Taphataan beekamaa Tootenham dhukaasa saamtuun irratti bane jalaa nagaan bahe

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan sarara ittisaa Tootenhaam Emersan Rooyaal dhukaasa saamtuun addabaabaayii bakka namoonni hedduun jiranitti biyya isaa Biraazil keessatti irratti bane jalaa miidhaa tokko malee nagaan bahuun gabaafame.
Emersan Rooyaal qondaala poolisii Biraazil guyyaa sanaaf boqonnaarra ture hattuu hidhatee magaalaa Sa'oo Pooloo keessatti aduu guyyaa itti dhukaase kana jalaa isa oolche galateeffateera.
Taphataan beekamaa umuriin isaa waggaa 23 ta'e kun saamtuun kun osoo irratti hin xiyyeeffatiin dura, balbala mana-shubbisaa tokko fuulduratti qondaala poolisii isa oolche kana waliin suura ka'anii ture.
Hattuun kun bakka sanatti ture qawwee isaa baafachuun nyaachifatee 'gahee kiyya naaf kenni' jechuun kan irratti qiyyaafate.
Poolisiin akka jedhetti, yeroo qondaalli poolisii kun saamticha waliin walitti dhukaasaa wal ari'anitti hidhannaa malee kan ture Emersan Rooyaal nagaan miliquu danda'e.
"Oolmaa keetiif yeroo hunda si galateeffataan jiraadha," jechuun qondaala poolisii isa oolche kanaaf ergaa fuula Instagram isaarratti baaseen ibseera Rooyaal.
"Waaqayyo ergamoota isaa gara Lafaatti erge. Kun ammoo jireenya koo keessatti mirkanaa'een arge.
Namni kun [qondaala poolisii isa oolche], ani ergamaadhan ittiin jedha, anaan oolchuudhaaf lubbuu kan ofii isaa balaarra buusee," jedhe taphataan lammii Biraazil kun.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Miidiyaan biyya keessaa akka gabaasanitti, saamtichi osoo qondaalli poolisii kun dugda isaarra dha'ee hin madeessiin dura si'a 29 itti dhukaasee ture.
Poolisiin ibsa baaseen akka jedhetti, saamtichi booda gara hospitaalaatti kan geeffame yoo ta'u, lubbuun isaa garuu kan yaaddessu akka hin taane gabaafameera.
Emerson Rooyaal tapha bara kanaatiin kilaba Landan kaabaa kanaaf taphoota 41 kan taasise yoo ta'u, yeroo ammaa boqonnaadhaaf biyya isaa jira.
Yeroo taateen kun isa mudate ammoo hiriyyootaafi maatii isaa waliin mana-shubbisaa Niiwu Tiriips kan jedhamu keessa bashannanarra turan.
"Ani gammachuun bashananarran ture. Yeroo achii baanutti wanti baayyee fokkisaa ta'e kun marti ta'een arge," jedhan abbaan taphataa beekamaa kanaa Emersan Zuuluu.
"Waan nama rifaasisuti bakka sanatti ta'e. Wanti akkasii kun nama kam irrattiyyu akka ta'u hin barbaadu."
Ejentii ilma isaa kan ta'e Emersan Zuuluun, "hattuun kun [Rooyaal] akka saatii isaafi qabeenya dhuunfaa isaa biroo akka kennuuf gaafate," jedha.
Rooyaal Hagayya darbe ture jijjiiraa maallaqni Powondii miliyoona 25.8 itti baheen ture Baarseloonaa irraa gara Tootenhaam kan gale.
Biraazil keessatti miidhaan qawweetiin raawwatamu baratamaa yoo ta'u, bara 2020 keessa biyyattii keessatti ajjeechaan miidhaa qawween qaqqabu kanaan namoonni 40,000 ajjeefamaniiru.












