Mata duree 'Ashaaraa Magarsiisaa' jedhuun waggaa saddeet dura kan eegale sagantaan biqiltuu dhaabuu kun, hirmaannaa kutaalee hawaasaa fi qaamolee mootummaa hundaan raawwatama.
Sagantaan kun galma ijoo bulchiinsa isaanii ta'uu Ministirri Muummee Abiy Ahmad irra deddeebiin ibsaa turan.
Sagantaa biqiltuu dhaabuu kanarratti Ministira Muummee Abiy dabalatee qondaalonni mootummaa biyyattii ni hirmaatu.
Sagantaan kun bara 2019 mootummaa Ministira Muummee Abiyyiin kan eegale yoo ta'u lakkoofsi biqiloota dhaabanii waggaa waggaan dabalaa jiraachuu ragaa mootummaa biyyattii ni mul'isa.
Kan baranaas lakkoofsi kan kanaan duraarra dabaleera.
Guyyaatti biqiltuu miiliyoona 80 dhaabuuf karoorfame.
MM Abiy wayita sagantaa baranaa jalqabsiisan ''har'a Itoophiyaanonni ashaaraa waaraa dhaloota itti aanuuf darbu keewwachuuf guyyaa sagantaa dhaabbii biqiltuu waggaa biyyaalessaa guyyaa tokkootiif itti walgahanidha,'' jedhan.
Itoophiyaan ji'oota afur booda yaa'ii jijjiirama qilleensaa COP 32 kan qopheessitu yoo ta'u, dhaabbiin biqiltuu kunis kora guddaa addunyaa kanarratti akka fakkeenyummaan dhihaatu barbaaddi.
''Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo akkasumas miseensota Koree Biyyaalessaa COP 32 waliin taanee ashaaraa keenya keewwachuudhaan imala waloo kanaaf gumaacha gama keenyaa gooneerra,'' jedhan MM Abiy.
Lammiileen Itoophiyaa hundi guyyaa guutuu itti fufuun galma biqiltuuwwan miliyoona 800 dhaabuuf kaa'ame akka milkeessanis dhaamaniiru.
Bara 2019 wayita duulli ashaaraa magariisaa eegalu guyyaatti biqiltuun miiliyoona 350 ta'u dhaabamuutu ibsame.
Har'a ammoo biqiltuu miiliyoona 800 akka dhaabamu ibse mootummaan.
Waliigalatti hanga yoonaa biqiltuun biiliyoona 48 ta'u dhaabamuu ragaan mootummaa biyyattii ni mul'isa.