Shaanxaa caal-baasiin gurgurame keessatti hafteen qaama nama du'ee argame

Madda suuraa, Getty Images
Niwu Ziilaanditti hambaan qaama nama du'ee shaanxaa caal-baasiin gurgurame keessaa argame qorachaa akka jiru poolisiin beeksise.
Maatiin caal-baasii mankuusaa tokko keessatti gaggeeffameen shaanxaa kana bitan, hambaa qaama namaa arganii poolisiitti gabaasan.
Poolisiin Kibba Oklaandi qorannoo yakka ajjeechaa mana keessaa kan eegalan yoo tahu, hambaa qaama nama du'ee argame qorachuu eegalaniiru.
Maatiin shaanxaa kana bitan dhimmicha keessaa harkan hin qaban jedhamee amanama.
Maatiin kun dhaabbata meeshaalee kuusurraa shaanxaawwan dabalatee meeshaalee hedduu bitan. Meeshaalee kanneen gara manaa erga galfatanii booda hambaa qaama namaa shaanxaa tokko keessatti kan argan.
Jiraattonni naannoo man-kuusichaa amma dura fooliin badaan itti dhufaa akka ture poolisitti himaniiru.
Jiraataan iddoo awaalchaa keessa hojjetu tokko fooliin isaa kan maalii akka ta'e battalatti adda baasuu hima.
"Akkuma fooliin natti dhufeenin bare, foolichi eessaa akka dhufu adda baasuuf yaalaan ture," jedhe.
Poolisoonni namni hafteen qaama isaa argame kun akkamiin akka du'eefi haala ture guutummaatti hubachuuf eenyummaa nama sanaa adda baasuuf dursa kennanii hojjechaa jiraachuu himu.
Akkaataa hafteen qaama namaa kun argamerraa ka'uun firoota nama kanaa barbaadanii itti himuun yeroo fudhachuu malas jedhan.















