Humnoonni nageenyaa miidhaa saalaa yoo raawwatan adabbiin itti cimaa?

Harka dubartii waa didaa jirtuu

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Baatii Hagayyaa darbe keessa Oromiyaa Gujii Lixaatti miseensi poolisii halkan dawoo godhatee miidhamtuu meeshaa waraanaan sodaachisuun yakka dirqisiisanii gudeeduu raawwate hidhaan waggaa torbaa irratti murtaa’e.

Rakkoon nageenyaa aanichatti mul’atu dhimmoota dabalaa dhufuu yakka dirqisiisanii gudeeduuf sababa ta’an keessaa tokko ta’uu himu Abbaan Seeraa Mana Murtii Aanichaa Badhaanee Danboobii.

"Hamma kana jennee adda bahu dhabullee daballiin isaa inuma jira,” jechuun yakki gudeeddii aanichatti dabalaa jiraachuu himan.

Biyyoota guddatan kanneen akka Kanaadaa keessatti otoo hin hafiin yakki miidhaa saalaa qaamota seera raawwachiisaniin dalagamu seera fuulduratti akka hin dhiyaanne qorannoowwan biyyattiitti adeemsifaman agarsiisu.

Bara 2005 and 2020 keessa miidhaan saalaa qaamota seera raawwachiisaniin qaqqabe 689 Kanaadaa keessatti gabaafameera.

Haleellaa saalaafi yakki cimaa biraan yeroo qaamota seera raawwachiisaniin dalagamu caasaa poolisii irraa adda tahetu qorata.

Gama biraan miseensi Poolisii Meetiroopoolitaan Biriiteen, Deeviid Kaariik jedhamu Amajji darbe dubartoota 12 gudeeddii dabalatee miidhaa saalaa gargaraa 49 irraan gahuu amanee, irratti murtaa'eera. Yakka kana bara 2003 -2020 gidduutti akka raawwates gabaafamee ture.

Gochaan qondaala poolisii kanaas ''waan hoodaati'' jechuun poolisiin gameessi ibsanii turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Poolisii Meetiroopoolitaan Biriiteen taatee kanaan booda qondaalota poolisii sadarkaa adda addaarra jiran 800 tahan irratti qorannoo eegaleera.

Koomishinariin Poolisii Baarbaaraa Gireey yakka qondaalli poolisii raawwatan kanaaf hawaasa dhiifama gaafataniiru.

''Dubartoonni seeratti bahanii yoo himatan akka hin amanamne waan itti himeef otoo hin gabaasiin hafan,'' jedhan.

Poolisiin uffata dambii uffatee yakka kana raawwachaa ture hidhaa umrii guutuun adabameera.

Yakki gudeeddii ykn haleellaan saalaa dubartootaa miseensota seera raawwachiisan kanneen akka poolisii fa'iin dalagamu ija seeraan akkamiin ilaalama?

Qaamoti hawaasni yakkaafi rakkoo nageenyaa biroo irraa nu eegu jedhee amanuun yakki dubartoota irratti raawwatu Itoophiyaa keessatti hangam yaaddessaadha?

Beetaliheem Dagguun Waldaa Ogeessota Seeraa Dubartootaa Itooophiyaatti, daarektar sagantaati.

Seerri yakkaa Itoophiyaa waa'ee eenyummaa nama yakka gudeeddii ykn miidhaa saalaa kamiyyuu raawwatuu addatti waan jedhu hin qabu jetti.

''Yakki kuni namoota miidhamaa waliin hariiroo olaantummaa qaban kanneen akka abbaa, hojjechiisaa, eegduu ijoollee fa'in humna fayyadamuun yakka gudeeddii raawwatu haasa'a malee seera raawwachiiftotaaf qofaatti waan jedhu hin qabu,'' jechuun ibsiti.

Qaamoti seera raawwachiisan kanneen akka poolisii yakka gudeeddii ykn miidhaa saalaa gaafa raawwatan addatti adabamuusaaniif ifatti seera irratti waan taa'e hin jiru jetti ogeettiin kuni.

''Haatahu malee, shakkamaan erga yakkamaa tahuunsaa murtaa'ee adabbii cimsuuf miseensa qaama seera raawwachiisu tahuu eeruun dhiyeessuun ni danda'ama,'' jechuun ibsiti.

Haatahu malee, kunimmoo abbaa alangee dhimma kana qabatee falmu irratti kan hundaa'u tahuus hubachiisti.

Haala biraan yakka gudeeddii qaama seera raawwachiisuun uumamu tokko akka aangoo qaban akka-malee fayyadamuutti fudhachuuf, qaamni seera raawwachiisu sun hojii irraa eegamu dalaguuf oolmaa biraa nama tajaajilaaf dhuferraa yeroo gaafatu dha.

''Fakkeenyaaf, dubartiin tokko miidhaan saalaa irra gahee gargaarsaaf yeroo buufata poolisii deemtu qarshii gaafachuu, akkasumas saal-qunnamtiif gaafachuun isa yoo raawwatte malee tajaajila dhorkuun aangoo akka-malee fayyadamuutti ramadamuu mala,'' jechuun ibsiti.

Seerichi humna fayyadamuun gudeeddii raawwatamu gaafa jedhu garuu, ''meeshaa waraanaa, doorsisa, fi qaamaan haleeluu fa'i dabalachuu danda'a,'' jechuun ibsiti.

Aadde Beetaliheem, ''lakkoofsi hangas jechuuf ragaa waliigalaa qabaachuu baanullee gabaasota kara miidiyaa hawaasaa dhageenyuun mallattoo yakki kuni dabaluu ni arginaa,'' jetti.

Qaamoti seera raawwachiisan yakka dalaguun amantii hawaasni isaanirraa qabu gadi buusa. Nageenyaafi wabii uummataallee ni jeeqa jetti.

''Yoo qaamni seeraa, poolisiin fa'i nageenya hawaasaa tiksuuf taa'e yakka raawwata taheef eenyutti himaturee? Waan yaaddessaafi xiyyeeffannoon kennamuufi qabudha jetti.

Dubartootnis miidhaa saalaaf caalaatti akka saaxilaman taasisa jechuunis ibsiti.

Gabaasoti falmitoota mirgoota dubartootaan bahan akka agarsiisanitti, haleellaan saalaa baayyee seeratti dhiyaachuu dhabuurraan kan ka'e miidhamtootni haqaafi deeggarsa otoo hin argatiin hafu.

Aadde Beetaliheem, ''kanaaf sababiin tokko qaamota seeraa irratti amantii dhabuudha. Inumaa yakki kuni qaama seera raawwachiisuun dalagamuun dubartootni yeroo miidhaan irra gahuu akka hin gabaasne taasisuu keessatti shoora qaba,'' jetti.

Poolisii dabalatee qaamoti kaanillee waan barbaadan argachuuf humna akka filanootti fayyadamuun dhimma dubartoota miidhaaf saaxilu akka tahe himuun, xiyyeeffannoon akkatti kennanuufi hubannoon akka kennamu dhaamti.