Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Qorattoota hedduu keessaa dorgomee badhaasa kana mo'achuu kootti baay'een gammade'
Barsiisaan Itoophiyaa keessaa jijjiirama hawaasaarratti qorannoo taasiseen badhaafame, badhaasni kun "hojiiwwan gara fuulduraatti hojjetuuf itti gaafatamummaa" kan isaa kenne tahuu hime.
Barsiisaan ganna 31, Firaanboon Tashoomaa, hojiilee qorannoo jijjiirama hawaasummaafi amalaa irratti xiyyeeffachuun hojjeteen Yaa’ii Jijjiirama Hawaasummaafii Amalaa taa’amaa jirurratti badhaafame.
Yaa’iin Jijjiirama Hawaasummaafii Amalaa sadaffaa Magaalaa Finfinneetti taa’amaa jiru, Ministeera Fayyaa fi Waldaa Ogummaa Barumsaafi Piromooshinii Eegumsa Fayyaa Itoophiyaa akkasumas michuuwwan birootiin qindoominaan kan qophaa’edha.
Yaa’ii kanarratti qorattoonni, ogeeyyiin, seera baaftoonni akkasumas qooda fudhattoonni biroon biyya keessaafi biyyoota biroorraa dhufan hirmaachaa kan jiran yemmuu ta’u, mariiwwan garagaraa taasisuun kallattiiwwanfii yaadawwan fayyummaa namootaafii hawaasaa fooyyeessuu danda’an akka kaa’aman eegama.
Gama biraatiin ogeeyyiifii qorattoonni buleeyyii fi ol adeemtonni damicharratti gumaacha taasisaniif beekamtiin kan kenname yemmuu ta’u Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaa mummee barnootaa Amala Fayyaafii Hawaasaa kan ta’e Firaanboon Tashoomaa kunneen badhaafaman keessaati.
“Biyyoonni guddataa jiran kan akka Itoophiyaa gama fayyaatiin rakkoo garlamee qabu. Inni tokkoffaan dhibeewwan daddarboofii daddarboo hintaanetu jiru.
"Dhibeewwan kun irra jireessaan amalaan walqabatanii dhufu. Kanaafis jijjiirama amalaarratti yoo sirriitti hin hojjenne yaaluu qofarratti yoo xiyyeeffannee baasii guddaa qaba.
"Kanaafis jijjiirama hawaasummaafii amalaarratti hojjechuun barbaachisaafii bu’aa guddaa kan argamsiisudha,” jechuun BBC’tti himeera.
Dabalataan “Ani akka qorataa dargaggeessa tokkootti keessattuu fayyaa haadholiifii daa’immaniirratti qorannoowwan taasisaan ture,” jedha Barsiisaa Firaanboon.
Dabaluunis, dhimma fayyaarratti hawaasa kakaasuu, duulawwan fayyaa akkasumas jijjiirama amalaarratti ergaawwan garagaraa qopheessuu irratti hojjechuu hima.
Hojiilee hojjete kunneenin beekamtiin kan kennameef yemmuu ta’u, “Qorattoota hedduu keessaa dorgomee badhaasa kana mo’achuu kootti baay’een gammade” jechuunis miira itti dhagahame himeera.
Dabaluunis “Badhaasni kun anaaf ergaa gurguddaa lama qaba. Inni tokko dhamaatiifii hojii hanga ammaatti hojjedheef beekamtii kennuudha.
"Inni lammaffaan immoo hojiiwwan gara fuulduraatti hojjedhuuf itti gaafatamummaa akka natti kennamettin fudhadha,” jedheera.
Waa’ee yaa’ichaa…
Yaa’iin Jijjiirama Hawaasummaafii Amalaa tokkoffaan ALA bara 2016 kan adeemsifame yemmuu ta’u, inni har’a eegalame isa sadaffaadha.
Yaa’iin guyyoota sadiif turu kun dhaadannoo ‘Jijjiirama Hawaasummaafii Amalaa misooma itti fufiinsaaf’ jedhuun adeemsifamaa jira.
Saganticharratti argamuun haasaa kan taasisan Ministeera Fayyaatti Hoji Raawwachiisaa Olaanaan Qunnamtii uummataafii Komunikeeshinii Fayyaa Dr. Taganee Raggaasaa, “Dameen hojii kun kanaan dura xiyyeeffannoo baay’ee kan hinarganne garuummoo baay’ee barbaachisaa ta’edha," jedhan.
"Hojii dhibee ittisuu hojjennu hojiirra oolchuuf dameen kun adda durummaan faayidaa qabeessa kan ta’edha."
Imaammanni fayyaa biyyattii dursanii ittisuurratti kan xiyyeeffate ta’uu kan himan Dr. Taganeen, “hawaasni keenya dhibeedhaan osoo hinqabamin dura fayyummaasaa akka eeggatuuf, fayyummaasaa akka fooyyessuuf hojjechaa turre, ammas hojjechaa jirra” jedhan.
“Dhibeewwan daddarboo kunneen akka dhukkuba busaa, HIV/Eedsii, dhibee sombaafii kunneen biroo akkasumas dhibeewwan daddarboo hintaane yeroodhaa gara yerootti dabalaa jiru.
"Biyya keenya keessattis amala magaalaa gara baadiyyaatti babal’achuu waan jiruuf imaammanni keenya ittisuu bu’uura godhachuun yaalanii fayyisuuf xiyyeeffannoo kan kennudha,” jedhan.
Kana malees namoonni dhibeewwan daddarboofii daddarboo hintaaneerraa akka of eeganfii mala jireenyaafii sirna nyaataa isaanii akka jijjiiraniif hojii barsiisuu hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Yaa’ii kanarrattis waraqaawwan qo’annoo garagaraa dhiyaatanii kan irratti mari’atamuu ta’uu himaniiru.
Mariiwwan kunneen bu’uura gochuunis sosochiin biyyaalessaa akka taasifamu himaniiru.
“Namni fayyaasaa akka eeggatuuf hojiin jijjiirama hawaasummaafii amalaa itti fuffiinsa qabufii walirraa hincinne ni barbaachisa. Adeemsa kana keessattis deeggarsa baay’ee barbaanna” jedhaniiru.