Netaaniyaahuun biyyi Filisxeem walaba taate akka hundeeffamuuf dhiibbaa US taasistu ifatti morman

Beeniyaamin Netaaniyaahuu

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Waraanni Gaazatti gaggeeffamu erga dhumee booda Filisxeemonni biyya ta'uu akka qaban yaada US dhiyeessite Israa'el kufaa goote. Muummee Ministeeraa Israa'el kan ta'an Beeniyaamin Netaaniyaahuun yaada kana akka hin fudhanne UStti himuu beeksisan.

Ibsa gaazexeessitootaf kennaniin haleellaa Gaazatti gaggeessan hanga mo'atanitti akka itti fufan ibsuun garuu lolichi ji'ootaf akka itti fufus himan.

Waraana gaggeeffamaa jiruun Gaazatti namoonni 25,000 du'anii uummati Gaazaa keessa jiraatu harki 85 qa'eerraa buqqa'uu Hamaas beeksise. Kuni ammoo Israa'el waraana akka dhaabduf dhiibbaan hawaasa addunyaarraa irra gahu akka jabaatu taasiseera.

Michuu Israa'el kan taate US dabalatee firoonnifi diinonnishee heddu gaaffiin yeroo dheeraf ukkaamamee ture: furmaata biyya lamaa (two state solution) deebisanii akka kaasan ta'eera. Kuni ammoo Israa'elif hin liqimfamu.

Yaadi furmaata biyya lamaa jedhu, Israa'elin alatti Filisxeemonnis of-danda'anii biyya walabaa ijaarrachuu qabu kan jedhuudha.

Beeniyaamin Netaaniyaahuu Kamisa darbe, Amajjii 18, Gaazexeessitootaf ibsa kennaniin Israa'el lafa lixa Laga Yordaanos jiru hundarratti to'annoo nageenyaa qabaachuu itti fufti jedhan.

"Kun dirqama ta'uu qaba, yaada birmadummaa [Filisxeem] wajjin wal-faalleessa... Dhugaa kana michoota keenya Ameerikaatti himuun barbaada, yaada waan nageenya Israa'el balaarra buusu nutti fe'uu barbaadan akka hin taane ittiseera," jedhan.

Netanaahun bara bulchiinsaanii hunda Filisxeem biyya walabaa akka hin taanef cichanii mormaa turan, ammas itti jiru. Israa'el yaada Filsixeemonni biyya walabaa akka ijaarrataniif US dhiyeessite kana kufaa gochuunshee walitti dhufeenya dippilomasii biyyoota lixaa waliin qabdu jalaa laffatuu danda'aa kan sodaan jira.

Ji'a Onkoloolessaa keessa Hamaas yeroo Israa'el irratti haleellaa gaggeesse US Israa'el deeggaraa turte. Gaazatti lakkoofsi namoota nagaa du'anii heddummataa deemun USfi biyyoonni Lizaa Israa'elif deeggarsa kennan waraanni akka dhaabatuufi Filisxeemonni biyya walabaa ijaarratanii rakkoon kun itti fufiinsan haa furamu yaada jedhuun Israa'el irratti dhiibbaa jabeessuu eegalan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Israa'el lammiilee nagaa ajjeesuu akka dhaabdufi bakka Hamaas itti dhokate qofaa akka haleeltu US irra deddeebin Israa'el gaafatti.

Gaazaa keessatti duulli lafoo akka dhaabatu, haleellaa ulaa lafa jalaafi buufataalee Hamaas qofarratti akka gaggeessitu, yaada furmaata biyya lamaa akka hojiirra oolchituufi waraanni Gaazaa erga dhumeen booda Bulchiinsi Filisxeem Weest Baank bulchaa jiru Gaazaa keessatti gahee akkamii akka qabaatu US deddeebitee Israa'elitti kaasaa turte.

Israa'el garuu yaada michuunshee US kaaftu kanaaf gurra kennuu hin feene. Gaazatti haleellanis ta'ee duuti namaa hin dhaabbanne.

Dabalataan ammoo yaada hawaasi addunyaa heddu kaasu:Filisxeem biyya walabaa ta'uu qabdi, jechaa jirana bulchaan biyyattii Beeniyaamin Netaaniyaahuun kufaa godhaniiru.

Kuni ammoo US keessatti bulchiinsi Baayidan dunuunfateetuma Israa'el deeggaruu hin qabu jedhu gaaffii kaasaa jira.

Muummen Ministeeraa furmaata biyya lamaa kan US kaaste kufaa gochuusaanii hordofee, gorsaan nageenya biyyoolessaa Waayit Haawus Jaak Sulivaan biyyisaanii US yaada furmaata biyya lamaa "Gaazan deebitee akka hin qabamne" kan jedhu gara fuulduraatti akka deeggartu ibsan.