Maanchister Yuunaayitid v Arsenaal- Tarii yeroo sirrii Arsenaal haloo 8-2 itti bahatudhaa?

Madda suuraa, Getty Images
Taphni Maanchister Yuunaayitidii fi Arsenaal gidduutti Dilbata dhufu gaggeeffamu haalaan eegama.
Maanchister Yuunaayitid erga dorgommi FA Cup keessaa Arsenaaliin baasee Piriimer Liigii torban 28ffaa wal arguuf jedhu.
Tokkoon Arsenaal abdii xiqqoo waancaa Piriimer Liigiif qabu itti fufsiisuuf gama biraan ammoo Maanchister Yuunaayitid kufaatii hamaa keessaa bayyaannachuuf tapha taasisanidha.
Maanchister Yuunaayitid seenaa keessatti Arsenaal irratti olaantummaa haa qabaatuyyuu malee taphoota darban afur irratti Arsenaaliin mo'achuu hin dandeenye.
Seenaa Piriimer Liigii keessatti Arsenaal yeroo afur Maan Yuunaayitidiin mo'achuun seenaa haaraa gamaa'e ture.
Arsenaal yeroo akka kanaa 1-0'dhaan Maanchisteriin mo'atee ture. Haa tahu malee erga bara 1979 as walitti aansuun Ooldi Tiraafoordi irratti mo'atanii hin beekan.
Taphoota kudhan darban irratti Arsenaal osoo Maan Yuunaayitid irratti galchii hin lakkoofsisin bahanii hin beekan. Walumaa gala galchii 13 irratti lakkoofsisaniiru.
Maanchisterii fi Arsenaal yeroo 243 walitti dhufanii Yuunaayitid yeroo 99 mo'ateera.
Arsenaal ammoo yeroo 90, kan hafan taphoota 54 qixa xumuran.
Maanchister Yuunaayitid Astoon Viilaa yoo tahe malee hanga Arsenaal injifat e kileba biraa mo'atee hin beeku. Astoon Viilaa yeroo 106 mo'ateera.
Yuunaayitid Ruuben Amoorim jalattis fooyya'insa guddaa hin agarsiifne. Tapha darbe Ipsiwiich Taawoniin duubaa ka'ee 3-2'n mo'ate. Walitti aansee bara kana taphoota lama mo'achuu kan dadhabe Yuunaayitid seenaa gaarii hin taane akkasii bara 1968-69 galmeesse.
Arteettaan leenjisaa Arsenaal tahee tapha 200ffaa isaa Maanchister Yuunaayitidiin morkata. Taphoota 199 keessaa 118 mo'ateera.
Taphoota 200 leenjisanii Arteettaa ol kan tapha baay'ee injifatan Peep Gaardiyoolaa 146], Joosee Moorinihoo [137], Yaargen Kiloop [127] fi Sir Aleeksi Fergusan [122] qofaatu isa caala.
Tarii Arsenaal yeroo fi haala gaarii keessatti Maan Yunaayitidiin argata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Arsenaal Shaampiyoonsi Liigii irratti 7-1 PSV erga mo'atee haamilee guddaa irra jira.
Tapha kanaaf wan dhiphatu miti. Darbuu isaa taphuma marsaa duraan waan mirkaneeffate fakkaata.
Arsenaal morkataa isaa yeroo hundaa Maanchister Yuunaayitid irratti booda kana olaantummaa fudhateera.
Gahumsi Yuunaayitid akka malee gadi bu'aa tahuun isaa ammoo Arsenaal galchii hedduu lakkoofsisuu danda'a tilmaama jedhu akka argatu taasiseera.
Tarii Arsenaal haaloo kana dura Yuunaayitidiin 8-2 mo'ame sana bahuu danda'a?
Arteettaan waancaa Piriimer Liigii injifachuu ilaalchisee ''du'een argama malee abdii hin kutadhu'' jedheera.
Garuu Liiverpuul qabxii 13'n Arsenaal caala. Bukaayoo Saakaa, Haaverti fi Maartineeliin miidhamuun ammoo Arsenaaliin gatii kaffalsiiseera.
Gama Maan Yuunaayitidiin yoo ilaalle Rasmas Hooyilaandi erga barri haaraan 2025 galee as galchii tokkoyyuu hin lakkoofsifne.
Kun taphataa sarara duraaf waan baay'ee mufachiisaadha. Carraa galchii uumuus tahe sarara dhumaa garee fallaa keessatti hammi kubbaa inni tuqe kan taphattoonni sarara ittisaa tuqanii gadi.
Koobii Maayinuu fi Amaad Diyaaloo miidhamuun ammoo rakkoo Yuunaayitiditti qormaata biraa dabaleera.












