Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US'tti qaala'insi gatii waggaa 40 keessatti olaanaa ta'e galmaahe
Gatiin boba'aa fi nyaataa akkaan dabaluun walqabatee US keessatti erga bara 1981 qaalayinsi gatii inni olaanaan galmaahe.
Ji'a Caamsaa keessa qaala'insi gatii 8.6% gahuu 'Labor Department' beeksiseera.
Gatiin jireenyaa qaala'uun maatii dhiphisaa, warra imaammata tolchaniis dhimmicha to'achuuf sardaa jira.
Baankiin gudduugalaa Ameerikaa ji'a Bitootessaa keessa dhala maallaqa qusatamuu dabalee ture. Tarkaanfiin kun diinagdee biyyattii sududaan tasgabbeessaa jiraa jedhu ogeeyyiin diinagdee.
Waraanni Raashiyaafi Yukireen garuu gatii boba'aa, Zayitaafi midhaanii dabaluun rakkoo kana hammeessaa jira.
Boba'aan Ameerikaa keessatti ji'a Caamsaa keessa dhibbeentaa 34% dabale. Gatiin nyaataa ammoo dhibbeentaa 10'n.
Gabaasni haaraan Jimaata bahe ammoo qaalayinis gatii kun gejiba qilleensaa hanga bittaa uffataafi gatii waldhaansa fayyaatti gama hundaan akka dabale akeekeera.
Bankrate.com irratti xiinxalaa dhimma maallaqaa kan ta'e Gireeg Mcbride qaalayinsi gatii amma dhibeentaa 8.6 gahe seenaa waggaa 40 keessatti isa olaanaadha'' jedheera.
'Stock mark' US akkaan gadi bu'aa kan jiru yeroo ta'u, invastaroonni diinagdeen garam akka imalu waan hin barreef innis rifaatuu uumeera.
Yaadi uummataa sassaabame akka agarsiisutti lammiileen US hedduun wanti isaan yaaddessu inni jalqabaa qaalayinsi gatiidha. Warri Rippaablikaanotaa rakkoo kanaaf pireezidant Joo Baayidan yoo komatan, fudhatamni Baayidanis sababa kanaatti gadi bu'eera.
Hoogganaan qabeenya US Janeet Yellen gatii tasgabbeessuun 'xiyyeeffannoo jalqabaa isaanii ta'uu' torban kan Waashingitanitti dubbataniiru.
Boba'aan gaaloniin tokko giddugaleessaan doolaara tokko ure doolaara shan gaheera.
Gatii qaala'aa jiruun qixatti ammoo galiin uummataa dabalaa hin jiru. Qaalayinsi gatii kun keessumaa kanneengalii gad-aanaa qaban akkaan miidha.