Tarkiitti dhohinsa bakka albuuda baasaniitti mudateen namoonni 40 du'an

Madda suuraa, Getty Images
Kaaba Tarkii Ollaa Baartiin keessaa dhohiinsa bakka albuunni cilee bahuutti qaqabeen, yoo xinnaate namoonni 40 du’anii hedduun madaa’aniiru.
Dhohiinsichi bakka albuudi baafamuu sanatti guyyaa Jimaataa wayita qaqabeetti, namoota 110 ta’aniitu achu ture.
Isaan keessaa wallakkaan kan ta’aniis boolla gadi fageenya meetira 300 ol qabu keessa turan jedhameera,
Ministirri Fayyaa Tarkii Faahretiin Kocaa namoonni 11 baafamuun wallaansa argataa jiraachu himan.
Gareewwan balaa tasaa, namoota danqaman keessaa kan lubbuun hafe yoo jiraate baraaruuf halkan guutuu dhagaa qotaa bulan.
Warraabbii viidiyoo hojjattoonni albudaa dhaabbata Amasraa kan qarqara Gurraachatti argamuutti yoo achii bahan gurraacha’anii garee baraartootaan dabalaamuun mul’atan.
Maatiifi hiriyyoonni namoota hanga yoonaatti hin argamnees, bakka albudii bahuutti yaaddoon guutamanii waa’ee firasaanii dhagahuuf eeggataa jiru.
Dhohinsichis boolla keessa gara meetira 300 ta’utti akka mudate amanama. Namoonni gara 49 ta’an gadi fageenya balaafamaa ta’e, kan gara meetira 300 fi 350 ta’urratti hojjataa turan jedhan Ministirri Dhimma biyya Keessaa Suleeymaan Soyluun.
‘‘Kanneen naannichaa baasuun hin danda’an isaan kanneen‘‘ jedhan Mr Soylu bakkichatti gaazexessitootatti akka himaniitti.
Sababii dhohinsichaa ammayyuu adda hin baafamne garuu qorattoonni naanichaa dhimmicha qorachu eegalaniiru.
Ministirri Annisaa Tarkii jalqaba dhonsichi gaasiidhuma bakka albudichi bahu umamuumeen kan ka’e ta’uu akka hin oollee wantoonni agarsiisan jiru jedhan.
Keessoo lafa albuudi baafamutti wallakkaansaa kan jige yoo ta’u, ibiddi ka’ee akka hin jireeffii afarsituuwwan ammallee sirnumaan hojjachaa jiraachuu himan.
Pirezidantiin Tarkii Reesiip Taayiip Erdogaan har’a bakkicha akka dowwatan eegamaa jira.
Kantiibaan Amaasraa, Reesaayi Kaakiir kanneen lubbuun hafan baayyeen isaanii ‘‘miidhaa cimaaf saaxilamii jiru’’ jedhan.
Hojjataan ofuma isaatiin balaa kan jalaa miliqu danda’ee, ‘‘Ukkeefi aaratu ture. Maaltu akka ta’e sirriitti hin beeknu,’’ jedhe.
Albuudichi dhaabbata mootummaa kan ta’e Turkish Hard Coal Enterprises ta’utu himame.
Tarkiin bara 2014 keessaa balaa lafa albuuda cilee namoota hedduu galaafate kan mudate ture yoo ta’u yeroo sanattis, dhohiinsa magaalaa lixaa Somaa keessatti dhohiin qaqabeen booda namoonni 301 du’anii ture.












