Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kariim Benzeemaa miidhamaan Waancaa Addunyaa ala ta'e
Jifataan garee biyyaalessaa Faransaay Kariim Benzeemaa shaakallii irra osoo jiruu miidhama irra gaheen Waancaa Addunyaa Kataariin ala ta'e.
Injifataan badhaasa Ballon d'Or bara kanaa Benzeemaan osoo Kataaritti garee wajjin shaakalarra jiruu sarbaa isaarra miidhamni irra gahe.
Gareen biyyaalessaa Faransaay Benzeemaan taphootaa Waancaa addunyaarratti hirmaachuu hin danda'u jedheera.
''Gareen guutuun gadda Kariim ni qooddata, dafees akka bayyanatu ni hawwaaf'' jedha ibsi garichaa.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Faransaay gama isaan qorannoo MRI godhameefiin Benzeemaan maashaa sarbaa isaarra jirurra miidhamni gaheera jedheera.
''Bayyanachuuf torbanoota sadii isa barbaachisa.''
Faransaay Waancaa Addunyaa kana irratti ramaddii D jalatti Awustiraaliyaa, Deenmaarkiifi Tuniziyaa waliin ramadamte. Tapha jalaqabaas Kibxata Awustiraaliyaa waliin gooti.
Leenjisaan Faransaay Didiyeer Deekaamps hanga Wiixata boruutti jifataa biraa bakka Benzeemaa bu'uuf waamicha godhu.
Gareen biyyaalessaa Faransaay sababa miidhamaan taphattootaa isaa gahumsa gaarii qaban durseeti kan dhabuu eegale.
Taphattootni sarara gidduu Pool Boogbaa fi Nigooloo Kaanteen qaata miidhama isaaniirra gaheen hiree hirmaannaa hin arganne.
Jifataan biraan garichaa Kiristoofar Nikunkuunis dhiyoo osoo shaakalarra jiruu miidhame.
Benzeemaan biyya isaa shaampiyoonaa dorgommii taree taateef taphoota 97 gooliiwwan 37 lakkoofsiseera.
Taphataan kun Waancaan Addunyaa Kataar eegaluuf yeroo dhiyaatetti maaliif Ballon d'Or akka naaf malu waltajjiin itti mirkaneessuudha jedhee ture.
Bakka Benzeemaa Deekaamps taphataa sarara fuulduraa Maanchistar Yunaayitiid Antonii Maarshaaliin waamuu mala jedhameera.
Benzeemaan torban darbe gareen biyyaalessaa guutuun erga ijaaramee yeroo duraaf ture shaakallii guutuu Sanbataa irratti kan hirmaate.
Leenjisaan isaa Deekaamps ''Benzeemaaf akka malee gaddeef Waancaa Addunyaa galma isaa guddaa godhatee ture,'' jedha.
''Qormaata haaraan kun dhufus garee koorraa amantaa guddaan qaba. Qormaata guddaa nu eeggatu keessa bahuuf waan hunda ni goona.''