Maraammartoo waraanaa, buqqaatii fi baqannaa ummata Tigraay

Maanguddoo mana jala taa'ee
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 6

Waraanni Tigraayitti gaggeeffame kanneen kuma hedduun lakkaa'aman lubbuu akka dhabaniif sababa ta'uun alattis, hedduu jireenya baqannaafi buqqaatiif saaxileera.

Isaan keessaayis tokko, maatii Maashoo Tsagaaye yeroo sadiif baqannaa, buqqaatii, beellii fi duutii kan mudate.

Waraanni waliinii waggaa 40 dura bara buulchiinsa Dargii keessa Itoophiyaatti mudatee tureen walqabatee rakkoo namoomaa mudateen ummanni heduun lubbuu akka dhabuuf sababa ta'era.

Yeroo sana ture Birhaana fi maatiinsaa Lixa Tigraay irraa gara Sudaaniitti kan baqatan. Maashonis akkasuma beela ALI bara 1977 turen gara Sudaanitti baqatte.

Birhaan Sudaaniitti gaa'ila dhaabachuun achummatti ijoollee lama godhate. Maashoon garuu waraanni dhaabbannaan ALI bara 1988tti gara Tigraayitti deebi'uun magaalaa Humaraa keessa jiraachuu eegalte.

Yeroo gara biyyaa deebituttis obbolaan eshii waraanaan ajjeefamuu barte.

Obbo Biraana fi haatii warraasaa ammoo dhukkubsatanii Porti Sudaan keessatti du'an.

Ijoolleensaanii dubarri lama yeroos xixiqqoo turan. Maashoon adaadaa isaaniif taati. Sababii waraanaatiin maatii hedduu akka dhabde dubbatti.

Humaraatti deebitee gaa'ila dhaabbattulleen baayyee akka itti hin fufne dubbatti. Sababii kanaatiin ijollee obboleettishee Sudaanii fiduudhaan guddisuuf itti gaafatamummaa fudhate.

Isheenis huccuu naanneessitee gurguruun maallaqa argattuu fi hojii bakka jallisii xiqqoorratti hojjattuun jiraataa turan.

Ijoollee obboleessa ishee Saamirii fi Helan mucaashee takka waliin akkuma ilmoosheetti guddifte.

Haata'u malee waraanni 2020 Tigraayiitti eegalame rakkoo biraa qabatee itti dhufe. Kanaan wal qabatees Saamriifi Helan carraan maatiisaanii isaan mudate.

Mucaa angafti Saamirii humnoota Tiraayiitti yoo makamtu Heelan ammoo gara Saawudiitti godaante.

Karaa daddabarsitoota namoota seeraan alaatiin kan waggaa 17tti biyya baate Heelan amma harka dallaalotaatti dararaan irra gahaa jiraachuufi hiiksisuudhaaf maallaqa gaafatame kanfaluu akka hin dandeenye himti Maashoon.

Maashoo fi dubartoonni kaan poostarii Heelan irra jira qabatanii

Buqqaattii, baqannaafi ukkaamfamu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraana hedduu buqqisuudhaan jireenya Maashoo burjaajeesse osoo hin mudatiin dura ''ijolleenkoo baratanii, eebbifamuun hojii qabatanii ofiisaaniifi anaafilleen ni ta'u jedhee abdii godhadheen ture,'' jetti.

Kun garuu hin milkoofne.

Garuu sun osoo hin taanee ijoolleenis barnootasaanii dhaabuun baqatan.

Waraanni Tigraay erga dhaabbate waggaa lama ta'ulleen ammas daraggoonni baqachuu hin dhaabne. Maatiin Maashoos saaxilamtoota geengoo baqannaa fi buqaatii kanaati.

Yeroo ammaattis jiraattoonni naannichaa gara miliyoona tokko ta'na qe'eesaanii irraa buqqa'uun dahannoo keessatti argamu.

Yeroo mootummaan federaalaafi naannichi waraanaa waggaa lamaaf ture dhaabuuf waliigaltee Piritooriyaa waliin mallatteessaniitti ummanni kun furmaata akka argatan abdatanii ture.

Keessattu kanneen buqa'anii manneen barnootaa fi dhaabbilee amantaa keessatti dahatanii jiranii fi baqannaan Sudaaniitti argaman akka bakka jireenyaasaaniitti deebi'na abdatanii ture.

Qaamooleen federaalaafi naannichaaf kana raawwachisuurra ''wal waliisaanii danquun'' sababii qabamaniif abdii kutachaa akka jiraan buqqaatoonni BBCn dubbiiseefi dhaabbileen mirga namoomaaf falman ni dubbatu.

Buqqaattoonni buufataalee bu'uuraalee misoonaa guutuu hin qabne keessatti yaaddoo miidhaa bineensoota bosoonaafi nageenyaa keessa jiraachaa fi ijoolleensaanii hedduunis karaa seeraan alaatiin baqannaaf saaxilamu ibsu.

Heelan Birhaan barattuu kutaa 9 kann turte yoo taatu, buqqaattuu lixa Tigraay buufata fayyaa Maqalee jalatti argaman keessaa tokko turte.

Helen karaa namoota seeraan ala nama dadabarsanitiin biyyaa baatee bakka Yamanii fi Raagoo jedhamuutti qabamtee maallaqa humnaan olii gaafachu eegalan. Maashoon maallaqicha waliitti qabuudhaaf daandiiwwan Maqaleerratti kadhataa jirti.

''Eennyu akka achi ishee geessee hin beeku. Yaman yoo geessuu birrii kuma 115 kanfal naan jedhan. Achinis namoonni na gargaaranii kanfale. Yoo gara Raagoo deemtu ammoo maallaqa dabalataa hanga kuma 300 na gaafatan. Yeroo gara yerootti ammiisaa dabalaa adeema'' jetti.

Heelen osoo hin godaaniin dura yeroo gara manasaaniitti deebii'an hawwiin eeggataa turte kan jettu Maashoon, ''deebiine hojii mataa keenyaa hojjachuuf yaadne turre. 'Hanga yoomiitti dunkaana keessa jiraatama?. nana jechaa turte.''

Maashoon gaddaan cabdee bohaa sababii waraanaatiin kun hundi nu mudate jetti. ''Osoo waraanni ka'u baate buqqaattiin hin mudatu ture. Mucaankoos gonkumaa godaansa hin yaadduu turte. Dararaa kana hunda kan nutti fide waraanaa'' jetti.

Amma baatii tokkoo oliif sagalee Heelan hin dhageenye. Raagoon daangaa godaantoonni ittiin qaxxaamura Saawud Arabiyaa fi Yaman jidduutti argamtuudha. Godaantoonni Itoophiyaa hedduunis naannichatti hidhattootaafi loltootaan akka ajjeeffamanii fi akka hidhaman gabaasni dhaabbilee mirga namoomaaf falman ni ibsa.

Maanguddoo fi haadha tokko dubaan taankii

Qotannee nyaachurra harka namaa eeggachuu

Faqiixoor Hagoos maatii saddeeti bulchu. Ganna qotanii bona ammoo gabaa daldaluun nama xaarratee bulu turan.

Ijoollee hanga kutaa 12 barsiifachuun, yoo haalli gannaa gaarii ta'e ammoo bona baqqoolloo fi salixii hanga kumtaala 40-100 ni argatu ture.

Yeroo waraanichi ka'uutti Maaykaadiraa irraa buqqaa'uudhaan mana barnootaa sadarkaa lammaaffaa Maqaleetti argamu keessa kan jiraatan Obbo Faquuxoor, amma guyyaan waan ciniinanii oolan argachuuf harka namaa eeggataa namoota 40 waliin kutaa tokko keessa jiraatu.

''Badhaadhinni ture amma eessaa dhufa?'' jechuun dararaa fi badii ummatarra gaheef aanga'oota naannichaa ittigaafatamo taasisu. Erga waliigalteen Piritoriyaa mallatteeffame boodas osoo baayyyee hin turiin gara qe'ee keenyaatti nu deebisu jechuun abdii godhachu dubbatu.

Amma abdiin gara qe'eetti deebiisaanii dhumachuun alatti tasgabbii dhabiinsi ykn waraanni marsaa biraa ka'u danda'a jechuun yaaddoon dabalaa dhufuu Faqiixooriifi buqqaatoonni kaan BBC dubbise ibsaniiru.

''Duraan kaan waliin akkuma wal nu lolchiisan amma wal walii keenyatti buusu jedheen yaadaa'a. Kan duraatu nu gaha. Qonnaan bultoota waliin jiraannuudha jechuunii qabna. Waraana duraatiin kan hin miidhamiin hin jiru. Kanaafuu walitti bu'iinsi nu gaha jechuunii qabna'' jedhan.

Satiit Humaraa irraa buqqaafamu kan dubbatan maanguddoon waggaa 73 qonnaan bulaa Gabda Madihin Hagoos, sababii waraanaatiin maatiinsaanii wallakkaan Sudaaniitti baqateera.

Hojii qonnaatiin waggaatti saliixii kuntaala 65 fi Bisingaa kuntaala 120 oomishaa kan turan yoo ta'u, ijoolleessaanii shan barsiifachuun lama hojii qabatanii ture. Garuu waraanni waan hunda burjaajeesse. Qabeenyaasaanii gadiisunis maatiinsaanii buqaa'uufi godaansaaf saaxilaman.

Amma ''yaaddoo ijoolleesaanii fi rakkoo keessan jira. Du'aafi jireenya jidduun jiraachaan jira'' jechuun kan dubbatan Obbo Gabramadihiin, waraanni yoo dhaabbatu dafanii gara qe'eesaanii akka deebii'an abdii taasisan sun hin taane.

''Waliigaltichatti namni hundi gammadee ture. Deebii'uuf abdii godhannee ture. Ta'us rakkoon kan jiru aanga'oota Tigraay bira. Nu deebiisuu hin dandeenye. Dhimma hin qaban. Kanarra wal dhabdee mataasaanii keessatti yeroo balleessaa jiru'' jechuun himatu.

Haadha mukattee hirkattee jirtu

Dhimma buqqaatotaa furmaata dhabe

Sababii waraanaa Tigraa kan kumaatamni lubbuu itti dhabuun himameen, ummanni miliyoona tokkoo buqqa'uun achuma naannicha keessa, kanneen kuma 60 ol ta'an ammoo daangaa qaxxaamuuruun Sudaaniitti baqatan.

Baqattoonni Tigraay heduumminaan kan keessatti argaman kaampiiwwan Umraakubaa, Tandibaa fi Haasheebaa keessatti erga wal waraansi Sudaan ka'ee booda ajjeechaa fi ukkaamfamanii fudhatamu dabalatee, rakkoolee biraatiif saaxilamu yeroo garaa garaatti BBCtti himaniiru.

Namoonni baayyeen kan buqqa'anis naannoo lixa Tigraay kan naannoo Amaaraa fi Tigraay irratti wal dhabdee qaban keessaayi. Buqqaattoonni yeroo ammaa naannoo Tigraay eddoowwan garaa garaatti haala rakkiisaa ta'en buufataalee yeroo keessa akka jiran dubbatu.

Yeroo garaagaraattis Maqalee dabalatee magaaloota naannichaa kan akka Adigiraati, Aksuum, Abiy Adii, Shiree fi bakkeewwan biraa irra motummaan federaalaa fi bulchiinsi yeroo naannichaa bakak irraa bu'aniitti akka isaan deebiisuuf hiriiraan gaafataniiru.

Bara darbe ittaanaan pirezidantii bulchiinsa yeroo Tigraay Leetanaal Janaraal Taaddasa Warrada, haalli walxaxaan lixa Tigraay sirratee buqqaatota deebiisuun ''hanga dhuma Waxabajjii bara darbeetti'' ni raawwatama jedhanii kan ture ta'ulleen hanga ammaatti hojiirra hin oolfamne.

Dura taa'aan hawaasaa Siviilii Lixa Tigraay Obbo Tsagaaye Taxamqa, buqqaatiin lammiileerra gahe qaama hundaan faayidaa siyaasaa ta'eera jechuun, keessattuu dureewwan naannichaati ''ummata haaluun qumaara siyaasaa taphataa jiru'' jechuun komatu.

Dubartii abdii kutattee

Rakkoon kan buqqaatoota qofaa akka hin taane kan dubbatan Obbo Tsagaayeen, ummanni dahachiisees rakkataa jira jedhu. ''Kan jiraannu manneen barnootaa keessa. Qorichaafi nyaata hawaasarraa argatu'' jechuun furmaata waaraan akka barbaachisu kaasu.

''Abdii kutachuun ilmoo namaatiif du'a guddaadha. Mootummaan qoosaa jira. Sababii kanaatiin aariidhaafi abdii kutannaan kan gara baqannaatti qajeelan dargaggoota hedduudha'' jedhu.

Wal dhabdeen aanga'oota TPLF jidudutti cimaa dhufe gaaffii buqqaatoonni yeroo garaa garaatti kaasan akka xiyyeeffannoo hin argannee kanneen taasisan keessaa sababa ijoo ta'u, dhaabbanni mirga namoomaa Qidimiyaa jedhamu ibseera.

Dhimmi buqqaatootaa qaama hundaafu ajandaa mariifi fedhiisaanii kan ittiin raawwachiisan ta'aa akka jiru fakkaachuu kan dubbatan daarektarri ittaanaan dhaabbaticha Obbo Mabiriihii Birhaana, fedhiin siyaasaa gufuu ta'u kaasu.

Gareen TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamu dhimmi buqqaatootaa yoo furmaata argate ''bulchiinsi yeroo miidha dhaabbata ilaalcha jedhu kan qabu fakkaata'' jechuun, dhimmicha qaamni tokko yoo raawwachiise ''qaamni gara biraa fudhatama, beekkamtii akkasumas ajandaa dhaba'' jedhu.

Gama biraatiin ammoo, mootummaan federaalaa hidhattootaa naannicha jiran baasuu dhabuun akkasumas bulchiinsoonni naannoo Amaaraatiin ijaaraman waan hin diigamneef buqqaatoonni deebii'uudhaaf yaaddoo nageenyaa cimaa akka itti ta'e dubbatu.

Kanaafu qaama waliigalteen Piritooriyaa keessaa tokko kan ta'e, buqqaatoota gara qe'eesaaniitti deebiisuu dursa kennuudhaan mootummaan federaalaa fi aanga'oonni naannichaa hojiirra akka oolchaniif ittaanaan daareektara dhaabbata mirga namoomaa waamicha dhiyeessan.