Dursaan garee Maanchistar Siitii Ilkaay Gundowaan tola Baarseloonaa galuuf

Ilkaay Gundowaan bara taphaa 2022-2023 taphoota 51 taphachuun goolii 11 galcheera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ilkaay Gundowaan bara taphaa 2022-2023 taphoota 51 taphachuun goolii 11 galcheera
Maxxanfame

Taphataa colleen Maanchistar Siitiif bu'aa guddaa buuse Ilkaay Gundowaan, kontiraati inni kilabicha waliin qabu xumura ji'a kanaa (Waxabajjii) kan obba'u yoo ta'u, isa booda bilisaan gara Baarseloonaa deemuuf jedha.

Siitiin taphataa umrii waggaa 32 kanaaf kontiraata haaraa dhiheesseera, inni garuu waggoota sadan dhufan kilaba chaampiyoonaa Ispeen ta'e Baarseloonaa waliin turuu filate.

Leenjisaan Siitii Peep Gaardiyoolaan taphataa collee, kilabichi bara kana akka waancaa sadi mo'atu tumsa olaanaa taasise kana tursiisuuf guddoo ifaaje.

Sarara gidduurra taphachuun kan beekamu taphataan Jarmanii kun, bara taphaa 2022-2023 taphoota 51 taphachuun goolii 11 galcheera.

Keessattuu dorgommiiwwan gara xumuraa irratti falmii Maanchistar Siitiin taasisaa ture kan utube taphataa kana.

Taphoota gara xumuraa jiran torba Siitiif taphaterratti goolii ja'a galchuun akkaan jajameera.

Tapha waancaa FA morkataa isaanii Maanchistar Yunaayitid waliin taphatan irratti Ilkaay Gundowaan goolii lama lakkoofsisuun gareensaa 2 fi 1n mo'atee akka waancaa fudhatu taasiseera.

Wayita Siitiin waancaa Piriimer Liigii fi FA irratti dabalachuuf waancaa Chaampiyoonsi Liigiif falmataa ture Gundowaan guddoo gumaacheef.

Tapha xumuraa Siitiin 1 fi 0 dhaan Inter Miilaaniin mo'achuun abbaa waancaa ta'erratti Ilkaay Gundowaan daqiiqaa sagaltama guutuu taphate.

Gaardiyoolaan jalqaba ji'a kanaa daarektarri Siitii Chiikii Bigiristaayin Gundowaan garecha keessa akka turuuf hojjetaa jiraachuu ibsanii turan.

Gundowaan Maanchistar Siitiin taphataa sarara gidduu Kirooshiyaa Maatewoo Kovachich Chelsii irraa paawondii miiliyoona 30n bituu hordofeeti kan kilabicha keessaa ba'uu murteesse.

Bara 2016 kilaba Jarmanii Borussia Dortmund irraa paawondii miiliyoona 20n Siitii kan gale Ilkaay Gundowaan taphoota 304 irratti goolii 60 galcheera.

Waggoota torba Siitii keessa tureen waancaa piriimer liigii shan, chaampiyoonsi liigii tokko, FA lama, Karabaawoo afur fi waancaa Community Shields jedhamu lama waliigalatti waancaa 14 nyaateera.

Erga taphataan sarara gidduu lammii Biraaziil Siitii gadhiisee Gundowaan bara 2022-2023 dursaa taphattoota kilabichaa ture.