Dubartiin Ameerikaa Siiriyaatti loltoota dubartootaa IS leenjisuu amante

Aliisan Filuuk Ekreen

Madda suuraa, Alexandaria Sherif's office

Maxxanfame

Dubartiin Ameeriikaa loltoota dubartootaa garee ‘Islamic State’ jedhamuuf Siiriyaatti leenjisaafi lafa Ameerikaa irratti haleellaa raawwachuuf shira xaxaa akka turte amante.

Aliisan Filuuk Ekreen garee kanaaf deeggarsa kennuufi dubartoota 100 ol tahan haleellaaf leenjisuun yakka raawwachuu amante.

Namni kuni haadha ijoollee fi barsiistuu kan turte yoo tahu, bara 2011 Ameerikaa irraa baatee, Siiriyaa galuun dura garee shororkeessaa kana waliin Liibiyaatti hojjetteetti.

Adabbii Onkoloolessa dhufu iratti muramuun hidhaan waggaa 20 irratti darbuu mala.

Filuuk Ekreen nama ganna 42 yoo taatu barattuu baayolojii fi barsiistuu turte, Masrii fi Tarkii keessa jiraachuun booda garee shororkeessaa kanattii dabalamuuf gara Siiriyaa imalte.

Yeroo IS keessa turte garee loltoota dubartootaa ‘Khatiba Nusaybah,’ jedhamu kan magaalaa Siiriyaa Raaqaa keessa ture hogganteetti.

Akka qondaalotni jedhanitti itti gaafatamummaan mummee, dubartii kanaa dubartootaafi ijoollee akkaataa meeshaaleen waraanaa kanneen akka AK 47, boombii dhukaasan barsiisuu ture.

Dhaddacha Varjiniyaatti taa’ameen dubartiin kuni garee dubartootaa leenjisuu amantee, ijoollee garuu hin leenjisne jechuun haalteetti.

‘’Ijoollee dubartootaa leenjisne hin beeknu,’’ jechuu ishee CNN gabaaseera. Dubartootni isheen leenjifaman guyyaa adabbiinshee dubbifamu irratti ragaa bahu jedhamee eegama.

Filuuk Ekren maqaa ‘Umm Mohammed al-Amriki’ jedhamuun waamamaa turte kuni loltoota IS’n qabamuun booda Iraaq Mosuul keessa jiraatteetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka abbaan alangaa jedhutti, namni ragaa irratti bahe tokko akkaataa yaadnishee gochaa kana raawwachuuf itti geeddarame sadarkaa 1-10 gidduutti ibsi yeroo jedhamu kana ni darba jechuun ‘’11 fi12’’ ni taha jedhe.  

Biyyoo Ameerikaa, yunivarsiitii, wiirtuu daldalaa fa’i irratti haleellaa raawwachuuf korachuus amanteetti.  

Ragaa namni bahe biraan,’’haleellaan namooti baayyeen irratti hin ajjeefamne, mancaatii qabeenyaati jettee yaaddi ture,’’ jedhe.  

Sanadootni argaman biroonis abbaan warraashee miseensa garee hidhataa ‘Ansar Al-Sharia’ jedhamuu yoo tahu, gareen kunis 2012 Libiyaa keessatti mooraa qabeenyaa Ameerikaa tahe haleelee ture.  

Abbaan warraashee booda haleellaa qilleensarraan ajjeefame wajjin sanada mooraa  Ameerikaa magaalaa Bengaaziitti argatan fayyadamuun hoggansa isaaniif xiinxalaafi gabaasa dhiyeessaa turan.  

Dhaddachatti yakka kana gochuu kan amante ijoolleesheef jecha tahuu yeroo gaafatamtu boo’aa turte.  

Miseensonni maatiishee akka isaan hin quunnamnef manni murtii akka dhorku gaafatanii turan.  

Abbbaan alangee Ameerikaa tokko akka jedhetti, maatiinshee, ‘’daandii gantummaa’’ nuu dhiiste jedhanii jedhe. Baatii Onokololeessaa yeroo adabbiinshee dhagahamus ibsa baasuu danda’uu jedhe.