Israa'eloonni butamanii dogoggoraan waraana biyyasaaniin ajjeefaman 'ittoo diimaan' erbeerratti barreessanii birmannaa gaafachaa turan

Maxxanfame

Lammileen Israa'el sadan bakka butamanii turan Gaazaatti Jimaata darbe Humna waraanaa Israa'eliin dogoggoraan ajjeefaman, 'ittoo diimaa' haftee nyaataa fayyadamuun erbee adiirratti barreessuun birmannaa gaafachaa turuusaanii Israa'el himte.

Akka Humni Waraanaa Israa'el (IDF) jedhutti, namoonni kunneen sadan "yeroo murtaa'eef" gamoo bakka itti rukutaman cinaa jiru tokko keessa turan.

Kun osoo kaan jiruu, Israa'el haleellaa qilleensaa gaggeessaa jirtuun Dilbata baqattoota kaampii Jabaliyaa keessa jiran 90 ajjeesuudhee ministirri fayyaa Gaazaa himeera.

Lakkoofsa baqattoota ajjeefaman jedhamee kana BBC'n walabummaan mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Haleellaan kun bakka jireenyaa maatiin lama keessa qubatan turan irratti akka raawwatame ministeerichi ibseera

Namoonni Hamaasiifi garee Filisxeemotaa michoota isaa ta'aniin butaman 120 ta'an ammallee Gaazaa Istriip keessa akkuma qabamanitti jiru jedhamee amanama.

Israa'el ammoo namoota butaman hunda akka gadhiisisuu qabdu dhiibbaan irrra gahaa jira.

Aanga'oonni Israa'el namoota sadan alaabaa adii mirmirsaa jiran ajjeesuun "danbii waraanaa" cabsuu akka ta'e amananiiru.

Namoonni kunneen Onkoloolessa 7 gaafa Hamaas kibba Israa'elittti haleellaa gaggeessuun namoota 1,200 ajjeesee kaan butee gara Gaazaatti fudhatee deeme qabaman.

Erga guyyaa sanaa kaasee Israa'el ammoo oppereeshinii haaloo ba'uu Hamaasiin dhabamsiisuu jettu fudhachaa jirti.

Aanga'oonni fayyaa akka jedhanitti haleellaa Israa'el gaggeessituun namoonni 18,000 ol ajjeefamanii, kuma dhibbaan kan lakkaa'aman ammoo qe'eerraa buqqaamaniiru.

Namoota ajjeefaman keessaa harki caalan daa'imman ta'uu isaanii ministeerri fayyaa Gaazaa himeera.

Israa'eloonni Hamaasiin butamanii Gaazaa keessatti Humna Waraanaa Israa'eliin ajjefaman: Yotaam Hayiim kan umuriin isaa waggaa 28 ta'e, Samiir Talaalkaa kan umuriin isaa waggaa 22 ta'eefi Aloon Shamriiz kan umuriin isaa waggaa 26 ta'e turan.

Humni waraanaa Israa'el jara butaman kana Jimaata darbe ollaa Shejaayaa Gaazaa Siitii keessatti dogoggoraan ajjeesuu hordofee mormii jabaan uumameera.

Anga'aan waraanaa Israa'el akka maqaan isa hin eeramne barbaadu tokko akka ibsetti, namoonni butamanii turan sadan mudhii ol qullaa isaanii gamoo jalaa yeroo bahan mul'atanii ture.

Sadan keessaa tokko erbee adii ulkeetti marame tokko mirmirsaa akka ture argannoon qorannoo jalqabaa waraana Israa'el ni mul'isa jedhan.

Israa'eloonni butaman kunneen walirraa fageenya meetira kudhanirra kan turan yoo ta'u, loltoota Israa'el keessaa tokko "shororkeessota" jechuun dhukaasni akka irratti baname aanga'aan kun dubbataniiru.

Lama battaluma rukkutamanitti kan du'an yoo ta'u, tokko garuu madaa'ee gara gamoo sanaatti deebiye.

Iyyi nuuf birmadhaa jedhu afaan warra Ibirootaatiin (Hebrew) dhaga'amuu hordofee ajajaan waraanaa loltoonni dhukaasuu akka dhaabaniif ajaje.

Inni madaa'ee tures yeroo mataa ol qabatetti rasaasaan rukkutamee ajjefamuu isaa aanga'aan kun ibsaniiru.