Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Akkuma salphaatti daangaa Raashiyaa cabsinee keessa fullaane' - loltoota Yukireen
Waggaa lamaa oliif Yukireen daangaa ishee keessatti haleellaa Raashiyaa itti dhufe qolachaa turte.
Loltoota Raashiyaa dhiibdee daangaashee keessaa baasuu dadhabdus dura dhaabbachuu dandeessetti.
Torbee tokkoo as ammoo osuma loltoonni Raashiyaa daangaashee keessa jiranuu karaa biraan daangaa Raashiyaa cabsitee seenuun Raashiyaa keessatti lola gaggeessaa jirti.
Hanga 30km fulla'uun daangaa Raashiyaa qabattee jirti. Bulchiinsa Raashiyaa Kurisik jedhamu, bakka itti Yukireen lola gaggeessaa jirtu, keessaa namoonni 200,000 bahaniiru.
Tomaash loltoota Yukireen daangaa Raashiyaa seenuu keessatti qooda fudhatan keessaa tokkoodha. Hiriyaasaa Akoord [maqaa lolaa] wajjin hojiinsaanii haleellaa diroonii gaggeessun loltoota lafootif karaa banuudha.
Loltoonni Yukireen osoo daangaa Raashiyaatti hin cehiin dura guyyaa lamaaf qubsuma loltoota Raashiyaa irratti haleellaa gaggeessaa turan.
"Loltoota keenyaaf karaa banuuf jennee dursinee sirna qunnamtiifi to'annoo diinaa jalaa haak goone," loltoonni Yukireen salphaadhumatti daangaa Raashiyaa akka seenan hima.
Ministiirri Ittisaa Raashiyaa guyyaa kaleessaa, Hagayya 13, loltoonni Yukireen daangaa Raashiyaatti akka hin babal'anneef qolachaa jiraachuu beeksise.
Loltoonni Raashiyaa daangaa Yukireen keessa osoo jiranii Yukireen darbitee Raashiyaa seenunshee kaayyoo maalif akka ta'e ifa miti. Yukireen akka ibsitetti Raahsiyaan gara nagaatti akka dhuftuuf dhiibbaa gaggeessuf malee lafa Raashiyaa qabachuuf fedhii akka hin qabne beeksifteetti.
Lola daangaa Raashiyaa keessatti gageeffamuuf Yukireen loltootashee gahuumsafi muuxannoo gahaa qaban akka bobbaaftetu himama.
Loltuun Yukireen daangaa Raashiyaa keessa jiru tokko BBCtti akka himetti, haleellan Yukireen kun qophiin ji'ootaf taasifamaa ture hojiitti gaafa hiikamu Raashiyaa akka rifachiisefi adda waraanaa biroorraa loltoota akka sochooftu ishee dirqisiise.
"Dagachiisnee haleelun keenya sirriitti hojjate. Gaafa Hagayya 6 halkan gareen jalqabaa kallaatti garaa garaan cabsee seene. Salphaadhumatti seenne," jechuun loltoota Raashiyaarraa lolli xiqqaan isaan mudachuu hima.
Gama Raashiyaatinis ta'ee gama Yukireenin jiraattonni daangarra jiran qe'eerraa akka buqqa'an godhamaniiru.
"Yeroo seennu uummanni Raashiyaa nu hin mormine," jedha loltuun Yukireen kun.
Loltuun Yukireen BBCn dubbise Raashiyaan adda waraanaa biroo kanneen akka Karkiiv, Pokrovisk, fi Toretisk fa'aarraa loltoota dabalataa bobbaaftus haleellaa Yukireen bulchiinsa Kursk keessatti gaggeessitu dhaabuu hin dandeenye.
Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmir Puutin ammoo haleellaa kanaaf deebii cimaa akka kennan dhaadataniiru.
Erga Waraana Addunyaa Lammaffaatii daangaa Raashiyaa keessatti lolli gaggeeffamuun kun kan jalqabaati.
Jirattonni Yukireen ammoo loltoonnisaanii dangaa Raashiyaa fulla'anii akka qabatan barbaadu.