Harargee aanaa Guraawaatti waraabessi daa’ima waggaa 10 miidhe

Madda suuraa, Getty Images
Balaan kun Sambata duraa Hagayya 27 bara 2015 obboroo sa’aa 11 irratti godina Harargee Bahaa aanaa Guraawaa magaalaa Guraawaa iddoo Kellaa jedhamuun beekamutti qaqqabe.
Daa’imni umurii waggaa 10 miidhaan irra gahe maatii biraa erga badee torbee tokko lakkoofsisuu BBC’tti kan himan abbaan isaa Obbo Abdurahmaan Abdusalaam, maatiin barbaacharra akka ture dubbatan.
Haata’u malee, guyyaa Sambata duraa daa’imni isaanii waraabessaan miidhamuusaa dhagahuun gara Hospitaala Waliigalaa Gaara Mul’ataa kan imalan abbaafi haati daa’ima kanaa, ilma isaanii waraabessaan cimaa miidhamee yaalarra jiru argan.
Hoji-gaggeessaa Olaanaa Hospitaala Waliigalaa Gaara Mul’ataa kan ta’an Obbo Hajjii Galataa, “halkan osoo karaa gubbaa rafuu naannoo sa’aa 11tti waraabessi ciniine” jechuun akkaataa balaan kun itti qaqqabe himaniiru.
“Miidhaansaa cimaadha jechuun ni danda’ama. Fuulasaa karaa bitaa gara mataatti, gurrarraa gara fuulaatti miidhaa baay’ee cimaa irraan gahe. Karaa mataa kanaan ilkaan waraabessaa lafee daa’imichaa seenee jira,” jedhan.
Daa’imni kun wayita gara hospitaalichaa geeffamutti lubbuu isaatifillee sodaachisaa akka ture kan himan qondaalli hospitaalichaa kun, battalatti yaaliin yeroo hatattamaa akka godhameef, yeroo ammaa immoo kutaa yaala cimaatti wal’aanamaa akka jiru himaniiru.
“Daa’imni jalqaba of beekaa hinturre. Dhiignillee heddu dhangala’aa waan tureef dhiigni kennameefii jira. Erga tajaajilli jalqabaa taasifameefi booda gara kutaa baqaqsanii wal’aanutti seensisnee dhiiga gara keessaa seene keessaa baafneerra” jedhan.
“Amma of beeka. Haalli inni keessa jirus bareedaadha,” kan jedhan Obbo Hajjiin, haalli daa’imichi yeroo ammaa keessatti argamu lubbuu isaatiif sodaachisaa akka hintaane himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Daa’imni kun wal’aansa gahaa argatee yaalamaa jira. Lubbuunillee waa tokko hin ta’u, ni fayya” jedhan.
Kana malee “Bakka amma waraabessi ciniine sana gogaan guutumatti irraa ka’ee waan jiruuf qaamni bakka biraatii muramee achirratti hodhamuu ni danda’a” jedhaniiru.
Magaalaa Gurawaa keessa daa’imman daandii gubbaa jiraatan lakkoofsaan muraasa ta’an akka jiran kan himan Hoji Gaggeessaa Olaanaan Hospitaala Waliigalaa Gaara Mul’ataa Obbo Hajjii Galataa, mudannoon Sambata darbee kun of eeggannoon akka taasifamuuf ka’umsa kan ta’udha jedhaniiru.
Yeroo dhiheenyaatiin asi miidhaan waraabeessi namootarraan qaqabsiisaa jiruu godinaalee Harargeefi naannawa magaala Dirre Dhawaatti irra deddeebiin dhagahamaa jira.
Waggaa darbes Finfinneefi naannawaasheetti waraabessi namoota nyaachuutti hammaatee yaaddoofi soda guddaa uumeera.
Sababa waraabessi nama nyaachuun dabalaa dhufeef bakki jireenya waraabessaa namaan qabamaa waan deemeef, akkasumas bosonni garmalee manca’aa dhufeef ta’uu namoonni dhimma kana hordofan ni dubbatu.
Rakkoon bakka bulaniifi oolan ykn jiraatan, akkasumas kan nyaatan hir’achaa dhufuun akka amalli bineensota bosonaa jijjiiramu taasisa.












