuun mana dubbisa kitaabaa ummataa kana bakkatti deebisuuf akka hojjetanis himan.