Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sababni yeroo hunda halkan sa'aa 9'tti hirriibaa itti dammaquuf maali?
Halkan akka tasaa hirriibaa dammaqxanii deebitanii rafuuf rakkattanii beektuu?
Dhiphinni, hormoniiwwan, kaka'umsi amantaa yookiin rakkooleen fayyaa garagaraa dhimmoota namoonni halkan sa'aa 8 yookiin 9'tti hirriibaa akka dammaqan taasisan ta'uu barreeffamoonni garagaraa himu.
Dhimmi kun mataduree falmii ta'us ispeeshaalistoonni hirriibaa garuu halkan keessa yeroo gabaabaaf hirriibaa dammaquun taatee uumamaa akka ta'e himu.
"Hawaasni kan nu barsiise al tokko rafnaan hirriibni keenya osoo walirraa hincitiin itti fufiinsaan deemuu qaba kan jedhudha. Haa ta'u malee dameen yaala hirriibaa akka jedhutti halkan hirriiba gidduutti dammaquun waan baramaadha" jedhu UK'tti daayrektara Kilinika 'Sleepyhead' kan ta'an Istefaanii Romiszewski.
Hirriibni marsaa irra deddeebii daqiiqaa 90 ta'uun kan uumamu yemmuu ta'u, hirriibni rafnus salphaadhaa hanga cimaatti ta'uu danda'a.
Haaluma kanaan marsaawwan hirriibaa halkan tokko keessatti uumaman keessatti namni ga'eessafi fayyaa ta'e tokko al lamaa hanga afurii akka dammaqu qorattoonni hirriibaa himu.
Yeroon dammaqiinsaa kunneeniis sekondiiwwan muraasa qofaaf kan turan yemmuu ta'u, namoonni heddu hirriibaa dammaqanii akka turanillee hinyaadatan.
Gama biraatiin walakkaa halkanii isa jalqabaatti namoonni hirriiba cimaa kan rafan yemmuu ta'u, walakkeessa halkanii boodammoo hirriibni salphachaa deema. Kanaafis walakkeessa halkanii booda jeequmsi xiqqaaniyyuu hirriibaa nudammaqsuu danda'a.
Namoonni walakkeessa halkanii booda hirriibaa dammaquusaanii kan yaadatanis yeroon sun yeroo hirriiba salphaa keessa itti ta'an waan ta'eefi.
Haa ta'u malee hirriibaa dammaquun kun rakkoo kan ta'u namni tokko guutummaatti dammaqee isa booda hirriibni naqabuu dhiisuu mala jedhee kan yaadda'u yoo ta'edha.
Namoonni tokko tokko maaliif deebi'anii rafuu dadhabu?
Walakkeessi halkanii darbee gara bari'uutti yemmuu deemu qaamni namaa guyyaa itti aanuuf qophaa'uu eegala.
Yeroo kanatti hammi hormonii kortiisol kan dammaqiinsa uumu adeemsa keessa dabalaa deema.
Uumamaan adeemsi kun ifatti kan mul'atu miti. Haa ta'u malee sammuun keenya hirriibaa dammaquu keenya yaaddoo walin kan walqabsiisu yoo ta'e hammi hormonii kortiisoolii akka malee dabaluun deebi'anii rafuun ulfaataa ta'a.
"Hirriibaa dammaquunkee sirrii akka hintaane yoo sitti dhagahame deebitee rafuuf tattaafii gochuu eegalta. Hanguma rafuuf xaartu caalaatti dammaqaa deemta, hirriibas ofirraa dhiibaa deemta" jedhu Romiszewskiin.
Gama biraatiin sababoonni dhimma fayyaan walqabatan kan akka hargansuun hirriiba gidduutti adda ciccituu (sleep apnea), miilli boqonnaa dhabuu (restless legs syndrome) fi rakkoon xannacha taayiroyidiis al tokko dammaqnaan deebi'anii rafuu ulfaataa taasisuu danda'u.
Dabalataan galgala keessa soorata baay'inaan soorachuu yookiin nyaatawwan sukkaarafi kaaffeenii baay'ee qaban fudhachuun adeemsa hirriibaa keenya jeequu danda'u.
Alkoolii dhugiinis hirriiba wajjin walqabatee rakkoo of danda'e qaba.
"Alkooliin daftee akka raftu sigargaaruu danda'a. Garuummoo sa'aatiiwwan sadi hanga afurii itti aanan keessatti wayita alkoolichi tiruudhaan caccabu akka alkoolichi si'eessituutti hojjechuu eegala" jedhu Indiyaa magaalaa Mumbaayitti Hospitaala Wockhardt keessatti ogeessa dhukkuba sammuufi narvii kan ta'an Dr. Piraashaant Mahihija.
Sababa dubartoonni dhiirota caalaa hirriibaa itti dammaqan
Dubartoonni dhiirota caalaa adda ciccituu hirriibaaf saaxilamoo akka ta'an qorannooleen agarsiisu. Halkan keessas dhiirota caalaa yeroo baay'ee dammaqu jedhu.
Jijjiiramoonni hormonii marsaa laguun walqabatan, ulfi akkasumas laguun bifa dhaabataa ta'een dhaabbachuun (menopause) immoo wantoota kanaaf sababa ta'an keessaati.
Haa ta'u malee dhiibbaawwan hawaasummaa hirriiba dubartootaa jeeqan jiraachuusaanii garuummoo xiyyeeffannoo gahaa kan hin arganne ta'uu Romiszewski himu.
"Dubartoonni galii argataniin maatiisaanii jiraachisan, kophaasaanii daa'imman guddisan fi kunuunsan ni jiru. Itti gaafatamummaawwan namoonni biroon hinqalbeeffanne baatanii jiraatu" jedhu.
Dubartoonni hedduunis hojii booda yeroon boqonnaa itti argatan galgala qofa waan ta'eef osuma rafuu qabanuu yeroo hirriibaasaanii achi akka dhiibanis himu.
Hirriibatti deebi'uu
Hirriiba keessaa dammaquun taatee uumamaa ta'uu kan himan ogeeyyiin xiyyeeffannoon keenya 'hirriibaa dammaquu hinqabnu' kan jedhurratti osoo hintaanee amaloota hirriiba fayyaqabeessaa gabbifachuurratti ta'uu qaba jedhu.
Kanaafis sa'aatiin ganama hirriibaa itti kaanu dhaabbataa akka ta'u gochuu, hirriibaa erga kaanee boodas dafnee ifa aduutti bahuufi qaama keenya sosochoosuun sa'aatiin uumamaa qaama keenya keessa jiru sagantaa keenya akka baru taasisa, fedhii halkan keessa rafuu keenyaas ni dabala.
Kana malees yeroo dadhabnufi miirri hirriibaa nutti dhagahamu qofa gara siree keenyaa akka deemnus ogeeyyiin gorsu.
Halkan hirriibaa yeroo dammaqnuttis bilbila keenyatti hiixachuun akka hinbarbaachisne kan himan ogeeyyiin, bilbila keenya kan ilaallu yoo ta'e yeroon hirriibaa hagamii akka nuhafe shallaguun dhiphina keenya dabaluu akka danda'u himu.
Kanaafis hirriibaa erga dammaqnee daqiiqaa 20 yoo ta'e gara kutaa biraa deemuun iddoo ifaan dimimmisaa jirutti waa hojjechuun yeroo miirri hirriibaa nutti dhagahamu deebinee akka rafnus gorsu.
Haa ta'u malee halkan irra deddeebiin hirriibaa kan dammaqnu yoo ta'e, osoo deebinee hin rafin yeroo dheeraa kan turru yoo ta'e akkasumas hojiifi jireenya keenyarratti dhiibbaa geesisaa jira yoo ta'e ogeeyyii mariisisuun akka qabnu gorsu.
Haa ta'u malee jijjiiramni namoonni hirriibasaaniin walqabatee gochuu danda'an inni guddaan hirriibnisaanii muudaa tokkoyyuu kan hinqabne akka ta'u eeguu dhiisudha jedhu ogeeyyiin. Hirriibni uumamaan haala wajjin akka jijjjiramu heeyyamuunis barbaachisaadha jedhu.