Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fudhatamummaan Traamp 33%tti gadi bu'e
Qorannoon yaada uummataa akka agarsiisetti fudhatamummaan Pirezdaant Tiraamp bara pirezdaantummaa isaa keessatti sadarkaa hundaa ol gada aanaarraa jira. Lammiileen Ameerikaa irra jireessi waayee waraaana Iraan akka isaan yaaddessu qorannoon yaada uummataa Wixata goolabame kun agarsiise.
Akka qorannoo guyyoota afuriid taasifame kanaatti 33% kan ta'an lammiileen US raawwiin Tiraamp ammallee quubsaa dha yoo jedhan 64% kan ta'an immoo mormanii jiru.
Qorannoon yaada uummataa fudhatamummaa Tiraamp ilaalchisee jalqaba ji'a darbee godhame 35% kan agarsiisu yoo ta'u, qabxiin kunis bara pirezdaantummaa isaatti kan yeroo hundaa caalaa gadaanaa dha.
Inni kun marsaa jalqabaa aangotti dhufuu isaatiin dura Mudde 2017 qabxii tureen wal fakkaata jedhameera.
Bara 2025 Waayit Haawusitti wayita deebi'uusaa uummanni Ameerikaa walakkaan pirezdaantummaa isaaf fudhatama kan kenne yoo ta'u, bafra kana garuu waraanni Iraan eegalamuu hordofee fudhatamummaan isaa sadarkaa mul'atee hin beeknetti gadi bu'e.
Waraanni kun daldala boba'aa addunyaa 20% ni laamshesse, gatii boba'aa qaalessuun jireenya lammiilee Ameerikaa hammeesse. Rippaablikaanonni filannoo marsaa walakkaa Sadaasa dhufuun kongiresii keessatti olaantummaa argachuuf falmatu.
Qaalayiinsa jireenyaa to'achuu fi waraana dheeraa hambisuuf waadaa galee kan ture Tiraamp bara hojiisaa waraana Iraanin eegale. Iraan garuu cimuun ofirraa faccisaa Ulaa daldala boba'aa Hormuuz danqite.
Dimookiraatota 87% dabalatee lammiileen Ameerikaa 80% fi Rippaablikaanonni 71% waraanni US Iraanirratti eegalte akka dheeratu tilmaamu. 16% kanneen ta'an qofatu waraanichi torbaanota gabaabaa keessatti xumurama jedhanii tilmaamamanii turan.
Tiraamp hiriira deeggarsaa Niwyoork keessatti Jimaata bahamerratti "boba'aadhaaf baasiin xiqqishuun" isinitti dabalame "biyyi baay'ee hamtuun" akka nukilara hin hidhanne godha jedhe sababa waraana kanaa yoo dubbatu.
Lammiilee Ameerikaa 20%, Rippaablikaanota keessaammoo walakkaa qofatu waraanni kun sirrii dha jedhee yaada akka qorannoo yaada uummataa Rooytarsi kanatti.
Yaaddoon waraanaa fi qaalayuun gatii boba'aa carraa dhiphoo olaantummaa seeneetii keessatti mirkaneeffachuuf qabaniif yaaddessa. Dimookraatonni harka caalaa mo'achuuf abdii olaanaa qabu.
Qorannoon yaada uummataa ji'a kana keessaa ummanni hedduun gama diinagdeetiin Dimookraatota nuu wayya jechaa jira.
Yaadni godaantota ilaalchisee Rippaablikaanonni tarkaanfachiisanis deeggarsa guddaa hin qabu.