Dubartiin dhalootaan Ertiraa mucaa mana-barumsaatii fudhachuuf baatee hafte torbaniin booda reeffi argame

Maxxanfame

Dubartiin dhalootaa Ertiraa taateefi Ameerikaa jiraattu tokko mucaashee mana-barumsaatii fudhachuuf manaa baatee achiin hafte barbaacha torban tokkoon booda reeffishee argamuu poolisiin hime.

Dubartiin kun jiraattuu Tenesii, Ameerikaa yoo taatu, reeffishee konkolaataa poolisii Michigaaniin adamfamaa ture tokko keessatti argame jedhameera.

Akka ibsa poolisiitti, dubartiin maqaan ishee Elleenii Kaasaa jedhamtu Sadaasa 17, 2022 kaasee achi-buuteen ishee dhabamee ture.

Dubartiin umurii wagga 31 bakki buuten ishee dhabamuu kan mirkanaa’e mucaa intalaashee mana-barumsaatii fuudhuuf deemtee osoo hin deebiyiin erga hafteetidha.

Dubartoota lama konkolaaticha keessa turan eenyummaan isaanii adda hin ba’iin keessaa dhukaasa poolisii waliin tureen kan ajjeefamte yoo ta’u, kan biraan madoofte hospitaalatti wallaansarra jirti jedhameera.

Sababiin du’a dubartii kanaa maal?

Qorattoonni akka jedhanitti, Elleenii Kaasaan kan ajjeefamte yeroo poolisiin oppereeshinii gaggeessu osoo hin taane konkolaataa keessatti duutee argamte.

Maatiin ishee akka isheen bakka buutee dhabameen guyyaa tokkoon booda Sadaasa 18, 2022 qondaallonni poolisii naannichaa galmee namoota badanii barbaadamanii keessa galchuun akka barbaadamtuuf labsan.

Poolisiin Murfeesboroo tiwiitara irratti akka ibsetti, guyyaa sana dubartiin kun, "Dodge Charger konkolaataa jedhamuun deemaa turte."

Gaafa Wixataa Poolisiin Murfeesboroo ibsa baaseen reeffi dubartii kanaa konkolaataa poolisiin gaafa Sanbataa adamsaa ture keessaa karaa duubaa argameera.

"Qorannoon akka agarsiisetti, miidhaan kun kan qaqqabe [dubartiin kun kan ajjeefamte] jaalallee ishee maqaan isaa Doominiik Hardwik jedhamu umuriin isaa waggaa 36 ta'e waliin mana jireenyaa Elleenii Kaasaatti erga waldhabanii boodadha," jedha ibsi poolisii kun.

"Bilbilli harkaa Elleenii Kaasaafi konkolaataan ishee manatti hafe. Lamaan isaanii waliin ta'anii konkolaataa gur'aacha Dodge Charger jedhamu [kan Hardwick] ta'een deemaa turan jedhamee amanama."

Miseensonni Qajeelcha Qorattoota Yakkaa Murfereesboroo torban tokkoof yeroo qorannoorra turanitti mana jireenyaa "hiriyyaa" Elleenii Doominiik Hardwick dabalatee bakkawwan gara garaa qorataniiru.

Sochiin konkolaatichaa tumsa poolisii Ohio fi Michigan taasisaniin bakki jiru barame.

Sanbata darbe waaree booda qondaaltonni poolisii Dearborn konkolaataa kana duukaa bu'anii dhaabsisuuf yaalanii ture.

Isaan booda konkolaataan kun yeroo waan argetti bu'utti dhukaasni ammoo dhaga'ame.

"Booda [Elleenii Kaasaa] konkolaaticha karaa duubaan duutee argamteetti. Hardwick akkuma kana du'ee kan argame yoo ta'u, ofiin ofitti dhukaasee of ajjeesuu danda'a," akka gaabaasa poolisii Murfreesboro jedhetti.

"Du'a gaddisiisaa obboleettii keenyaa [Elleenii Kaasaa] kaleessa barre," jedhan maatiin ishee ibsa GoFundMe irratti baasaniin.

"Elleeniin obboleettii, adaadaa jaalalaafi intala ishee waggaa 6f ammoo haadha jaallatamtuudha."

"Elleeniin maatiishees yeroo umuriin ishee waggaa afur jiru dhabde. Akkayyaa isheetu isheefi obbolaan ishee guddise.