Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suuraaleen Nasa hawaarraa kaafaman dirree waraanaa kan taate Tigraay dukkanaan liqimfamtee agarsiisan
Suuraaleen hawaa irraa halkan keessa kaafaman lola Tigraay rakkoo namoomaa addunyaa hamaa qaqqabsiise ifatti agarsiiseera.
Magaalawwan Naannoo Tigraay sababa tajaajilli elektiriikii baatii 20 ol adda citeef dukkana keessa jiru.
Yeroo suuraan kuni Nasa irraa BBC qaqqabetti loltoonnifi milishaan Itoophiyaa loltoota Ertiraa wajjin humnoota Tigraay irraa iddoowwan naannichaa yeroo to’achaa jiranittidha.
Kibxata darbe mootummaan Itoophiyaa magaalota Shiree, Allaamaaxaa fi Koram to’achuusaa himee ture.
UN, Gamtaa Afrikaa fi Ameerikaan waraanni akka haaraatti dhalatu haala jiraattotaa itti ni hammeessa jechuun akeekkachiisaa turan.
Akka Waajirri Fayyaa Tigraay agarsiisutti deeggarsi namoomaa qaqqabuu dhabuufi tajaajilli elektiriikii addaan cituun daa’imman akkaan miidhuu agarsiisa.
Akka ragaan argame agarsiisutti daa’imman waggaa shanii gadii hanqina nyaataan du’anii bara 2020 irraa qabee harka 1,533’n dabaleera.
Qindeessaan odeeffannoo Waajira Fayyaa Tigraay Dr Kookab Haagoos daa’imman 2,450 tahan Adoolessa 2021-2022 hospitaala keessatti lubbuun isaani darbeera jedha.
Tahus lakkoofsi kuni dhugaa jiru hin agarsiisu jedha. Sababa hanqina boba’aan hojjettoonni fayyaa gara naannolee baadiyaatti imaluu hin danda’aniif malee lakkoofsi kana caaluu mala jedha.
Daa’imman barana lubbuun isaanii darbe keessaa Suraafeel Maa’iirag tokko ture. Daa’imni kuni jalqabaa bara 2022tti kan baatii sadii fi ulfaatinnisaa kg2.3 ture.
Yeroo dhalatu immoo kg1 gadi ture. Maatiinsaa hojii isaanii dhabuu isaaniin qarshii gatii hin qabneef nyaata gahaa bituufi hin dandeenye. Ogeessonni fayyaa Hospitaala Reefaraalaa Ayiidar jia’a tokko booda lubbuunsaa darbe jedhaniiru.
Hidhi Takazee haleelamuu
Suuraaleen Nasa’dhaan Sadaasa 2020 hanga Adoolessa 2022tti kaafaman akkaataa lolli adeemaa ture agarsiisu- kunis magaalota Shiree Aksumii fi Maqaleettii ibsaan mul’atu hir’isaa adeemuu mul’iseera.
Suuraaleen ifaa magaalawwan kunneen keessaa bahu ji’a ji’aan kaafaman agarsiisa. Innis elektiriikii argachuuf dhiisuu isaanii kan agarsiise ture.
Mootummaan Itoophiyaa tajaajila elektiriikii addaan kutuun kan himatamu yoo tahu waraanaan dura magaalawwan kunneen keessatti dhiyeessiin elektiriikii kan addaan hin ciccinne akka ture jiraattonni BBCtti himaniiru.
Akka qorannoon UN Fulbaana keessa bahe agarsiisutti tajaajilli elektiriikii, baankii, intarneetiifi bilbilaa gaafa waraanichi jalqabee Sadaasa 4, 2020 dha kan addaan cite.
Suuraan walitti qabame kuni Sadaasa 2020 keessa magaalaa Aksuumiifi Shiree keessatti ibsaan mul’atu akkaan gadi bu’aa dhufuu agarsiisa. Ibsaan magaalawwan lameen kunneenii bara 2021, Bitootessaa hanga Waxabajjii deebi’ee mul’atee ture.
Maqaleen hanga bara 2021tti ifaan sirriitti mula’ata ture, kunis magaalattiin humnoota Tigraayiin deebitee erga qabamteen booda dha. Yeroo waraanni jalqabu ibsaan ture badee mootummaan yeroo to’atee turetti ji’a torbaaf immoo deebi'ee ifaa ture.
‘’Yeroo humnooti TPLF iddoo baayyee Tigraay deebisanii qabatan, Waxabajjii 2021 keessa mootummaan federaalaa deebisee ibsaa dabalatee tajaajiloota bu’uuraa cufe,’’ jedha gabaasni UN
Yeroo lola kanaa maddi aannisaa tokkichi uummata Tigraay miiliyoona torba qaqqabu Hidha Elektiriikaa Takazee ture. Hidhi kuni Mudde 2021 ture kan haleelame.
Hidhichi haleelamuun booda suuraaleen kaafaman dhuma Mudde keessa ibsaan Maqalee keessaa dimismisaa dhufuu agarsiisu. Kunimmoo tarbaayinoota afur keessaa lama miidheera jedha Kanaadaatti yunivarsiitii keessaa kan barsiisu Geetaachaw Assafaan.
‘’Injinaroonni tarbaayinoota lama meeshaa tarbaayinoota kaan hojjechaa hin jirree irraa fudhatanii tolchaa turan. Tarbaayinooti lama aannisaa maddisiisan illee sirnaan hojjechaa hin jiran, sababiinsaa rakkoo suphaa gatii qabaniifi,’’ jedhu Yunivarsiitii Kaaligaariitti tumsaa piroofeesaraa kan tahan Geetaachoon.
Tigraay naannoo madda aannisaa qilleensaa Ashgoodaa jedhamu kan abbaa tarbaayinii 84 qabdi. Kunis bara 2013 yoo eebbifamu madda annisaa qilleensaa Afrikaa guddaaa jedhamus yeroo lolaa kanatti garuu hojiin ala taheera.
Injinaroonni achi jiran tarbaayinota 19 akka hojjetan taasisanillee Tigraayiin qaqqabsiisuu hin dandeenye.
Shiree fi Aksuum Adoolessa fi Hagayya 2021 ibsaan guutummaatti badee achiin Maqaleen boodarra dukkanaa’aa dukkanaa’aa dhufte.
Adoolessaa fi Hagayya keessa ibsaan takka baduun takka dhufuun kunis sadarkaa humna hidha kanaarratti hundaa’a. Hidhi kuni qaama dhiyeessii anniisaa waliigalaa gatii taheef yeroo hunda elektirikii maddisiisuu hin danda’u jedhu Piroofeesar Getaachaw.
Yaaddoo egeree
Mootummaan Itoophiyaa Tigraay keessatti tajaajilota bu’uuraa addaan kutuusaa hin amanu tahus torbee kana Shiree to’achuun booda hojjettoonni deeggarsa namoomaa buufata xiyyaaraa fayyadamuun akka galaniif waadaa seeneera.
Maddeen adda waraanaarra BBCtti akka himanitti mootummaafi humnooti isa deeggaran Shiree qabachuun garaa Aksuum, Adwaafi Addigraat gara bahaa qajeelaa jiru.
Haalli kuni waggaa lama dura yeroo waraanni jalqabe mootummaan Shiree qabachuun booda gara magaalota birootti darbuun Maqalee qabachuu wajjin wal-fakkaata.
Magaalaan Maqalee dhukaasani ji’a shaniif dhabamuun booda yeroo Hagayya akka haaraatti jalqabu dirooniidhaan haleelamaa turte.
Kunis magaalaa Maqalee jiraattota 500,000 qabduuf sodaachisaa ture.
‘’Waraanichi ittuu jabaateera. Dirooniin kuni yoom nutti dhufa jennee yaaddofna. Daa’ima koo lubbuun argadha laataan jedha,’’ jechuun dubbatti narsiin hospitaala Ayideera.
Hojjettoota deeggarsa naannichatti hafan keessaa tokko waa’ilonni koo amma beela’aa jiru jetti.
‘’Nyaanni qabnu hundi dhumee amma uummatni hundi beela’a jira,’’ jetti. ‘’Namoonni dhiibbaafi kumaatamaan lakkaa’aman balbala keenya dhufanii gargaarsa nu gaafatu, kan mana mana isaaniitti beela’an immoo jiru,’’ jetti.
Mootummaan Itoophiyaafi Ertiraa waliin tahan akka isaan irratti haaloo hin baaneef sodaatu jiraattonni.
Akka Piroof Geetaachoon jedhanitti otooma deeggarsa namoomaaf karri banameellee bu’uuraalee misoomaa irratti dhiibbaa yeroo dheeraa qabaata jedhan.
Shiree keessa meeshaaleen hatamanii gara Ertiraatti geejibamaa akka jiran gabaasni bahaa jira.
‘’Dhugaa dha taanaan loltoonni Ertiraa meeshaalee elektiriikiis fudhachuun isaanii hin hafu,’’