Gamoo sodaa waraanan marfame keessatti maatiin guyyuun buqqa'aa jiraatan waan himan

Maatii Gaazaa keessaa buqqa'an
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 7

Gamoon Sikiik, lixa Magaalaa Gaazaa safara tasgabbaa'aa ta'uun beekamu Daandii Omaar al-Muktaar irratti argama. Bakki kun fuula jaalalleewwan Gaazaa filatanidha.

Daandiin sarara sadii qabu cinaa gamoo kanaa jiru Kanaan dura bakka jaalalleewwan itti wal beellamaniifi waliin dabarsan ture.

Bakki kun callisaafi tasgabbaa'aa ta'uu isaarraa kan ka'e, jaalalleewwan qeeqa hawaasa Gaazaa jalaa dhokatee ykn da'atee wal argee waliin dabarsuu yoo barbaade bakka kana filata ture.

Daandiin kun maqaa masoo ittiin waamamullee qaba. "Lovers' Street" jedhama. Daandii jaalalleewwanii akka jechuuti.

Gamoon abbaa darbii ja'aa safara filannoo jaalalleewwanii kana gadi ilaalu kun amma caccabaa gamoowwaniifi manneen diigamaniin marfamee hafe.

Waan dur safara sanatti dabarsan kan yaadatan amma jiraattota muraasa qofatu hafee jira.

Warri amma buqqa'anii as dhokatanii jiran Gaazaa jiguurraa kan ka'e osoo hin taane, sodaa taankii Israa'el asiifi achi fiigaa jiru baqataniiti.

Waraanni Gaazaa naannoo yeroo tokko akkaan bareedu kana diigeera. Manneen daldalaa fi manneen nyaataa ammayaafi mimmiidhagoo toora sanarra hanga qarqara galaanaatti jiran amma rasaasaan diigamanii akka hin jirre ta'aniiru. Paarkiiwwan bashannanaa Faransaayiin hojjetamaniifi mukkeen miidhagina paarkichaa turan caccabaa jalatti awwaalamaniiru.

Gamoo Gaazaa keessaa

Gamoon Sikiik ammallee dhaabatee mul'ataa jira, garuu meeshaalee waraanaa gurguddaa irratti roobeen darbiin isaa garri olii jiru fofolloqee bakka gara garaatti uratee mul'ata. Miidhagnii isaa waraana duraan ture irraa badee shaaraa namoonni buqqa'an yeroo gara yerootti itti jijjiiramanitu irraa mul'ata.

Erga waraanni Gaazaa jalqabee waggaa lamaan booda, gamoon kun hangam akka waraanni hariiroofi tokkommaa manaafi hawaasarraa nbama kutuufi dhiibbaa akkamii akka qabuuf agarsiiftuudha.

Warri duraan gamoo Sikiik kana keessa jiraataa turan erga dhabamanii bubbuleera. Kutaa kuusaa lafarra jiruun olitti appaartimentii 10 gamoo sana keessa jiru keessaa saddet namoota sababa waraanaan buqqa'aniif dahoo yeroo ta'eeraaf.

Haadha Gaazaa ijoolleeshee waa agarsiisaa jirtu
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubartiin umuriin ishee ganna 26 Hadeel Daaban abbaa warraashee fi ijoollee xixiqqoo sadii: Juudii ganna sagal, Muraad ganna jahaa fi Mohammad ganna lamaa waliin kutaa 4ffaa keessa jiraatti.

Maatiin kun ji'a lama dura as kan dhufan yoo ta'u, ji'atti shekel 1,000 ($305; £227) kaffaluun kutaalee duwwaa keessa buufataniiru.

"Namoonni nu dura as turan balaa waan qabuuf bahan" jetti Hadeel. "Asitti finixxaariin keenyan rukuta, akkas ta'ees garuu ammallee dunkaana caalaa gaariidha."

Meeshaaleen maatii kanaa muraasni akkuma xaxametti keenyanirratti fannimafaniiru. Shaaraa ciccitaan ammoo qaawwa jiran, bakka duraan foddaa turellee uwwisaniiru. Maatiin kun bakka kana yeroo qubatan si'a 12ffaa buqqa'aniiti.

"Meeshaalee keenya gaariirratti yeroon fe'u ijoollee koo hunda gubbaarran kaa'ee meeshaalee akka waan mana nyaataatiin akka taphatan nan hima," jechuun Hadeel natti himte.

"Jireenya adda ta'e, bakka kanaan dura qabnurraa xiqqoo fagaannee jiraachuuf akka jirrun itti hima."

Manni maatii kun maayilii tokkoo kan gadi fagaatu yoo ta'u, naannoo Al-Tuffah magaalaa Gaazaa keessatti argama. Torban jalqabaa waraana kanaa keessatti, erga mana jireenyaa fira isaanii kan isaanii ol jiru rukutamee booda baqatan.

Ji'oota muraasa booda deebi'an. Garuu Bitootessa 15 bara 2024 haleellaan gamoo isaan cina jiru irratti raawwatameen amaatii (haadha abbaa warraa) Hadeel ajjeesee, ijoollee sadan madeessee abbaa warraa Hadeel ammoo jiraatti awwaalame.

"Sa'aatii dheeraaf isa barbaadaa turre, caccabaa jalatti arganne," jetti.

Abbaan warraa ishee Izz el-Din of wallaalee ture. Gara hospitaala al-Shifaatti kan geessan yoo ta'u, achitti abbaan warraa ishee buqqeen mataan isaa cabee of wallaalee akka jiru itti himamuu dubbatti.

Guyyaa sadii booda osooma inni achitti wallaanamaa jiruu Israa'el hospitaalicha cuftee buufataalee ajaja Hamaas hundeerraa buqqisuuf jettee oppereeshinii waraanaa torban lamaaf achitti jalqabde.

Hadeel abbaa warraashee waliin deebitee kan wal argite erga loltoonni Israa'el achi keessaa bahanii ture. Yeroo isa argitutti lubbuun jira garuu dadhabee ture.

Hadeel ammallee hordoffiin fayyaa yeroo hunda akka isa barbaachisu nutti hime. "Duraan gara ogeessa niwurooloogii (narvii)[Magaalaa Gaazaatti] isa geessaan ture, torban jaha dura garuu hakiimonni hundi gara kibbaatti godaanan," jetti.

Manni calliseema bakka itti dahatan ykn qabeenya qofa miti. Maatiin sadan gamoo Sikiik keessa jiran nuti dubbisne hundi si'a baayyee bakka baayyeetti godaananiiru.

"Ollaan koo durii aa hin jiran, kanaan boodas deebiyanii ollaa koo naaf hin ta'an, sababiin isaas ji'a ji'aan namoota haaraatu dhufa," jetti Hadeel. "Olloonnikoo jalqabaa yeroo ammaa eessa akka jiranillee hin beeku- gariin isaanii gara kibbaatti godaananiiru, gariin ammoo ajjeefamaniiru ykn madaa'aniiru. Kanaan booda ollaan hin jiru."

Guyyaa jaalleewwan keenya Hadeel waliin al argan, namoonni kuma dhibbaan lakkaa'aman bakka naga qabeessa ta'e kibbatti deemaa waan turaniif Magaalaan Gaazaa ona ta'aa turte.

Magaalattii keessa sirriitti seenaa kan ture waraanni Israa'e; namoonni akk gadhiiusaniif "akeekkachiisa dhumaa' dabarsaa ture.

Haata'u malee, maatiin nuti dubbisne garuu bakkuma jiran turuu barbaadu.

Yeroo Hadeel ogeessa kaameraa keenya waliin dubbachaa jirtutti, appaartaamichurraa dho'insa walitti aansuun dhanga'ameera.

Karaa foddaawwanii, aarri akka duumessa guddaa samiitti ol bahe.

Ijoolleeshee keessaa tokkoon isaanii xiqqoomallee hin naane.

Gamoon Sikiik bara 2008 ture kan ijaarame. Gamoo kana duuba ammoo walakkeessa bara 1990oota keessa ijaarsi Magaalaa Gaazaa fudhateera.

Bakki kun bakka filatamaa Mana-barumsaa Idil-addunyaa Ameerikaatti aanaa kan jiruufi paarlaamaa Filisxeemirraa ammoo bilookii tokko qofa fagaatee kan jiru yoo ta'u, amma lamaan isaaniiyyu barbadaa'aniiru.

Bakki wiirtuu ta'e Daandii Omaar al-Muktaarirra jiru kun ji'a jalqabaa waraana Gaazaa keessa toora taankiiwwan Israa'el ittiin darban ture.

Hospitaalli Al-Shifaa gara kaabaatti bilookii lama fagaatee argama. Weerarri kun erga raawwatamee booda torban muraasa keessatti waraanni Israa'el gamoo hospitaalaa kana akka buufata Hamaas ta'ee itti fayyadamaa jira jechuun qabachuuf bakka seene.

Loltoonni naannoo daandii Omaar al-Muktaar dabalatee kallattii hedduurraa itti dhiyaatan.

Naannoo duuba gamoo Sikiik, boolli guddaan reektangulaaraa dallaa keessatti dhowee jira. Keessatti, barreeffamni Ibrootaa, "Saamuraayii isa dhumaa" jedha – kunis fiilmii Hooliwuud waa'ee loltuu Jaappaan Jaarraa 19ffaa meeshaa ammayyaatiin qawweedhaan caale eeruudha.

Waraana Israa'el humni isaa gamoo kana fayyadamee beekaa, achitti lolanii hoo beekaa jennee gaafanne. Deebii hin arganne.

Garuu abbaan qabeenyaa gamoo kanaa Shaker Sikiik akka nutti himanitti, bilookichi yeroo hojiitti loltoonni Israa'el akka wiirtuu hordoffiitti itti fayyadamaa turan.

Akkasumas, Israa'el baatii Bitootessa keessa mooraa hedduu kan isnaayiparoonni Filisxeem naannoo sanatti fayyadaman rukutteetti.

Humnoonni lafoo ji'oota jalqabaa waraana kanaa keessatti ji'ootaaf Magaalaa Gaazaa keessa kan turan yoo ta'u, Bitootessa 2024tti haleellaa lammaffaa hospitaala al-Shifaa irratti yeroo raawwatan, abbaan warraa Hadeel achi keessatti wallaanamaa ture.

Jiraattonni saffisaan akkasitti jijjiiramuu isaaniitiin, amma namni gamoo sana keessa jiru waan ji'oota jalqabaa waraana sanaa sana keessatti ta'e yaadatu hin jiru.

Garuu lolli ammallee naannoo sanatti itti fufee jira.

Munaa Shaabet gamoo darbii shanaffaarra

Appaartaamaa kan Hadeel olitti argamu keessa, dubartiin umuriin ishee waggaa 59 taate Muijoollee ijoolleeshee waliin taphatti.

"Guyyaa lama dura rasaasni as, gamoo kana keessa rukkutee ture," jechuun dubbatti. "Ijoollee qabadheen achii gara bakka nageenya qabutti isaan waliin fiige. Akka nagaan ta'u Waaqayyoon kadhachaan taa'e. Ijoolleen sodaa guddaa keessa galan."

Munaan naannoo al-Tufaah irraati. Hagayyarraa eegalee abbaa warraashee, ijoolleesheefi ijoollee ijoolleeshee sadii waliin as jiraachaa jirti. Kiraa manaa kaffalaa hin jiran. Waraanni kun jalqabee torban muraasa keessatti yeroo manni isaanii haleelamee barbadaa'etti maatiin kun waan hunda dhaban jetti Munaan.

"Naannoo al-Tufaah guutuu wal qixxeessan - hunda isaa, manni tokkollee hin hafne," jetti.

"Jireenya ammaa amma akka haaraatti jalqabna, fallaana, saa'inaa fi kaan irraa kaasnee walitti qabna. Beelli dhufee nyaata argachuun tabba nutti ta'e, bakka jiraannu dhabnee badheetti hafne, " jechuun nutti himte. "Waraana waggaa lamaa booda lubbuun hin jiru, ani warra du'an keessaa tokkodhan jedha."

Jiraataan biraa, magaalaa kaabaa Beeyit Lahiyaarraa, naannoon isaa amma "lafa badaa" ta'uu nutti himeera, erga waraanni Israa'el diigee booda. "Manneen, ykn mallattoonillee yeroo tokko ollaan as akka ture isinitti himu hin jiru," jedhan.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii gamoowwan mana jireenyaa Gaazaa keessaa %90 miidhamuu ykn barbadaa'uu ibseera. Ollaan guutuun - seenaa waliinii, hidhata maatii, fi deeggarsa hawaasummaa isaaniitiin – diigame.

Haata'u malee, yaadni manaa/qe'ee ofii mana isa bilookeetiifi dhagaarraa ijaarame caalaa balleessuun rakkisaadha.

Ogeessi kaameeraa keenyaa mana jireenyaa Munaa yeroo daawwatu, ijoolleen ijoolleeshee durbaa lama suuraa kaasaa jiru. Fakkii kitaaba seenaa mana tokkoo kan namatti toludha – xiqqaa fi sirrii, foddaan isaa kan guutuu diimaa qaxxaamuru qabudha. Aduun samiirra baatee jirti, samiin bifa pilaastikii fi halluu diimaa, mukkeen fi biqiltoonni jiru.

Bakka isaan jiraatan kana hin fakkaatu.

Akkasumas, manni jireenyaa fi hawaasa bal'inaan barbadaa'uun isaa yeroo baay'ee maatiin jiraachuuf gargar ba'uu jechuudha.

Ilmaan Munaa shan keessaa lama gara kibbaatti kan godaanan yoo ta'u, kan biraan soddaa isaa bira turuuf deeme. Kaan ammoo dhufanii deemaniiru jetti. Ishee fi abbaan warraasheellee gara gamoo Sikiik osoo hin deemin dura ji'oota addaan ba'anii kan turan yoo ta'u, Munaan ammoo firootashee biratti dahoo argatte.

Maatiin bal'aan yeroo tokko ishee marsee addunyaashee miidhagsaaf ture manca'aa jira.

"Nuti facaanee jirra. Gargar bahuun waan hunda caalaa ulfaataadha" jette. "Jireenyi narraa mulqame. Fayyaan koo badeera. Manni keenya badeera, namoonni garaa keenyaan jaallannu badaniiru - wanti nuuf hafe hin jiru."

Shawkat al-Ansari - darbii tokkoffaarra

Miira Shawkat al-Ansari sirriitti dubbata.

Jalqaba Bakka amma manca'e Beeyit Lahiyaarraa kan dhufe yoo ta'u, haatisaa fi obboleettiin isaa kibba Gaazaa daandiirra akka rafan nutti hime. Shawkat ammoo haadha warraasaa fi ijoollee torba waliin gamoo Sikiik darbii tokkoffaa keessa jiraata.

Ji'a afur dura obboleessi isaa achi buuteen isaa dhabamee ture.

"Mana soddaa keenya keessaa tokkoo kan Shejaiya [cirracha kaaba Magaalaa Gaazaa] jiru irraa daakuu fudhachuuf deeme. Ammallee maaltu akka isa mudate hin beeknu. Bakka hunda sakattaanee garuu isa hin arganne."

Namoonni nyaata, nageenya ykn bakka jireenyaa barbaaduuf socho'an yeroo hunda baay'achuun isaanii maatii walitti qabuun rakkisaa ta'eera.

"Kana dura [gaarii] jiraachaa turre," jedha Shawkat. "Amma obboleessi koo dhabameera, hundi keenya bakka adda addaatti qabamnee jirra."

Tokko tokkoon, hawaasummaan namoota bakka isaaniitti walitti qabee ture - manni, hawaasni, maatiin - ummanni Gaazaa yeroo hunda buqqa'uu isaafi naannoon jireenuaafi daandiin diigamuusaatiin laafaniiru.

Shawkat amma kutaa konkiriitii duwwaa gamoo Sikiik keessa taa'ee, egeree walii isaa hin beekne ilaalaa jira. Ijoolleen isaa waraana dura mana barumsaatti haala gaariirra turan jedha, amma garuu akkaataa dubbisuu fi lakkaa'uu dagachaa jiru.

Sochiin yeroo hunda taasifamaa jiru jireenya isaanii dadhabsiisaa jira.

Guyyoota booda bilbilli Hadeel irraa nu qaqqabe. Ishee fi maatiin biroo hedduun gamoo Sikiik keessa jiran ammas sochiirra turan.

Humnoonni Israa'el akka seenaa jiran mallattoonni agarsiisuuf dursanii boombii aaraa naannoo sana keessa darbatan jechuun nutti himteetti.

"Halkan edaa taankii hin argine, amma yoo hin deemne garuu boru yeroo dammaqnu ni argina" jette.

Hadeel yeroo nuti ishee waliin haasofnu gara kibbaatti qajeeluuf yaaluun dura obboleessashee dhiyoo jirutti makamuuf karoorfattee mi'ashee xaxataa turte.

"Daandiirra turuuf deemna, dunkaana keessa jiraanna" jette. "Waan fedhes goonu wanti waan keessa keenya jiru deebisee ijaaru hin jiru. Ijoolleen koo kana booda ijoollee koo miti. Amma kan isaan eeggatu gidiraadha malee daa'imummaa isaaniif kan gaddamuuf miti."

Guutummaa Gaazaa keessatti gamoon dhaabbatanii hafan maatiidhaaf wiirtuu ce'umsaata'aniiru, keessatti takkaa walitti qabamanii deebiyanii sababa waraanaan bittinnaa'u.

Waraanni kun mariin yoo milkaa'e, nagaan bu'ee joormaan isaaniitti xumura argachuu danda'a. Deebisanii ijaaruun ammoo egeree adda ta'e isaaniif fiduus danda'a.

Garuu jireenyisaanii durii dabarsan duubatti hafeera.

Waraanni kun karaa gara duriitti deebiyuu balleesseera.