Jijjiirraa taphattootaa: Xumurri Raayis barame, Mendiin gara Al - Hilaal qajeele

Haveertiz (bitaarraan), Raayis (gidduu), Maadisan (mirgarraan)

Madda suuraa, Getty Images, BBC Sport

Ibsa waa'ee suuraa, Haveertiz (bitaarraan), Raayis (gidduu), Maadisan (mirgarraan)
Maxxanfame

Arsenaal lammii Ingilaand utubaa West Haam kan ta’e Deklaan Raayis paawundii miiliyoona 105’n ofitti fiduuf kilabicha waliin waliigale.

Kana dura si’a lama gatii Arsenaal dhiheesse West Haam didee ture.

Kilabiin biraa Maanchistar Siitii illee taphataa kana ofitti fiduuf ifaajaa ture.

Siitiin paawundii miiliyoona 90 taphataa kanaaf dhiheessuus kilabichi waan dideef morkii keessaa baheera.

Kilabichi paawundii miliyoona 100 keessaa homaa hin hir’isu jechuun kakate. Xumura irrattis milkaa’e.

Arsenaal taphatichaaf gatii kilabichi gaafate dhiheesseera. Faayidaa muraasa dabalataaf immoo paawundii miiliyoona 5 dabale.

Dursaan taphattoota West Haam kuni eega bara 2014 Chelsiirraa kilabicha seene.

Taphataan kuni dhihoo akka isaan waancaa waggoota 43 keessa kan duraa jedhame Waancaa Konfirans Liigii Awurooppaa ol kaasan gargaare.

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteetaa garee isaa waancaa Chaampiyeens Liigii Awurooppaa bara dhufuuf darbe cimsuu barbaada.

Haveertiz Arsenaal seene

Arsenaal jifataa lammii Jarman Kaayi Haveertiz Chelsii irraa mallatteessiseera.

Taphataan ganna 24 ganna sadan darban Chelsii keessa ture. Akkaataa waliigaltee haaraa Arsenaal waliin mallatteesseen hanga bara 2028 ni tura.

Gatiin ittiin mallatteessise paawundii miiliyoona 65 ta’us dabaluu danda’a jedhameera.

Jifataan bara dorgommii baranaa galchii sagal Chelsiif galche kuni walumaagala taphoota Pirimiyeer Liigii 91 taphatee galchii 19 galche.

Bara 2021 tapha Waancaa Chaampiyeens Liigii Awurooppaa Chelsiin Maan Siitii injifatee yeroo ol kaasetti galchii itti injifan galche.

Haveertiz deeggartoota Chelsii erga nagaa dhaammate booda Arsenaalitti kaayyoon isaa ''Waancaa injifachuu'' akka ta’e hime.

Maadisan gara Tootanhaam

Kilabiin Landan biraa Tootanhaamis Leestar Sitii irraa Jeemis Maadisan paawundii miiliyoona 40’n mallatteessiseera.

Taphataan ganna 26 kuni si’a sadii garee biyyaalessaa Ingilaandiif taphateera. Kilabiin isaa Leestar yeroo jalqabaaf bara 2021 waancaa FA akka ol kaasu taasise.

Norwiich irraa bara 2018 Leestar erga seenee Jeemis Maadisan kilabichaaf si’a 203 taphateera.

Bara dorgommii darbe Pirimiyeer Liigii irratti galchiiwwan 10 galchuus kilabichi akka liigiicha keessaa hin kufne garuu gochuu hin dandeenye.

Mendiin gara Al – Ahli

Taphataan lammii Senegaal Chelsiif karra eegaa ta’e taphatu faana taphattoota kaan bu’uun gara kilaba Sa’udi Arabiyaa Al Hilaal imaleera.

Mendiin karra eegaa cimaadha. Ga’umsa isaa kanas kilabii isaa Chelsiif waggoota sadan darbaniif gumaacheera.

Karra eegaan cimaa kuni bara 2021 waancaa Chaampiyeens Liigii kilaba isaa waliin ol kaaseera.

Kana dura michuuwwan isaa kilaba tokkoo Kaalidu Kulibaaliifi Nigoolaa Kaanteen gara kilaba Sa’udii kana imalaniiru.